Yugaandaan yeroo duraaf nama koronaavaayirasiin qabame Bitootessa 21, 2020 argachuu yeroo beeksifte hedduun isaanii konkolaachiftota ta’u isaanii ibsitee turte.
Ministirri Fayyaa biyyattii Jen Asang Dilbata darbe ibsa kennaniin konkolaachiftoota Sudaan Kibbaa irraa ka’anii Yugaandaa seenan 50 irratti vaayirasichi argamuu himaniiru.
Kanneen keessaa 10 lamiilee Eertiraa ta’u ibsi ministirri biyyattii kennan eera.
Kunneen baatii Caamsaa keessa kan qoratamanidha.
Ibsa har'a ministeerichi baaseen immoo lammilee Eertiraa kanneen vaayirasichi irratti argame keessaa 4 biyyatti isaan deebisuu ibseera.
Konkolaachiftonni maal jedhu?
Waggoota 30 darbaniif konkolaachisummaan, waggoota 7 immoo Keeniyaarraa gara Jubaa akkasumas gara Yugaandaa konkolaachisaa kan ture lammiin Eertiraa tokko waan isa mudate akkanaan hima.
‘’Kana dura Mombaasaadhaa gara Juubaa imaluun guyyaa shan qofa na jalaa fudhata ture.
Amma garuu Jubaa irraa gara Naayiroobii seenuuf ji’a tokko na duraa fudhate.’’
Anatu dursa waliin jechaa konkolaachiftoota gidduu waldhibdeen akka dhalatu hima.
Konkolaachisaan biraa Ibraahim Umar jedhamuus:
‘’Bakki jirru gammojjii wanta ta’ef nyaatallee argachuu hin danda’amu. Biddeena waan itti argannu ta’eeti malee, imalli yaaddoon kan guutamedha,’’ jedheera.
Kanaan dura lammiileen Eertiraa UK jiran vaayirasichaan du’an akka jiran gabaafameera.
Haa ta’u malee, biyya Eertiraatti kanneen kana dura vaayirasichi irratti argame waan bayyanataniif namoonni amma vaayirasichi irra jiru akka hin jirre mootummaan biyyattii ibsuun isaa ni yaadatama.