Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tilmaammii Pirimeer Liigii Ingiliz torbee jalqabaa
Pirimeer Liigiin deebi'eera garuu taphoota jalqabaa irratti eenyutu injifatamoon gadda, enyuutuu immoo bara dorgommii haaraa kana injifannoon eegala?
Xinxalaan kubbaa miillaa BBC Maark Laawransan taphoota jalqabaa Pirimeer Liigii torbee kanaa kan akka tapha Jimaataa Maan Yuunayitidifi Leester fi tapha Dilbataa Maan SiitiifiAarsenaal tilmaameera.
JIMAATA
Maan Yuunayitidi fi Leester
Tapha bara darbeen booda Maan Yuunayitid gartuu foyya'oo ta'uu dadhabaniyyu, gartuu hamaas hin taane.
Leester taphoota bara darbee 7 keessaa shan mo'amaniiru.
Lawroon Injifannnoo Maan Yuunayitid tilmaameera.
Tilmaammii Laawuroo: 1-0
SANBATA
Niiwkaasil fi Tootanhaam
Tootanhaam taphataa haaraa hin fidne, Niiwkaasil immoo gaaffii deeggartootaa hir'ina inveestimantii gartuu kanaa irratti ka'een ganna garii hin dabarsine.
Lawroon qabxii walqixaan xumurama tilmaama jedhu qaba.
Tilmaammii Laawuroo: 1-1
Haadarsifiild fi Cheelsii
This might be a good time for them to play Chelsea, who are in a mess at the moment. Yeroo ammaatti Cheelsiin halaa badaa keessa waan jiraniif Haadarsifiildiif tapha garii ta'uu danda'a. Ta'us garuu injifannoon kan Cheelsii ta'a jechuun tilmaama Laawroon.
Tilmaammii Laawuroo: 0-2
DILBATA
Aarsenaal fi Maan Siitii
Lenjisaan Aarsenaal haaraa Unaay Emarii gartuun kun rakkoo ittiisaa gara duuba fi sarara gidduutti akka qaban kan hubate fakkaata. Torban dhufan muraasaaf garuu gartuu jabaa ummaachuu dhiisuu danda'a. Tapha 'Community Shield ' torban darbee irratti Siitiin haala tasgabba'aan Cheelsiii kan injifatan fakkata.
Akka tilmaammii Laawrootti infannoon kan Maan Siitii ta'a
Tilmaammii Laawuroo: 0-2