Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ingilizitti namichi daandirratti osoo fincaa'uu argame baaburaan imaluu dhorkame
Nama Ingilizitti naannoo buufata baaburaatti osoo fincaa'uu argame tokko akka baaburaan hin imalle poolisiin dhorkamuu gabaafameera.
Poolisiin Geejjiba Biritiish adabbii kana kan dabarse balleessaan kuni gaafa Dilbataa raawwatamuun isaa erga gabaafamee booda.
Poolisiin akkuma namicha balleessaa kana raawwateen argeen yeroosuma akka inni daandiirraa qulqulleessuu qabu harataa itti kennuun harsiiseeras.
Namoonni suuraa namicha yeroo qulqulleessu agarsiisu waliif qoodaa wanti raawwate ''waan fudhatama hin qabne'' jechuun qeeqaniiru.
Isa irrattimmoo manni fincaanii buufata baaburaa banaa ture yeroo kana raawwatu.
Poolisiinis namicha karaarratti fincaa'e kana akka qulqulleessu erga taasiseen booda baaburaan akka hin imalle taasiseera.
Dabalataanis, buufata baaburaa irraa akka fagaatu poolisiin kan taasise.
Poolisiin Tiraanisportii Biritiish fuula tiwiitara isaa irratti akka barreessetti, adabbiin namicha irratti fudhatames seeraan waan barraa'e ta'u baatus akkanumaan akka adabame ibsa.
Haata'u malee, akka baaburaan hin imalle kan dhorkame bu'uura seeraa kan geejjibaa bara 2000 bahe bu'uura godhachuun jedha.
Seerri kuni namoonni yoo machaa'an ykn waan dhugaatii yoo qabatan akka hin imalle dhorka.
Dubbii Himaan Poolisii Geejjibaa Biritiish akka ibsetti, ''namichi balleessaa kana raawwate waan adabameen waan gadde hin qabu.''