Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Filannoo keenyaa 2022 Wiliyaam Ruutoo mo'atan

Guyyoota ja'aafi lakkaa'aaf mirkaneessaa erga tureen booda Komishiniin Filannoo Keeniyaa abbaa mo'ate ifa godheera. Haaluma kanaan Wiliyaam Ruutoon injifataniiru.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Dippiloomaatonni bu'aa filannoo keeniyaa taajjabuuf iddoo qabataa jiru

    Galmi sagaleen filannoo itti lakkaa'amaa ture amma keessummootan guutee jira.

    Keessummoota galmicha keessatti argaman keessaa hedduun dippiloomaatota biyyoota garaa garaati.

  2. Kaadhimamtoonni pirezidaantii lama sagantaa bu'aa filannoo beeksisuu irrattu argaman

    Kaadhimatoota pirezidaantummaaf dorgoma afur keessaa lama galma seenanii jiru.

    Joorji Wajakooyaa fi Deevid Muwawure kaadhimtoota lamaan dhiyaataniidha.

    Kaadhimatoonni kun lamaan akka Raayilaa Odiinga fi Wiiliyaam Ruutoo milkaa'anii sagalee guddaa hin arganne.

    Deevid Sanbata darbe ofii isaa dhiisun Wiiliyaam Ruutoo akka deeggaru beeksisee ture.

    Waajakooyan ammoo lammiilen biyyattii bu'aa filannoo akka simatanii fi nageenyifi tasgabbiin akka jiraatuf waamicha godheera.

  3. Bu'aa Filannoo Keeniyaa har'aatin maaltu ta'uu danda'a?

    Bu'aa filannoo kanaan wantoota saditu ta'uu mala:

    • Wiiliyaam Ruutoo mo'achuu
    • Raayilaa Odiingaa vmo'achuu
    • Filannoon irra deebin akka gaggeeffamu murtaa'uu danda'a.

    Filannoon irra deebin akka gaggeeffamu kan labsamu, kaadhimamtoonni pirezidaantummaaf dorgoman sagalee 50% ol argachuu yoo dhabaniidha.

  4. Kaadhimamtoota pirezidantiif teessoon qophaa’e

    Komishiniin Filannoo Keeniyaa kaadhimamtoonni pirezidaantii Keeniyaaf dorgoman sagantaa bu’aan filannoo ibsamu irratti akka argaman mirkanesseera.

    Galma Komishinii Filannoo kana keessatti teesson keessumoota hirmaataniif qixaa’ee jira.

    Teessoowwan gara duraa sadan kaadhimamtoota pirezidaantotaa fi maatii isaanif akka gadi lakkifamu qondaalli komishinii filannoo dubbataniiru.

    Boomas- giddu gala sagaleen filannoo itti lakkaa’amuu fi bu’aan filannoo itti labsamutti humni nageenyaa lakkoofsan heddu buufatanii jiru.

  5. Yooyyaa! Akkam jirtu hordoftoota BBC afaan Oromoo?

    Tamsaasa kallattii bu'aa filannooo Keeniyaa isiniif dhiyeessuu jalqabneerra.

    Lammileen biyyattii yeroo haalaan eeggachaa jiranitti, Komishiniin Filannoo beeksisuuf qophaa'aa akka jiru himeera.

    Eenyu akka mo'ate, yaadni ummataa maal akka ta'e, kanneen jedhaniifi odeeffannoo kanaan walqabatan kallattiidhaan isin biraan geenya.

    Nu hordofaa.