Joordaan godambaa konkolaataawwan waraanaa kan bishaan jalaa agarsiiste

Maxxanfame

Joordaan godambaa waraanaa jalqabaa kan bishaan jalaa naannoo qarqara Galaana Diimaa agarsiiste.

Sagantaa gaafa Roobii adeemsifameen biyyattiin taankiiwwan, konkolaataawwan waraanaa, helikooptariifi loltuuwwan dhidhimsiisteetti.

Konkolaataawwan akka lafa waraanaa jiranitti akka fakkaatanitti kaa'aman.

Qondaalotni mootummaa agarsiisni kuni turistootaaf ''waan haaraa'' dha jedhaniiru.

Ispoortii, naannoofi agarsiisaaf ni taha jedhan.

Mirga abbummaa suuraa eegamaa dha.