Qooda hojii: Aanaa Dabira Libaanoositti hojii saalaan qooduun hafaa jira

Guyyaa waaree qe'ee obbo Tashoomaa Gabireeefaa geenyee. Gaazexeessitoota tahuu keenya erga itti himneen booda.
''Isa isin hojii dhiiraa kan dubartii jedhamu dhiistanii, wal gargaarsaan jiraachuu jalqabdan dhageenye isin haasofsiisuuf dhufne,'' jenneen.
''Maarree ol seenaakaa buna isinii danfisa'' nuun jedhan obbo Tashoomaan.
Obbo Tashooman gomjii isaanii gadi baafatanii hanxaxii gidduu kaa'an.
Buna eelee sibilaa irra kaa'an bishaan itti buusanii barruu isaanii qixxa lamaanitti 'shakak' 'shakak' gochaa dhiquu jalqaban.
Godina Shawaa Kaabaa aanaa Dabiralibaanoos keessa dhaabbatni miti mootummaa CSSP (Civil Society Support Program Ethiopia) piroojektii 'SASA' jedhamu hojiirra oolcha.
Piroojektiin kunis madaala humnaa dhiiraafi dubartii gidduu jiru geeddaruufi haleellaa dubartoota irra gahaa jiru hir'isuuf barnoota hubannoo kennaa turuu qindeessituun piroojektichaafi dura teessuun Waldaa Dubartootaa Aanaa Dabiralibaanoos aadde Qonjit Damissee nutti himan.
Waan saalfii
''Dur hojii manaa tokkoyyuu hin hojjetu bishaan waraabuuniyyuu isa qaanessa halkan sa'aa 10 keessa tirikaa qabatee akka namni isa hin arginetti waraabaa ture'' jedhu haati warraa obbo Tashoomaa adde Mishiitee.
Hojii bakkee qixxee dalagaa oollee dhufnee, ''waan afaan keewwannu ganaa hojjetama'' yoo jedhame ''akkamitti, maal gochaa turte'' jedhee na arrabsee gara lafa ciisichaa isaatti adeema.
''Amma isa durii sana dhiisee bakkee oollee gaafa gallu ana wajjin qixxee taa'ee ani yoon eelee dhaabe inni ittoo hojjechaa, ibidda itti tuqachaa, bunas akkuma argitu ni danfisa'' jedhan adde Mishiitee
Ijoolleen isaanii gaafa dhukkubsatanii waliin hakiimii akka deeman nutti himan.
''Waan hunda wal gargaarre hojjechaa jiraachaa'' jirra jedhan.
Buna shaggaa obbo Tashoomaan nuuf danfisan erga unanneen booda gara ganda obbo Jifaaraa Xilaayeeffaatti qajeellee.

Madda suuraa, Getty Images
Takka yaa distii, takka yaa eelee.....
Obbo Jifaaraan bishaan diida isaaniitii waraaban sa'aa isaaniif otoo qicanii itti baane.
''Wallaalummaaf'' hojii dhiiraafi dubartii jennee qaanofne malee hojii wal gargaarsaan hojjetamu akka qabu nutti himan.
''Dur waxii affeeluun kan dubartiitii yoo kaatee hin affeelle ulee dha, wal-dabaddabuun jira'' jedhan, barumsa erga arganneen booda dhiisne jedhan obbo Jifaaraan
''Ganama haati warraa koo yoo buna danfistu irratti hin ilaalu; animmoo ka'een bishaan nan waraabaa, qoraan nan falaxa achii daddafnee gara hojii keenyaatti bobbaana kuni immoo yeroos nuu qusata'' jedhan obbo Jifaaraan
''Yoggaa dubartiin daa'ima wajjin xaartee, takkaammoo ibiddattii kaattu hojii dubartiiti jenne ganna''
Jiruun yoo itti baay'atu qofa otoo hin taane yeroo kaanillee hojii koo jedhanii akka hojjetan himu.
''Ijoolleen keenyi dhiiraa illee bishaan buufatanii hin dhugani warra dubaraan naaf kennnaa jedhu ture'' jedhan
Yeroo jalqabaa namni hin morma ture amma garuu kuniyyu 'barumsa' jechuun fudhachaa jiru jedhu obbo Jifaaraan

Haati warraa obbo Jifaaraa adde Tsiggee Daffaraa immoo, ''ba'aa baayyeetu narraa bu'ee duraan takkaa yaa eelaa, takkaa yaa distiin jedha ture'' jedhu.
Amma yoo isaan eelee dhaaban abbaan warraa isaanii sa'aa akka elman nutti himan.
Aadde Tsiggeen ''hojii dubartii, hojii dhiiraa osoo hin jedhiin; aramaas walummaan aramnaa, nadoos wajjumaan walitti qabnee guurranna, obdiis immoo yoo isaan calleessan ani nan axoolaafi wal-gargaarre galffanna''
Hojii dubartii isa jedhamu ''qullubbiis akkuma nutti kukkunnutti arganii kukutuu baranii'' jechuun nutti himan.

Obbo Jifaaraan yoo haati warraa isaanii deessuus ishee otoo hin eegin nan hojjedhaa, warri durii ''mucaan yoo bo'ullee hin mararu maal boochifta jedhu malee'' kana dhiisanii wal tumsaa jiraachuu dubbatu.
Aadde Qonjit kan miidhu ''gargaaaruu moo gargaaruu dhiisu dha?'' waan jedhu hubannoo erga kennineen booda ummanni ''edaa akkasii'' jechuun leenjiifi agrasiisa garaagaraa ofitti maxxansee fudhachuu jalqabee jedhan.
Hawaasni ijoollee dubaraa boriif illee jijjiirama kana fiduu qabna jechuun fudhachuu nutti himan.
Hojichi kutaalee hawaasaa dargaggoota, dubartoota, maanguddootaafi namoota manneetii amantaa irraa tola ooltota (community activist) filachuun leenjii dhimmaa HIV fi garaagarummaa humnaa dhiiraafi dubartii gidduu jiru keennun hojjetame jedhu adde Qonjiit.
Kana malees miidhaa dubartoota irra gahu hambisuuf immoo tajaajila mana murtii, waajjira poolisii, buufata fayyaafi hospitaaala iddoo tokkotti kennuun gulantaa piroojektiichaa keessa jira jedhan.
Aadde Qonjiit gulantaan piroojektiichaa ganaa otoo hin xumuramiin hawaasni jijjiirama fiduun isaa waan gaarii tahuu himanii sichi itti fufee yoo kana caalaa jijjiiramni dhufuutti amanu.

















