UN gaggeesitoota Siiviilii Sudaan gadhiisaa jedhe
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) gaggeesitoonni Siiviiliin Sudaan akka gadhiifamaniif gaafate.
UN ‘Namoota seera malee qabamaniifi manatti to’atamanii jiran hataattamaan gadhiifamuu qabu’ jechuun humna nageenya biyyattii gaafateera.
Ministirri muummee Sudaan Abdallaa Hamdok gaggeesitoota siivilii loltoota adda hin baafamneen mana keessatti too’atamnii jiran keessaa tokko ta’uun gabaafameera.
“Yaaliin fonqolcha mootummaa deemaa jiruufi gochi ce’umsa gufachiisu kun hedduu na yaaddesseera. Gabaasonni to’atamuu ministira muummee,angaa’ota mootummaafi namoota siyaasaa kuni waan fudhatama hin qabne,” jedhan Sudaanitti bakka bu’aan addaa UN Voolker Pertis.
“Paartileen hunduu hataattamaan gara mariitti dhufanii miira tasgabbii qabuun heera mootummaa tiksuu qabu” jechuunis itti dabalan.
Too’annaa kana duuba eenyu akka jiru hanga ammaatti ifatti hin beekamne.