Komoroos namni jalqabaa Covid-19n qabamuu gabaafte
Biyyoota Afriikaa hanga ammaatti koronaavaayirasiin keessatti argamuun hinmirkanaa'iin lama keessaa tokko kan taatee Komoroos amma namni tokko qabamu kaleessa mirkneessite.
Pirezidaantiin biyyattii Azaali Assowumaan akka jedhaniitti, namni dhukkibicha irratti argamee kunis imala isaa dhihenya Faransaayiitti taasiseen nama lammii biyya Faransaayi fi Komoroos qabuu waliin walitti dhufeenya kan qabuudha.
‘‘Guyyaa Ebla 30 harraattii nama koronaavaayirasiin qabame kan jalqabaa Gamtaa Komoroos keessatti argamuun labsa,’’ jechuun ture kaleessa pirezidaantiin biyyatti kaleessa marsariitii irratti ibsa kan maxxansa.
Dhukkubsataa sababii qufaa, dhukkubbii qoonqoo, gubaa qaamaa fi argansuu irratti rakkachuun Ebla 23 Hospitaala El-Maaroof ciisee ture.
Haalli fayyina isaas wal jalaan fooyyaa’aa jiraachu kan himamee yoo ta’u, aanga’oonnis namoota isaa waliin walitti dhufan adda baasuun hojjatamaa jiraachu pirezidaantichi hima.
Komoroos biyya Afriikaa Covid-19 dhiyeenya keessatti argamee taatee jirti. Amma biyya Loosoottoo qofaatuu Arii Afriikaa keessaa daangaanshee Covid-19 hin sarbamiin jira.