Weerara koronaavaayirasiitiin addunyaarraa sadarkaa lammaffaarra kan jirtu Biraaziil lakkoofsa sa'atii 24'n darban keessa galmeessiterraan kan hafe ragaawwaan Covid-19 hanga ammaatti jiran balleessiteetti.
Biyyattii keessatti hanga ammaatti namoonni 640,000 caalan koronaavaayirasiin qabamaniiru.
35,000 kan caalan ammoo hanga ammaatti du'aniiru.
Yeroo ammaa sa'atii 24'n darban keessatti namoonni 27,075 haaraa qabamuu fi 904 du'uu akkasumas ammoo 10,209 dandamachuu qofa biyyattin ragaa of harkaa qabdi.
Tarkaanfiiwwan weerara koronaavaayirasiif gorfaman hojiirra oolchuu dhabuusaaniitiin yeroo hedduu qeeqamaa kan turan Pirezidaantiin biyyattii Jair Bolsonaaroo, ragaan hamma ammaatti jiru haala biyyattiin amma keessa jirtu waan hin ibsineef hin barbaachisu jedhan.
Ministeerri fayyaa ajaja pirezidantichaan ragaa kana balleessuunsaa gaazexeessitootaa fi miseensota kongireesii biyyattiin daran qeeqamaa jira.
Biraaziil kana kan goote erga guyyoota sadan darbaniif walitti aansuun namoonni 1000 guyyaa guyyaan koronaavaayirasiin du'uu gabaasaa turteen boodadha.
Biraaziil lakkoofsa namoota Covid-19 qabamaniin UStti aanuun lammaffaadha, lakkoofsa namoota du'aniin ammoo sadaffaarra jirti.