Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Itoophiyaatti sa'aa 24 darban namni Covid-19n qabame hin jiru

Itoophiyaan sa'aa 24 darban saamuda 2016 qoratte. Namoota saamudni isaanii qoratame keessaas namni vaayirasichaan qabame hin jiru jedhe Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tamsaasa kallattii har'aa ya obbaafne, Bor walitti deebina

    Odeessaalee guyyaa guutuu midhaassine mara walduraa duubaan ilaaluuf gara gadii sololaachisaa (scroll godhaa).

    Fayyaan faaya - fayyaa ta'aa!

  2. Keeniyaatti sa’aatii 24 keessatti namootni 24 Covid-19'n qabaman argaman

    Keeniyaan sa’aatii 24 keessatti namoota 1195 qorachuun, namoota 24 irratti koronaavaayiras argachuu ministeerri fayyaa biyyattii beeksiseera.

    Qorannoon kun erga eegalamee lakkoofsa olaanaa yeroo jalqabaaf galmaa’e ta’uutu ibsame.

    Magaalaa Mombaasatti har’a dubartii ganna 50 olii vaayirasichaan qabaman tokko lubbuu dhabaniiru - amma yoonatti namoota 22 tu Keeniyaatti lubbuu dhabe.

    Waliigalatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii 435 qaqqabeera.

    Kanneen keessaa namoonni 152 vaayirasicharraa bayyanataniiru.

    Jabuutii

    Ragaan yuunivarsiitii Joon Hopkiiins irraa argame akka mul’isutti, Jabuuti keessatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii 1,112 qaqqabeera.

    Biyyoota gaafa Afrikaa keessa lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamanii olaanaa kan qabdu Jibuutiin, amma yoonatti namoonni 686 bayyanachuu kan beeksifte. Namoonni lama sababii vaayirasii kanaatiin du’aniiru.

    Somaaliyaa

    Biyya ollaa Itoophiyaa kan biraa Somaaliyaa keessatti lakkoofsi namoota vaayirasii kanaan qabamanii 601 qaqqabeera.

    Amma yoonaatti biyyattii keessatti namoonni 28 vaayirasichaan lubbuu yoo dhaban, namoonni 31 bayyanataniiru.

    Sudaan

    Sudaan keessattis lakkoofsi namoota vaayirasii kanaan qabamanii 533 qaqqabuu ragaan yuunvarsiitii Joon Hopkiins irraa argame kan mul’isu.

    Namoota vaayirasichaan qabaman keessa 36 yoo lubbuu dhaban, namoonni 46 bayyanataniiru.

    Eertiraa

    Biyya Eertiraa keessatti namoonni 39 qabamuu ragaan kun kan mul’isu yoo ta’u, haga ammaa namni sababa kanaan du’e hin jiru. Kanneen qabaman keessaa namoonni 26 bayyanachuu biyyattiin beeksifteetti.

  3. Bineensonni dawoo keessaa daawwattoonni dhabamnaan ‘kophummaan itti dhagahame'

  4. Itoophiyaan waqtii gannaa kanattii biqiltuu biiliyoona shan dhaabuufi

    Ministirri Muummee Itoophiyaa waqtii gannaa kanatti biqiltuu biiliyoona shan dhaabuuf karoorfamuu himan.

    Naannoleen karoora kana milkeessuuf qophaa’oo ta’uu isaanii ibsaa jiru jechuunis miidiyaalee hawaasaa itti fayyadaman irratti barreessan.

    Duula to’annoo Covid-19 irratti eegalee itti fufa, karoora leegaasii magariisaa akka biyyaatti qabamees milkeessina jedhan.

    Bara darbees MM Abiy duula biqiltuu biiliyoona afur dhaabuu gaggeessanii turan. Dhugumatti biqiltuuwwan hangi karoorafaman dhaabataniiru gaaffii jedhus kaasee ture.

    Qaama karoora biqiltuu biiliyoona afur dhaabuu bara darbe kan ta’e duulli guyyaatti biqiltuu miiliyoona 200 dhaabuus dubbii ijoo miidiyaalee ture.

    Itoophiyaan guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 200 ol dhaabun riikardii addunyaa cabsuu ishii qondaaltotni mootummaa himanii ture.

    Dhaabbatni beekamtii kana kennu 'Guiness World Records' rikardii cabeera jedhameef beekamtii hin kennineef.

  5. Ejensiin oduu Chaayinaa taatota kaartuunii fayyadamuun Ameerikaatti qoose

    Yeroo weerara Covid-19 kanatti qoosaan yookaan baacoon siyaasaa hedduutu hojjetama.

