Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Biyyaa ormaatti maatiin da'imman akkamiin Afaan Oromoo barsiisu?
Maxxanfame
Afaan barachuun guddina daa'immani keessatti dhimma murteessaa dha. Of-ibsuuf, namoota waliin hariiroo uumuufi eenyummaa isaanii hubachuuf isaan gargaara.
Oromoota biyyoota hambaa keessa jiraachaa maatii horatan keessa tokko tokko akkataa isaan ittiin daa'imman isaanii Afaan Oromoo barsiisani gaafannee jirra.