Maatiin daa'ima baraaramee dargaggeessa Maalii galateeffatan

Maxxanfame

Maatiin daa'ima waggaa afurii kan haala ajaayibaatiin utuu gamoo irraa kufaa jiruu miidhaa malee baraaramee, nama daa'ima kana oolche lammii Maalii kan ta'e Mamoudou Gassama galateeffataniiru.

"Inni dhugaatti goota" ittiin jedhan akkoon daa'ima baraaramee. Akkaataa inni itti gamoorraa gamootti of darbatee gamoo afraffaarratti daa'ima oolche jajaniiru.

Abbaan daa'ima waggaa afurii kophaatti dhiisee gabaa deeme gochasaatiif itti gaafatameera, jedha gabaasi.

Mamoudou Gassama lammummaa Faransaayi akka argatuuf eyyamameeraaf.Pirezidaanti Emmanuel Macron namicha galateeffatanii badhaasa meedaaliyaa kennaniif, eegumsaa fi to'annoo balaa ibiddaa keessatti akka hojii argatus waadaa seenaniif.