Waraanni Sudaan 'hidhamtoota siyaasaa hiikuuf waliigale'

Marii Sudaan

Madda suuraa, EPA

Maxxanfame

Humna waraanaa Sudaan aangoo biyyatti harkaa qabuufi mormitoota gidduutti mariin adda citee ture eegalee, hidhamtoota siyaasaa hiikuuf waliigalteerra gahame.

Caamsaa keessa Mana maree walabaa yeroo ce'umsaa kanatti biyyatti hogganu ijaaruu irratti wal dhabdeen uumamee mariin adda citee ture.

Jaarsummaa MM Abiy Ahimad fi Gamtaa Afriikaan mariin adda citee ture deebi'ee akka eegalamu taasifameera.

Mariin kanaan qaamoleen lamaanuu akkamiin mana maree walabaa kana akka ijaaran waliigalteerra akka gahaniifi biyyattiin gara bulchiinsa siiviliitti akka ceetu abdiin jira.

Marii jalqabaa Roobii taasifameen humni waraanaa biyyattii hidhamtoota siyaasaa gadi dhiisuuf waliigalu isaa jaarsi Gamtaa Afriikaa himeera.

Namooti meeqa akka hidhamaniifi meeqa akka gadi dhiifaman hin dubbanne.

Humni waraanaa biyya bulchaa jiru aangoo bulchiinsa siiviiliif dabarsee akka kennu hawaasa idil-addunyaa irraa dhiibbaan irra gahaa tureera.

Dilbata darbe guutuu biyyattii keessatti hiriira mormii jijjiirama gaafatu guddaatu ture.

Tajaajilli intarneetii ji'a tokko guutuu cufamuufi hogganoonni mormitootaa doorsifamaa jiraachuu morman warri hiriira bahan.

Caamsaa darbe mariin qaamota lamaanii osoo adda hin citiin dura, mana maree walabaa siiviilonni keessatti heddummatan dhaabuufi ce'umsi waggaa sadiif akka turu walii galanii turan.