Dubbi himaan paartii Sochii Biyyaalessaa Amaaraa (ABN) gadhiifame

Maxxanfame

Dubbi himaan paartii Sochii Biyyaalessaa Amaaraa Obbo Kiristiyaan Taaddalaa kaleessa to'annoo jala olfamee ture gadhiifame.

Obbo Kiristiyaan miseensoota sochichaa waliin Naannoo Amaaraa Aanaa Sakalaa jedhamutti to'annoo jala oolee kan ture.

Obbo Kiristiyaan har'a gamana BBC'tti akka himetti, miseensi dhaaba isaanii waan hidhameef isa gaafachuuf wayita garas imaletti polisiin naannichaa geejjiba irraa buusuun 'akka barbaadaman' itti himuun ambulaansiidhaan fudhatee deemuu ibsa.

''Haa ta'u malee ambulaansiin deessuuf malee tajaajila biraatii oolu hinqabaatu, yoo na shakkitan konkolaata poolisiitiin na geessu dandeessu'' jechuun akka deebiisaniif himu. Isa boodas geejiba duraa ittiin deemaa tureen buufata poolisii erga gahanii booda ''isiin shakkineera'' jechuu akka hidhan hima.

Sababii inni guddaan hidhamuuf isaan geessees hinshakkamnu jechuusaaniitiifi dhufaatii keessaniin walqabatee ummanni gara tasgabbii dhabuutti akka hindeemnee yaadameeti''deebiin jedhu akka kennameefi shananuu mana hidhaatii akka gadhiifaman dubbata.

Haa ta'u malee aangaa'oonni aanaa fi naannoo lama ammas achuma aanicha keessatti hidhaa keessatti akka argaman himu. Sababiin ittiin hidhamanis ilaalcha siyaasaa addaa qabdu kan jedhuufi jibbaa dhunfaatiin jedheera.

''Miseensoota nu waliin hidhaman keessaayis aanga'a zoonii keenya kan ta'e Dasaala Gabayahuun adda baasuun fudhachuu reebicha irratti raawwataniiru. Kuni haaloo dhuunfaa fayyadamuun miidhaan akka raawwatamu kan mullisuudha,'' jedheera.

Walumaagalattis, miseensoonnii fi deegartoon paartichaa jaha naannoo Amhaaraatti dhidhaarra jiru jehdeera.

"Balaa torbaan darben akka ummataa hundi keenyaa miidhamneera. Kaan sababiin kaaniitti caalaa dhagahamee kaan biraa ammoo itti dhagahamuuf hinjirreef hinjiraatu" ka jehan Obbo Kirsitiyaan, Finfinneefi oromiyaatti kanneen hidhaman ilaalchisee ragaa haaraa hinqabu jidhu.

Kamisa darbees miseensoonni paartichaa 100 ol ta'an Finfinnee fi oromiyaa bakkeewwan garaa garaatti to'anno jala olfamu BBC'tti himanii turan.