'Ameerikaan wal-diddaa uumuuf rafte hin bultu' jette Kooriyaan Kaabaa

Madda suuraa, AFP
Ameerikaan "gocha wal-diddaa ykn jibba uuman raawwachuuf raftee hin bultu" jechuun Kooriyaan Kaabaa qeeqxe.
Jilli mootummaa Kooriyaa Kaabaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii, Ameerikaan "araada qoqqobbii qabdi" qabdi jechuun dubbatan. Kuni Roobii ta'e.
Mootummaan Ameerikaa "nagaa odola Kooriyaa keessatti uumamaa jiru tuffate" jechuunis komataniiru.
Kuni erga hogganoonni biyyoota lamaanii guyyoota muraasa dura haala seena qabeessaan wal arganii mari'atanin booda.
Donaald Tiraamp fi Kiim Joong Un Dilbata darbe lafa humna waraanaa irraa bilisa ta'e Kooriyoota lamaan gidduu jiru irratti wal arganii turan.
Kana gochuunis Tiraamp pireezidantii Ameerikaa osoo aangoorra jiru dachee Kooriyaa Kaabaarra ejjete isa jalqaba ta'eera.
Hogganoonni lamaan gaafas marii sa'aati tokko tureen gareelee marii dhimma Niwukileeraa dhabamsiisuu adda citee ture itti fufsiisu hundeessuuf waliigalanii gargar bahan.
Ibsi Kooriyaa Kaabaa kan amma kun garuu miiraa waliigaltee sanaa irraa adda kan ta'eefi biyyoota lamaan gara wal-diddaa yeroo dheeraaf gidduu isaanii tureetti kan isaan deebisudha.
Kooriyaan Kaabaa maal jette?
Akka Kooriyaan Kaabaa jettutti ibsi kun kan kenname Ameerikaa, Jarmanii, Firaansi fi UK'n waliin ta'uun qoqqobbii haaraa Kooriyaa Kaabaarra akka kaa'amu biyyoota miseensota Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii hundaaf xalayaa waan barreessaniifi.
Xalayaan kun biyyoonni hundi lammilee Kooriyaa Kaabaa biyya isaanii keessatti hojjetan gara Kooriyaa Kaabaatti akka deebisan gaafata jetti.
"Xalayaan kun guyyaa pireezidanti Tiraamp hogganaa Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Un waliin wal arguuf gaafatan kan barraa'e ta'uun isaa waan cal jennee bira tarru miti" jetti Kooriyaan Kaabaa.
"Kuni Ameerikaan Kooriyaa Kaabaa waliin jibba qabduu fi wal diddaa uumuuf rafte akka hin bulle ifatti mul'isa" jette.
Miseensonni Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii gocha 'nagaa odola Kooriyaa keessatti uumamaa jiru tufachuu fi xiqqeessuu' itti jirtu xiyyeeffannaan hordofuu qabu jette.
Ameerikaan rakkina hunda qoqqobbiin furuuf yaaluun ishii gonkumaa waan ta'uu hin malles jetteetti.
Ameerikaan dhimma kanarratti waawuu hin jenne.














