Saawudii Arabiyaa: Dubartiin dhiira malee murtee goochuu hin dandeessu.
Maxxanfame
Shamarreen Saawudii Arabiyaa Rahaaf Mohaammad al-Qunun umurii, 18, maatiishee Kuweet jiranitti deebi’uu diddee buufata xiyyaaraa Baangkook keessaa dhokattee turte.
Amantaa Islamaa dhiisuun Saawudii keessatti du’aan nama adabsiisa. Isheenis kana soda biyyaatti deebi’uu diduunshee erga beekamee booda amma kooluu galtummaa argattee Kaanaadaa galteetti.

