Paayileetotni daandii Xiyyaaraa Yunaayitid hidhaman

Madda suuraa, Spindrift
Paayiletoonni daandii xiyyaaraa Yunaayitid lama Gilaasgoo irraa gara Niiwu Yoorkitti balali'uuf osoo xiyyaara hin koriin dura qorannoo hafuuraa kan akka alkoolii dhuguufi dhiisuu ittiin qoratamuutiif hayyamamoo ta'uu diduu isaaniitiin to'annaa jala oolfaman.
Namoonni kunneen lamaan umuriin isaanii ganna 45 fi 61 yommuu ta'an, hanga ammaatti himanni osoo irratti hin banamiin to'annaadhuma poolisii jala jiru.
Gaafa Kibxataa Mana Murtii Paisley Sheriff tti dhiyaatu jedhamees eegamaa jira.
Poolisiin Iskootlaand akka mirkaneeffatetti paayiletootni kunneen kan gara buufata xiyyaaraatti waamaman 07:35 BST irratti ture.
Namoonni kunneen lamaan osoo xiyaara UA162 hin koriin dura ture kan to'annaa jala oolfaman.
Xiyyaarri isaan balaliisisuuf turan sun New Yoorkirraa saatii 09:00 irratti imaluuf turullee akka haqamu taasifameera.
Paayiletoonni hidhaman
Yunaayitid Ayeerlaayinsillee ibsa baaseen akka jedhetti, nageenyi maamiltoota keenyaafi garee keessummeessitoota keenyaa "yeroo hundaa dhimma xiyyeeffannoo angafaa itti kenninudha".
Ibsichi akka jedhutti: "Nuti hojjetoota keenya hunda sadarkaa hunda caalutti isaan to'anna seera baayyee cimaa ta'eefi alkooliidhaaf ammoo obsa hin qabnu.
"Paayiletoonni kunneen yeroodhuma sana tajaajila kennuurraa ari'atamanii nutis aanga'oota naannoo waliin guutummaatti tokkummaadhaan hojjenna."
"Yeroo kanatti, akka maamiltoonni keenya gara imala isaaniitti deebiyaniif hanga danda'ametti hojjechaa jirra."
Dubbi-himaan Poolisii Iskootlaan akka mirkaneeffatetti, namoonni lama kan umuriin isaanii ganna 61fi 45 ta'an qabamanii to'annaa poolisii jala oolfamaniiru. To'annaa kana jala kan turanis hanga Kibxata gaara Agayya 6, yakka ittiin shakkamaniin kan Labsii Nageenya Daandiiwwan Baaburaafi Gaajibaa 2003 jalatti ilaalama.
Seerri kun dhiibbaa alkooliifi qoricha nama hadoochan jala ta'anii hojiiwwan paayletii gaggeessuu ilaallata.
Qorannoo hafuuraan hanga alkoolii dhuganii adda baafachuu kan paayileeetotaa hayyamamu walakka warra konkolaachistootaariin gadidha.
Bara 2017 keessa, paayileetonni Yunaayitid Ayerlaayinsii lama Buufatuma Gilaasgoodhuma kanati seera hanga dhuganii xiyyaara hoofuun hayyamamuu dabarsanii hidhamanii turan.
Qondaalli Poolisii Duraa Paawol Girebenc, namni umuriin isaa ganna 35 baatii 10 akka hidhamu itti murtaa'ee ture.
Jaalleen hojii isaa Kaarlos Roobertoo Likoonaa namni umuriin isaa ganna 45 ta'e ammo baatiiwwan 15 akka hidhamu itti murtaa'e.
Lamaan isaanii Agayya 27 bara 2016 osoo balali'uudhaaf qoqophaa'aa jiranii Gilaasgootti to'annaa jala oolfaman.Paayiletoonni dhaabbata tajaajila xiyyaaraa Yunaayitid Ayirlaayensii lama Gilaasgoo irraa gara Niiwu Yoorkitti balali'uuf osoo xiyyaara hin koriin dura qorannoo hafuuraa kan akka alkoolii dhuguufi dhiisuu ittiin qoratamuttiif hayyamamoo ta'uu diduu isaaniitiin to'annaa jala oolfaman.