    Kan dhaabbanni oduu biyya Chaayinaa Xinhua’n hojjete garuu kamuu caalaa fagoo deemeera.

    Taphni kun kan qindaa’e Bulchiinsi Tiraamp waa’ee koroonaavaayiras qeeqa biyyattii irratti dhiyeessaa jiruuf deebii haa tahuuf jechadha.

    Taphni matadureen isaa ‘Once Upon a Virus’ jedhu kun taatonni tapha daa’immanii Lego irraa kan midhaaffamuun bakka bu’an.

    Ameerikaan Siidaa Bilisummaa ‘Statue of Liberty’n oggaa bakka buutu, Chaayinaan ammoo loltoota seenaa keessa jiraniin bakka buuteetti.

    Taatoon kun lamaan dubbii garagaraa walitti darbatu – dhumarratti garuu haasaa Chaayinaatin goolabama.

    Dhaabbanni meeshaa tapha daa’immanii oomishu ‘The Lego Group’ ani viidiyoo kana keessaa harka hinqabu jedheera.

    Dubbiin wal waraanuun Chaayinaa fi Ameerikaa haalaan ho’aa dhufeera.

  6. Ministirri Raashiyaa biroon koronaavaayirasiin qabaman

    Ministir deetaan Konistiraakshinii Raashiyaa Vilaadimiir Yaakushev hospitaala dhaqanii qoratamuun qabamuusaani mirkaneeffatan.

    Guyyootaan duras haaluma walfakkaatun Ministiirri Muummee biyyatti vaayirasichaan qabamuun ibsamee ture.

    Kamisa darbe kana Muummichi Ministiraa Mika’eel Mishustin vaayirasichaan qabamuu Pirezedantii Vilaadimiir Puutiinitti himanii turan.

    Amma Puutiin iddoo jireenyasaanii magaalaa Mooskoo alatti argamurraa vidiyoo-konfirasiidhaan dhaamsa dabarsuuf dirqaman.

    Raashiyaatti sa’aatii 24 keessatti namoonni 9,623 vaayirasichaan qabamuun kan mirkanaa’e yoo ta’u, gartokkeen isaanii magaalaa Moskoo jiraatu.

    Lakkoofsi namoota du’aaniis 1,222 qaqqabeera.

  7. Amma nu gahe, Itoophiyaatti sa'aa 24 darban namni Covid-19n qabame hin jiru

    Itoophiyaan sa'aa 24 darban saamuda 2016 qoratte.

    Namoota saamudni isaanii qoratame keessaas namni vaayirasichaan qabame hin jiru jedhe Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa.

    Qorannoon kun kan Adaamaa fi Jimma jiru dabalatee laabratooriiwwan Itoophiyaa keessatti argaman torba keessatti kan qoratameedha.

    Dabalataan dhukkubsattootni Finfinnee sadii haaraan dhukkuba kanarraa fayyuu Ministeerichi ibseera.

    Waliigalattis namoonni 69 vaayirasichaan qabamanii turan dhibichaarraa amma yoonaatti bayyanataniiru.

    Biyyattiitti haga ammaa namoota 19,800 oliif qorannoon Covid-19 taasifamuutu ibsame.

  8. Daandiiwwan Ispeen torbanootaaf onan namoota shaakalliif itti bahan argatan

    Ispeen uggura sochii fi ajaja namni manaa akka gadi hin baane laaffisuu isheen lammiileen guyyoota 49 booda daandiiwwanitti bahan.

    Murtee haaraa gaheessonni shaakallii qaamaaf manaa akka bahan ajaju bahuu hordofee, lammiileen imala miillaa, saayikilii ofuufii fiigicha suutaa fiiguutti ka’aniiru.

    Biyyattiin torbee darbe dhorkaa daa’imman manaa akka gadi hin bane keessee turte kaafteetti.

    Biyyoota Awrooppaatti weerara Covid-19’n biyyoota akkaan miidhaman keessaa kan taatee Ispeen namootni 213,000 ol kan ta’an vaayirasichaan yoo qabaman, 24,500 kan ta’an du’aniiru.

    Ispeen dhorkaawwan jajjaboo kan keesse ji’a Guraadhalaa keessa.

    Dhorkaa kaahame kanaan namni manaa kan gadi bahu wantoota nyaatamaniifi qoricha bitachuuf, kanneen manaa hojjechuu hin dandeenye yoo ta’e bakka hojii akka dhaqaniifi saree wajjin naannoo qe’eetti socho’ufi.

    Hanga torbee darbeettis biyya Awurooppaa daa’imman tasumaa manaa akka hin baane dhorkite turte.

