Dooniin Faransaay bara 1968 achi buuteen dhibe argamte

Maxxanfame

Dooniin Faransaay namoota 52 fe'attee galaana jala imalaa osoo jirtuu achi buuteen ishee dhabame waggaa 50 booda argamte.

Dooniin achi buuteen ishee dhibee maatiifi firoota namoota waliin badaniif hibboo waggaa 50 taate kun naannoo odola Tuulon jedhamutti hojii dirqamaaf yeroo bobbaatee ture.

Doonii argamte kana Ministira Ittisaa biyyattii Filoorens Paarlii turan kan fuula Tiwiitera isaaniirratti beeksisan.

Doonittiin bakka Odolattii irraa fageenya kiiloomeetira 45 irratti argamu kiiloomeetira 2.3 dhidhimtee akka argamte ibsameera.

Yeroo sanatti rakkoo doonitti mudateefi akka isheen badduuf sababa kan ta'e hanga ammaas wanti bira ga'ame hin jiru jedhameera.

Yaaliiwwan yeroo hedduu doonii baddee turte kana arguudhaaf taasifamaa turan martinuu hin milkaa'iin turan.

Obbo Paarliin akka jedhanitti Doonittiin kana akka haaraatti barbaaduun jalqaba bara kanaa kan deebi'amee jalqabameef gaaffii firoonniifi hiriyyoonni namoota dhuman kana waliin walqabateeti.

"Kun milkaa'ina guddaadha, boqonnaas namaaf kenna. Ani waa'ee namoota hanga yeroo kanaatti hirmii baafachuuf yeroo dheeraa kana eegaa turaniin yaada."

Gareen Doonii waggoota 50 badde akka haaraatti irra deebi'anii barbaaduun argatan kun ragaa balaa qaqqabe sanarraa kan akka raafama bishaanii dabalatee argatan teekinoloojii haarawaa fayyadamuu AFPn gabaaseera.

Argannoon xumuraa kan taasifame bidiruu kampaanii dhuunfaa 'US Ocean Infinity' jedhamuun akka ta'e anga'aan humna waraana galaanaa Faransaay maqaan isaani hin ibsamne tokko himaniiru.

Maatiin namoonni jalaa dhabaman, kan abbaan warraa irraa du'e dabalatee akka haaraatti akka barbaachdamu gaafatanii booda ture barbaacha yeroo hedduu hin milkaa'iin hafeen booda akka haaraatti barbaacha jalqabameen kan milkaa'e.