Magaalaan durii Tarkii Hasaankeef jedhamtu lafa kanarraa baduuf jirti.

Maxxanfame

Magaalaan durii Tarkii Hasaankeef jedhamtu lafa kanarraa baduuf jirti. Hidha elektirikii maddisisu ijaaruuf jecha, harki 90 magalaa Hasaankeef haroo nam-tocheen liqimfamuuf jira. Qeeqxonni garuu masjiida waggaa 600 Al Riizk fi holqaawwan Niiyolotik waggootii 12,000 dura ijaaraman dabalatee hambaaleen waggootii kumaatamaa ni badu yaaddoo jedhu qabu.