Barreessaan Firaans Yaan Moo'iks ''dubartoonni 50 dabarraan jaalalaaf baayyee dulloomu'' jedhe

Maxxanfame

Barreesaan lammii Firaans ofii nama ganna shantamaa tahe dubartii waggaa 50 dabarte jaalachuu ''hin danda'u'' jedhe qeeqamaa jira.

Yaan Mo'iks baruullee Maarii Kileeritti dubartooti umrii kanaa baayyee natti dulloomuu jedheera.

''Qaama shamarreeniin filadha. Kanuma. Qaamni dubartii waggaa 25 baayyee dinqii dha, qaamni dubartii ganna shantamaa garuu waanuma nama dinqu hin qabu'' jedheera.

Dubbiin isaa kuni miidiyaa hawaasummaa irratti qeeqa kaasera.

Komediyaaniin Firaans Maarinaa Foo'iis amma ganna 49 waan taateef nama kana wajjin ciisuuf ''waggaa tokkoof guyyoota 14 malee hin hafne jechuun qoosaa fuula Tiwiitaraa isheerratti barreessitee jirti.

Fayyadamaan tiwiitaraa biraa immoo, ''dubartoonni waggaa 50 dubbii isaa kana dubbisan ''obbaafanne'' jedhu jedhee irratti qoosera.

Kaanimmoo, ''dubartoonni 50 gadi ta'aniis akkuma warra ganna 50 sitti haa mula'atan'' isa jedhaniiru.

Gama biraan dubartoonni 50 ol tahan suuraa qaama isaanii agarsiisu maxxansuun yaadasaa mormaa jiru.

Gaazexeessituu Kolombee Shineek suuraa mudhii gadii barreefama ''hudduu dubartii waggaa 52... gowwaa waan si darbaa jiru hin beektu'' jechuun miidiyaa hawaasummaa irratti maxxansiteetti.

Kanamalees, suuraawwan namoota beekamoo Hooliwuud ganna 50 guutuuf jedhanii kanneen akka Haalii Beeriifi Jenafar Anistan yaadasaa fashaleessuuf maxxansaa jiru.

Moo'iks dhiyeessaa sagantaa, daarektaraafi barreessaa badhaasa mo'ate yoo tahu yaadawwan falmii kaasan dubbachuun beekama.

Gaaffiifi deebii baruullee Maarii Kileera waliin taasiseen namooti inni beellama jaalalaaf barabaadu dubartoota Kooriyaa, Chaayinaafi Jaappaan jechuusaan qeeqamaa jira.

''Tarii dubartoota waliin turee gadii qabuu tahuu danda'a garuu dubartootni Eeshiyaa nan qaanessani,'' jedheera.

Bareessichi deebii miidiyaaf kenneen akkataa filannoo dubartii filatuuf itti gaafatamne himeera.

''Kanin jaaladhun jaaladha, filannoo koof deebii kennuun narra hin jiru'' jedheera.

''Dubartoonni waggaa 50 anaanis nan filatani'' jechuun dubbateera. ''Anaa wajjin tahanii kitaaba dubbisuu mannaa waan gaarii hojjetan biraa ni qabaatu, anaa wajjin ooluun salphaa miti'' jedheera