Teeksaasitti xiyyaarri kufee caccabe namoota 10 ajjeese

Tajaajila yeroo balaa hatattamaa

Madda suuraa, @JudgeClayJ on Twitter

Ibsa waa'ee suuraa, Tajaajila yeroo balaa hatattamaa
Maxxanfame

Xiyyaarri xiqqaan buufata xiyyaaraa Teeksaas keessatti kufee caccabe namoota xiyyaaricha keessa turan kurnanuu ajjeese.

Xiyyaarri BE-350 kan 'King Air' ta'e ka'ee osoo baay'ee hin turiin buufata xiyyaaraa Addison jedhamutti kan kufe.

Gara Filooridaa imaluuf kan ture xiyyaarri kun tasa kallattii isaa jijjiiree man-kuusa gurguddaa xiyyaaronni keessa dhaabbatan irratti kufe, battalatti abiddi itti qabate.

Lubbu baraartonni battalatti kan dhaqqaban ta'us, wayita gahan namni lubbuun hafe hin turre.

Eenyummaan namoota lubbuu dhabanii aanga'oonni ifa hin taasifne. Firoota isaanii barbaada jiru.

Aara lafa balaan itti mudate ture

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Aara lafa balaan itti mudate ture

Bakka balaan mudatetti aarri gurraachi mana xiyyaarichi irratti kufe keessa yoo bahu viidiyoon ni mul'isa.

Wayita xiyyaarichi kufetti manicha keessa namni hin turre.

Sababni balaa kanaa qoratamaa jira. Haata'u malee motora isaa rakkoowwaan mudateef akka ta'e odeeffannoowwan hin mirkanoofne ni mul'isu.