Suuraan: Kabaja guyyaa Ekeraa Meksiikoo

Madda suuraa, AFP
Guyyaan ekeraa magaala Meeksikootti kabajame. Agarsiisni kuni sanbata darbe galgala guyyaa namoota du'anii kabajuuf sagantaa qophaa'erratti. Sagantaan akkanaa kuni magaala Meeksikoo keessatti si'a sadaffaaf kan qophaa'eedha.
Namootni sagantaa kana qopheessan akka jedhanitti, kabajni guyyaa ekeraa kun tuuristoota hawwachuufis akka gargaaaru abdatu.
Bulchiinsi magaalichaa guyyaan ekeraa baranaa kun yaadannoo baqattoota giddugaleessa Ameerikaa irraa kara Karavaan osoo imalanii lubbuun isaanii darbeef akka oolu taasise.

Madda suuraa, Getty Images
Meeksikootti sagantaan 'Dia de Muertos' yeroo hunda gaafa Sadaasa 2 kan kabajamu yoo ta'u, maatiin namoota kanneeniis namootni du'an sagantaa kanarratti hafuuraan gara dacheetti deebi'anii akka isaan waliin walqunnamanitti amanu.

Madda suuraa, AFP


Madda suuraa, AFP
Biyya kanatti sagantaan namoota du'aniif qophaa'u kuni bifa garagaraa kan qabu yoo ta'umaatii tokkorraa kan biraattios garaagarummaa qaba. Matiin tokko tokko namoota jaalatan kan lubbuun hin jirre kanneenif nyaata filatoo tahanii fi jaalatan qopheessuunis kabajuufi.

Madda suuraa, AFP


Madda suuraa, AFP
Guyyaa ekeraa meeksikootti kabajame kanarratti ekeraan Catrina jedhamtuu laffgeewan ishee sirnaan uwwifamun bareedina sagantichaa irrattio dinqisiifannaa argatteerti.
Guyyaa kana namootni hedduun bakkichatti argamuun kan daawwatan yoo tahu televizhiniidhaanis tamsaasa argateera.

Madda suuraa, AFP


Madda suuraa, AFP
Miidiyaaleen magaalattii akk agabasanitti sagantaa kana bareechuuf namootni tola ooltonni 1,200 haaluudhaa fi muuziqaadhaan bareedina sagantichaatif hirmaatani.
Guyyaan ekeraa kanaratti aadaa meeksikoo keessatti namootni haalan beekamoo turanii fi lubbuun hin jirre kanneen akka weellisaa Chavela Vargas fi weellisaa Frida Kahlos irratti yaadatamaniiru.

Madda suuraa, AFP


Madda suuraa, AFP
Sagantaan guyyaa ekeraa kabajuu kuni meeksikoo keessatti haalaan babal'achaa jira.warri lixa Meeksikoo magaala Guadalajaras haala adda taheen kabajan.

Madda suuraa, Getty Images


Madda suuraa, Getty Images


Madda suuraa, Getty Images

Madda suuraa, Getty Images


Madda suuraa, Getty Images
Suuraan: Kabaja guyyaa Ekeraa Meksiikoo
Suuraaleen hunduu mirgi abbummaa isaanii kan eegamedha.












