Filannoon Keeniyaa filannoowwan baasii guddaan itti bahee addunyaa keessaa tokko
Filannoo Keeniyaa har’a gaggeeffamu seenaa biyyatii keessatti filannoo dorgommii cimaan itti taasifamu akka ta’u eegama.
Keessattuu Iti-aanaa Pirezidaantii Wiiliiyam Ruutoo fi hogganaa paartii mormituu kan ta’an Raayilaa Odiingaa jidduutti dorgommii cimaan akka jiraatu eegama.
Waggoota darban 10’f biyyattii kan hogganan pirezidaantii Uhuruu Keeniyaataan itti-aanaa isaanii gara kallattiitti dhiibuun hogganaa paartii mormituu kan ta’e Raayilaa Odiingaaf deeggarsa kennuun falmisiisaa ta’eera.
Dhimmoota filannoon Keeniyaa bara kanaa adda taasisan keessaa tokkoo baasiin olaanaan itti bahusaati.
Namoonni miiliyoona 22 ol filachuuf kan galmaa’an yoo ta’u, kanneen filachuuf gahumsa qaban namoota shan keessaa afur sagalee kennuuf galmaa’aniiru.
Filannichaafis doolaara miiliyoona 383 kan ramadame yoo ta’u, kannaanis tokkoo tokkoo nama filatuutti doolaa 17tu baasii ta’a jechuudha.
Baasiin kunis kan Ameerikaa UK’tti filannoof ramadamee ni caala.
Filannoo hara gaggeeffamunis pirezidaantii waggoota shaman dhufu biyyattii dursani ni filatamu. Kanaafis guutuu biyyattii keessa naannooleen buufataalee filannoo 290 fi buufatnni filannoo 46,000 ol qophaa’aniiru.