'Leenjiin argadhuun biyyoota Arabaa deemee hojjechuun fedha'

Ibsa waa'ee viidiyoo, 'Leenjiin argadhuun biyyoota Arabaa deemee hojjechuun fedha'
Maxxanfame

Kanaan dura karaa seeraan alaatiin godaanee Yaman ga'ee kan deebi'e dargaggeessi umurii waggaa 18 kun ammas gara biyya Arabaa deemuuf leenjii fudhachaa jira.

Wayita godaansarra ture gidiraa irra ga'es ni dubbata.

Barumsa isaa gara kutaa sagaliitti darbee sanaa ol barachuu waan hin dandeenyeef godaanuuf akka murteesse dubbata.

Ammammoo erga leenjii argatee yaadi isaa ammas garasuma ta'uu himeera.