  9. Piriimeerliigiin Ingiliiz bara kanaa akkamiin xumurama?

    Piriimeerliigii Ingiliiz bara 2019/20 xumuruuf filannoon jiru istaadiyoomii cufaatti tapha gaggeessuu qofa ta’uu kilabootatti himame.

    Marii viidiyoo koonferensii guyyaa kaleessaa taa’ameen akkamiin barri dorgommii kun xumuramuu akka danda’u irratti yaadni dhiyaateera.

    Yoo barri kun tapha hafan gaggeessuun haa xumuramu jedhame, Istaadiyoomiiwwan 10 filatamanii akka gaggeefamu yaadni dhiyaateera.

    Taphoota 92 hafan gaggeessuuf yoo waliigalame taphattootaafi hojjettoota biroo barbaachisoo jedhamaniif qorannoon laabraatoorii 40,000 ni barbaachisa.

    Kilabootni gama isaaniin ‘’balaa kan hin qabneefi gaggessuun ni danda’ama yoo ta’e’’ bara dorgommii kana xumuruuf fedha qabaachuu ibsaniiru.

    Akkamiin bara dorgommii kana xumuruun dand’ama kan jedhu karoora bal’aa ta’uus mariin Jimaataa gara caalu shaakallii itti fufuurratti fuullefatee ture.

    Walgahii kanarratti barri dorgomii kun nu xumurama moo ni hafa kan jedhurratti murteen darbe kan hin jirre yoo ta’u, mariin itti fufa jedhameera.

    Piriimeerliigiin Ingiliz erga sodaa Koronaavaayirasiin adda citee ji'a tokkoofi torban sadiif deema.

  10. Covid-19 yaaddoo fayyaa addunyaa ta'uu 'yeroon' beeksifne jedhan Dr. Teedros

    Hoogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr. Teedroos Adhaanoom komii weerara Vaayirasii kanaa dafanii addunyaa hin beeksifne jechuun ka’u irratti deebii kennan.

    Dhaabbati isaanii Koroonaavaayirasiin weerara addunyaati jechuun kan labsan Chaayinaan alatti wayita namootni dhibee kanaan qabaman 82 turaniifi namni du’e hin jirrettii jechuun murtee yeroo isaa eeggate murteessineerra jedhan.

    Ameerikaa kan deeggarsa maallaqaa kennitu adda kutuu ibsite waliin hojjechaa jirras jechuun himan Dr. Teedroos.

    Ogeessi fayyaa yeroo balaa dhaabbatichaa Dr. Mayiik Riiyaan gama kaaniin biyyootni uggura sochii kaahanii turan yeroo kaasan, vaayirasichi deebi’ee akka hin babal’annee of eeggannoo guddoo gochuu qabuu jedhan.

    Naannolee tamsa’inni vaayiraasichaa to’annoo jala oolettis of dagachuun akka hin uumamne, walirraa siiquufi qulqullina gorfamu hunda gochuun akkasumas namoota mallattoo vaayirasichaa agarsiisan qorachuu itti fufuun akka barbaachisu dubbatan.

    Biyyootni ittisa Covid-19f jecha sochii ugguuranii itti fufuun rakkisaa waan ta’uuf vaayirasicha to’achuuf hojiilee barbaachisan hojjechaa uggura sochiis suuta laaffisaa deemuu gorsan.

  11. 'Artsitoonni yeroo kanattillee muuziqaa gadhiisuu qabu'

    Weellistuun beekamtuu biyya Zaambiyaa 'Cleo Ice Queen' jedhamtu sirbashee qeenxee 'Sensation' jedhu ka gadhiiste battala koroonaavaayiras akkasiin jiruu keenya jijjiiruun dura ture.

    Artistoonni yeroo kanatti kalaqa isaaniiti fayyadamuu qabu jetti. ''Viidiyoo hin fayyadamnu taanaan - animeeshinii fayyadamuu dandeenya,'' jetti.

    Artistiin kun gurra kan horatte sagantaa 'Big Brother Africa' jedhamurratti bara 2013 keessa hirmaachuusheetiin ture.

    Kana malees badhaasota garagaraa injifatteetti - keessaafuu AFRIMA ka jedhamu.

    Gosti muuziqaa yeroo hedduu ittiin beekamtu raapp tahus, sirba 'Sensation' booda garuu jijjiirteetti:

    ''Sirbi qeenxee kun erga gannikoo 30 galee boodaafi ergan heerume sirba gadhiise isa jalqabaati. Kuni eenyummaa koo raappiin ala jiru isa isin hin beeknedha''.

