Seneetiin Ameerikaa meeshaleen waraanaa Sa'udiitti akka hin gurguramne murteesse

Madda suuraa, Getty Images
Seneetiin Ameerikaa Meeshaleen waraana doolara biliyoona sadeetiiti baasu Sa'ud Arabiyaatti akka hin gurguramne walii galte turte amma akka waliigaltichi akka dhorkamu murteesse.
Sa'ud Arabiyaan morkattuushii Iraanirraa doorsisa cimaatu mudataa jira jechuun Mr. Tiraamp meeshalee waraanaa doolara bln 8 baasu akka Sa'udiitti gurguramuuf yaalii taasisaa turaniiru.
Kaleessaa garuu yaa'ii paartiilee biyyatti gurduddoo laman hirmaachiserratti Seeneetiin Sa'udiin akka meeshaleen waraanaa hin bitanne murtee dabarseera.
Murtee amma seeneetiichaan dabaframee kunis Tiraampiif kisaaraa olaanaadhas jedhameera.
Kanaafu, Pirezedanti murtoo kana jijjiruuf akka jiran dubbataniiru. Diimokiraatonni Mana Maree keessatti heddumatan meeshalee waraana kun Sa'udiitti akka hin gurguramne akka daangessanitu eegama.
Xiinxaltoonni akka himatti murtoo Tiraamp jijjiru akka hin dandeenye amanamaadha.
Wixineen jalqaba fi yeroo lammaffaa sagalee 53-45'n kufe,wixineen sadaffaan dhimma gurgurtaa meeshaa waraanaan walqabatu sagalee harka 51-45'n darbe.
Tiraamp meeshaa waraanaa gurguuf kan turan Sa'ud Arabiyaa qofatti osoo hintaane, UAE fi Jordaanitti akka ture barameera.
Mr.Tiraamp waldhabbiin Iraan waliin jiruu dabaluu hordofuun, seera Mootummaa Federaala yeroo baayyee itti hin fayyadamne eeruun meeshalee meeshalee waraana kana gurguruuf turani jedhameera.
Waldhabbiin kun waraana biyyota lamaan gidduutti akka hin uumne sodaa uumeera.














