Tiraampiifi Maakroon dhimma nuukilaara Iraanirratti maal fiduuf?

Madda suuraa, Reuters
Pirezedaantiin Ameerikaa Doonaali Tiraampiifi kan Faransaay Imaanu'eel Maakroonii saganataa nukilaara Iraan ilaalchisee waliigalteen haaraa akka jiraachuu malu yaada dhiyeessan.
Erga Ameerikaatti waliin dubbatanii, waliigalteen kan bara 2015 irra ga'amerraa shakkii waan qabaniif Tiraampi "tarii waliigaltees ta'uu danda'a, caalaa hojjechuudha," jedhan.
Pirezedaantiin Faransaay Maakrooniin waliigalteen haaraan waa'ee sagantaa misaayilii Iraaniifi ga'ee biyyattiin Baha Giddi-galeessaa keessatti qabdu dabalachuu qaba jedhan.
Ameerikaan waliigaltee kana keessaa baanaan "rakkoo hamaa fiduu danda'a" jechuun Iraan ammoo akeekkachiifteetti.
Qoqqobbii dinagdee isheerraa kaa'amee ture akka salphatuuf jecha Iraan bara 2015 sagantaa nukilaaraa akka dhaabdu waliigaltee turte.
Pirezedaantiin Ameerikaa yeroo ammaa Tiraampi ammoo waliigalteen nukilaaraa Iraaniin waliin ture kan bara gadaa Obaamaa akka itti fufuu hin qabne dhaadachuutti jiru.
Chaansilarri Jarman Angellaa Merkel ammoo Jimaata dhufu Ameerikaa deemuun ejjennoo Tiraampi waliigaltee dhimma Iraan kana diiguuf qabu akka dhiisuu amansiisuuf yaalti jedhamee eegamaa jira.
Ministirri Dantaa Allaa Iraan Jaavaad Zariif, yoo Ameerikaan waliigalticha keessaa kan baatu taate biyyi isaaniis akka diiguu maltu "hedduu kan eegamu" ta'a jedhan.
Maarkooniin dhiibbaa iraan naannicha keessatti qabdu qaama waliigaltee kanaa ta'uu qaba jedhan.
Waliigaltee ammaa kanaan sagantaa nukilaraa Iraan waggoottan kurnan dhufuufi jiran keessa to'achuun akkuma jirutti ta'ee, waliigalteen haaraan hojii misooma nukilaaara yeroo dheeraaf qabduufi sagantaan balastiki misaayelii kan hammatu ta'uu qaba jedhan.
Kanaaf, Baha Giddu-Galeessaatti, keessumaa Sooriyaatti "Fireemiwoorkii haaraa tolchuudhaaf" Tiraampi waliin hojjechuurratti dubbataniiru.
Deebiin Iraan maal ture?
Pirezedaantiin Iraan Hasan Ruhaaniin Ameerikaan waliigaltee ture kana keessaa kan baatu yoo ta'e, "rakkoo hamaa fidee akka dhufu" dhaadatanii turan.

Madda suuraa, AFP
Ministirri Dantaa Alaa Iraan Javaad Zariif, maree Tiraampiifi Maarkoonii saatii muraasaan dura akka jedhanitti deebii biyyi isaa kennuu dandeessu kan qabiyyeen isaa boommii ta'e yuraaniyeem gabbisuu jalqabuu ta'a.
Mormii Tiraampi waliigaltee bara 2015 irratti qabu maal ture?
Pirezedaanttiin Ameerikaa kun waliigalteen biyyoota Ameerikaa, Iraan, Awurooppaa, Raashiyaa, Chaayinaafi Jarmaniin mallattaa'ee ture akka Iraan garee milishootaa naannicha keessa jiran kan akka Hezbollah deggeruu dhaabdu taasisu miti jechuudhaan mormu.
Kana malees Tiraampi warreen waliigaltee kana mallatteessan dhorkaan gabbisa yuraaniyeemii Iraan dhaabbataa akka ta'u gochuu akka qaban barbadu.

Madda suuraa, AFP
Kibxata darbe haati warraa Pirezedaanti Maakroonii, Birgtiin hafeerraa hirbaataa kan kabajaaf Waayit Hawusitti qophaa'erratti argamaniiru.
"hariiroon keenya kan caalaa akka cimu" hawwiin qaba jechuun dubbatan Tiraampi hafeerraa kanarrattis.
Maakrooniinis gama isaaniitiin " hariiroon biyyoota lamaan haalan gadi fagoodha jechuun" jajaniiru. Gara fuula duraas, sirriitti wal dhaggeeffachuun akka waliin hojjetan dubbatan.
Dhimmi waliigaltee Iraan hariiraa biyyoonni lamaan kun waliin qabachuun irratti hojjetan tokkicha miti, hedduullee waliin hojjechuuf jiran.
Dhimmoonni akka waliigaltee Jijjiirama Qilleensaa Paaris jedhamuun beekamu, murtee Ameerikaan Yerusaalem akka magaalaa guddittii Israa'el taate fudhatte, akkasumas karoora taarifaa Ameerikaan sibiilaafi aluminiyeemii Gamtaa Awurooppaa irratti qabdus kaasaniiru.