    Akka Kiliyoon jettutti artistoonni yeroo weeraraa kanatti, hordoftoota isaaniif gumaachuu dhaabuu hinqaban jetti:

    ''Artistoonni ammallee muuziqaa hojjetanii gadhiisuu qabu. Sababiinsaa namoonni ni barbaadu, bayyeenis mana galanii jiru waan taheef.

    Gaaffiifi deebii artistii kana waliin godhame afaan Ingilziin caqasuu yoo feetan, chaanaala BBC World Service sagantaa This Is Africa jedhurratti har'a dhiyaata.

  12. Ameerikaan qorichi Iboolaa waldhaansa Covid-19f akka oolu hayyamte

    Dhaabbatni Nyaataafii Bulchiinsa Qorichaa Ameerikaa qorichi dhibee Iboolaa ‘remdesivir’ jedhamu dhukkubsattoota koroonaavayiras wal'aanuuf akka kennamu hayyame.

    Hayyama amma dhaabbatichi kenneen namootni Covid-19n qabamanii haalli fayyaa isaanii hamaa ta’ee qoricha kana fayyadamuu danda’u jechuudha.

    Yaalii tibba darbe qoricha kanarratti gaggeeffameen bu’aan argame qorichi dhibee Iboolaa kun, namni Covid-19n qabame dafee akka bayyanatu gargaareera.

    Hayyamni qoricha kan yeroo balaa ykn atattamaa jedhamee kan bahe waan ta’eef, hayyama qorichaa kanneen biroof kennamuun adda dha. Sadarkaa olaanaattis irra deebiin ilaalamuu barbaada.

    Qorichi Kaampaanii Giiliyaad Farmasuutikaliin jalqaba dhibee Iboolaa waldhaanuuf hojjetame kun, of eeggannoon akka fudhatamuu fi attattamaan fayyisa jedhamee akka hi fudhatamne ogeeyyiin akeekkachiisaniiru.

    Pireezidant Doonaald Tiraamp wajjiin kan mariyatan hoogganaan dhaabbata qoricha kana omishuu, Daani’eel O’Daay, Dhaabbatni Bulchiinsa Qorichaa hayyama kana kennuun tarkaanfii gaarii tu’uu himan.

    Kaampaaniin isaanii qoricha kana qaruura miiliyoona tokkoo fi kuma dhibba shan bilisaan akka gumaachus himan.

    Hoogganaan bulchiinsa Nyaataa fi Qorichaa Ameerikaa Isteefan Haan qaama yaala Covid-19 isa jalqabaa ta’uutti ni boonnaa jedhan.

  13. Gamoon paarlaamaa Awurooppaa dubartoota mana hinqabne 100'f dahoo ta'eera

  14. Yooyyaa! Deebineerra!, Babaaroot' ka'ee?

    Addunyaarratti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii miliyoona sadiifi walakkaa jala siqeera.

    Oduun dansaa jiru ammoo, kanneen keessaa miiliyoona tokkoo ol kan tahan bayyanataniiru.

    Tatamsa'inna vaayirasichaa ittisuuf gorsi ogeeyyii fayyaa fi mootummaa hojiirra oolaa jiraa? Mee naannoo keessan waan jiru nuuf qooda, namoonni hagam hubannoo qabu? Hagam of eeggannoo gochaa jiru?

    BBC Afaan Oromoo ammarraa eegalee odeessaalee koronaavaayiras waliin walqabataniifi kanneen biroo kan biyya keessaa fi alaa gabaasa kallattiin qabatee isinii dhiyaata.

    Suuraan Getty Images: biyya vaayirasichi itti jalqabe Chaayinaa keessatti jireenyi gara idileetti waan deebiyaa jiru fakkaata. Lammileen biyyattii miiliyoonaan lakka'aman iddoowwan hawwata turistii irra deebiin banaman ofeeggannoon daawwachuuf bahaniiru.

  15. Tamsaasa kallattii har'aa ya obbaafne, Bor walitti deebina

    Odeessaalee kutaa kana keessatti midhaassine mara ilaaluuf gara gadii harkisuun ilaaluu dandeessu.

    Fayyaan faaya - fayyaa ta'aa!

  16. Daa’imman miliyoona tahan talaallii dhabuu malu jedha UN

    Daa’imman miiliyoonaan lakkaa’aman sababii Covid-19n talaallii ‘lubbuu baraaran’ dhabaa jiraachuusaanii UN akeekkachise.

    Akeekkachisi kunis erga tamsaasi qorichoota talaalliiwwan kanneenii sababii weerara koroonaavaayirasiin ‘baayinaan uggurameen' booda ture.

