Kalaqxoota BBC: 'Kun dhuguma Ijaajjiitti hojjetamaa?'

Ibsa waa'ee viidiyoo, 'Kun dhuguma Ijaajjiitti hojjetamaa?'
Maxxanfame

Seensa Magaalaa Ijaajjiitti suuqiin xiqqoo tokko, kan kopheen gurguddaa, haarawaafi akaakuu adda addaa toora galee fannifamee jiru argine. Itti gorree odeeffanne.

Dhuguma kun magaalaa kanatti akkamiin hojjetamuu danda'e kan jedhu qalbii keenya hawwatee fedhii ballinaan iyyaafachuu qabnurraan bira sobborre.

Hundeessaafi hoji-gaggeessaa mana omisha Kophee Kookeet jedhamu kanaa kan ta'e dargaggoo Geetuu Yaasin dubbisne.

Viidiyoo: Yaadataa Biraanuu fi Biraanuu Gammachuu