    Weerarri dhukkubichaa indastirii qilleensaa irratti dhiibbaa olaanaa kan taasise yoo ta’u, kunis daldala hir'isuu isaatiin alatti, balaliinsawwan chaartariis garmalee mi’aa godheera.

    Kana jechuunis biyyoonni hedduun talaallii barbaachisaa akka dhaban taasisa jedheera ejansiin daa’imannii UNICEF.

    Kanaafuu mootummootiifi dameen dhuunfaa akka balaliinsa bilisaa taasisaniif gaafateera dhaabbanni kun.

  17. 'Waliirraa hiiqanii' akkamiin bunyaa taphatu?

  18. Keeniyaatti ogeeyyiin fayyaa ‘maaskiifi uffata hojii deebiisanii akka uffataniif dirqaman’

    Keeniyaatti ogeessoonni fayyaa garri caalu meeshaalee ofeeggannoo (PPE) deebiisanii akka itti fayyadaman dirqisiifamusaanii, qorannoon Neetiworkii Dhimmoota Seeraafi Naamusaa (Kelin) biyyattii ifa taasise.

    Ogeessoonni fayyaa qorannoo kana keessatti gaafataman irra jireessi, hir'inni dhiyeessii meeshaalee kanneenii gama motummaatiin jiraachuu dubbatan.

    Kanneen gaafataman keessa kan harka 17.8 ta’an qofaatu meeshaalee kanneen osoo adda hin cinnee akka argataa jiran kan himan.

    Akkasumas ogeessoota fayyaa gaafataman kanneen keessaa walakkaan ol kan ta’an qofatu attamiin akka qophaa’aniifi dhukkubsataa adda baafame wallaanuu akka qaban irratti leenjii kan argatan.

    Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti ogganaan Sagantaa Hojiiwwan Balaa Tasaa, Dr Mikaa’eel Yaa’o BBC’tti akka himaniitti, mootummoonni hojjattoota fayyaatiif yeroo garaa garaatti irra deddeebiin leenjii kennuu qabaatu jedhu.

    Yoo akkas ta’eedha haala fooyya’een dhukkubsattootaaf kunuunsa taasisuufi ofiisaanis eeguu kan danda’an jedhu.

  19. Ruwaandaan uggura sochii namootaa daangesse kaasuufi

    Mootummaan Ruwaandaa weerara koroonaavaayiras to’achuuf uggura ji’a tokko dura baase laaffisuuf jiraachuu beeksise.

    Amma Fulbaanaatti manneen barnootaa fi konkolaattota mi’a geejjibaniin alatti, daangaan biyyattis cufaadha.

    Lammileen biyyattii fi kanneen eeyyama jireenyaa qaban gara biyyattii deebi’uun eeyyamameera.

    Kana malees gabaa gartokkeen akka dhaabatu eeyyamameera.

    Manneen waaqeffannaa, iddoowwan namoonni ispoortii hojjatan ammas cufamanii turu.

    Tajaajila geejjiba hawaasaatti namoonni fayyadaman akka walirraa hiiqanitu gorfame. Kutaalee biyyatti tokkoorra gara biraatti qaxxamuruun ammas hin eeyyamamne.

    Ruwaandaan namoonni 243 vaayirasichaan qabamuu beeksifte keessa 84 torban kana keessa qabamuun isaanii mirkanaa’e.

    Ministeerri Fayyaa biyyatti konkolaattoonni daangaa qaxxamuuruun Keeniyaa fi Taazaaniyaarra biyyattii seenan akka tamsa’inni dhibichaa dabaluuf sababa ta’uusaanii beeksiseera.

  20. Biyya kamtu koronaavaayirasiirraa namoota bayyanatan hedduu qaba?

    Yuunvarsiitiin Joon Hopkiins akka mirkaneessetti, lakkoofsi namoota koronaavaayirasiirraa bayyanatanii miliyoona tokko caaleera.

    Biyyoonni asii gaditti tarreeffaman lakkoofsa namoota dhibee kanarraa wayyaa’anii hedduu qabaachuun tartiiba qabataniiru.

    Ameerikaan lakkoofsa namoota du'anii, bayyanatanii fi qabamanii hedduu qabachuun addunyaarraa sadarkaa jalqabaarratti argamti.

    1. USA-153,947 (namoota qabaman 1,070,026)

    2. Jarman -23,500 (namoota qabaman 163,009)

    3. Ispeen -112,050 (namoota qabaman 213,435)

    4. Chaayinaa -78,523 (namoota qabaman 83,956)

    5. Xaaliyaan -75,945 (namoota qabaman 205,463)