Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Afrikaan 'galii lammileen alaa ergan $37bn dhabuu malti'
Galiin biyyoonni Afrikaa lammiileesaanii biyya alaa jiranirraa argatan bara kana 20%’n xiqqaachuu akka malu Baankiin Addunyaa hubachiise.
Haguuggii Tamsaasa Kallattii
Taphattoonni Tootinhaam seera dhorkaa cabsuu isaaniif dhiifama gaafatan
Taphataan kubbaa miilaa kilaba Tootinhaam Sergee Awuriyeriifi Muusaa Sissookoo yeroo sababa koronaavaayirasiif sochiin dhorkamee jirutti suura isaanii osoo shaakalarra jiranii agarsiisu maxxansuu isaaniitiif dhiifama gaafatan.
Awuriyer viidiyoo akkuma maaksii aguuggateen Sissookoo cinaa yeroo fiigaa jiru agarsiisu miidiyaa hawaasummaa irratti gadhiisee ture; booda garuu deebisee kaaseera.
Qajeelfamoonni mootummaa UK akka jedhutti qofaa keessan ykn nama waliin jiraatan waliin qofa shaakaluu dandeessu.
Akka qaama dhiifama gaafachuu isaaniitti dhaabbata tajaajila fayyaa biyyaalessaa dhiyessu NHS tiif kennaa akka kennan lamaanuu beeksisaniiru.
Keeniyaatti namoonni bakka adda of baasanii turuu keessaa miliqan
Keeniyaatti namoonni magaalaa guddoo biyyattii Naayiroobii keessatti bakka dirqama itti adda of baasuun turuu qaban keessaa miliquufyaalaa turan to’atamuu Pirezedaant Uhuuruu Keeniyaataa dubbatan.
Dubbi himaan pirezedaantichaa akka ibsanitti viidiyoon namoota osoo miliquuf yaalanii agarsiisu waraabamee toora interneetaarratti qoqoodameera.
Viidiyoo sanarraas akka arguun danda’amettis namoonni yeroo dallaa irra utaalanii miliquuf yaalaa turan.
Pirezedaant Uhuruu Keeniyaataa eenyummaan namoota miliqanii hundi waan beekamuuf gara wiirtuu itti adda of baasanii tursiifamanii sanatti dirqamaan ni deebiyu jedhan.
TVn Sitiizin jedhamu Keeniyaatti beekamaa ta’e akka gabaasetti namoonni kunneen wayita roobni roobu eegdonni dheessanitti ture.
Afrikaan 'galii lammileen alaa ergan $37bn dhabuu malti'
Afriikaan Kibbaa ittisa weerara Covid 19'f doolaara bil. 26 ramadde
Pirezidaantiin Afriikaa Kibbaa Siiril Raamaapoosaan weerara koronaavaayiras ittisuuf kan oolu doolaara Ameerikaa biliyoona 26 ramadaniiru.
Baajati ramadame kun kaampaaniiwwanii fi hojjettoota ittisa covid 19 irratti hojjetaa jiran deggeruuf akka ta'es dubbatan.
Haasaa TV biyyattiirratti taasisaniin maallaqi ramadame kun galii biyyattii keessaa harka 10 ta'uu ibsan.
Tarkaanfiin kun taaksii hir'isuu, kaffaltii guyyaa hojjettootaa fi hojiiwwan biizinesii xixiqqoo deggeruus of keessaa qaba.
Torbeewwan arfan darban biyyattiin cufamtee turte keessattillee hoji dhabdummaan akkaan kan dabalee fi hanqinni nyaataa gar malee akka dabale dubbataniiru.
Biyyasaaniitti namoonni 3,400 koronaavaayirasiin qabamanii hanga ammaatti 58 du'uu kan ibsan Pirezidaantichi ammallee taatu dhibee kana to'achuun nu harkaa hin baane jedhan.
Daldalaan qabbanaa'uu isaatiif Indiyaan lafa gabaa guddaa cufuuf
Gabaawwan kuduraafi muduraa biyyota Ashiyaa keessaa isa guddaadha kan jedhamu, Izaadipuur Maanidii keessatti daladalaan lafa gabaa Sanaa koronaavaayirasiin waan du’eef, lati gabaa akka cufamuuf motummaan gaafate.
Daldalaan umuriinsaa waggaa 57 ta’e koronaan kan du’e kaleessa yoo ta’u, vaayirasichaan qabamunsaa kan barame garuu guyyaa Wiixataa akka ture gaazexaan Hindusitiyaan jedhamu aanga’oota waabeefachuun gabaaseera.
Akkasumas namoonni daldalaa kuduraafi muduraa sana waliin walitti dhufeenya qabu jedhaman adda baasuun raawwatamaa jira jedhame.
Daladaltoonni tokko tokkoos lafti gabaa sun gutummaatti akka cufamuuf gaafatan lleen aanga’oonni gurra akka hinkenniiniif turu himu.
‘’Aanga’oonnii tatamsa’iinni koronaa gabaa kana keessa babalachuusaaf eddo hinkennine. Yoo xinnaataa eddoon gabaa kun yeroo gabaabaaf cufamu qaba ture’’ jechuun hima daldalaan tokkoo.
Lafti ganaa magaalaa guddoo biyyattii Dalihii keessatti argamu kunis guyyaatti namoota kuma 200 ni keessummeessa jedhama.
Hindiin labsii akka mana keessa turamuuf labsite gabaa kanarratti hojiirra kan hinolchiin yoo ta’u, kanaafu namoonni nagadatanis osoo waliirraa fageenyaa qaamaa barbaadamu hineegiin jechuun aanga’oonni ni dubbatu.
Miizuuriin Chaayinaarratti himannaa bante
Ameerikaatti kutaan biyyaa Mizuuriin mootummaa Chaayinaafi paartii biyyattii bulchaa jiru, Paartii Koministii Chaayinaa irratti dhimma weerara COVID-19 Irratti himannaa bane.
Bulchiinsi Miizuurii Chaayinaan weerara kana dhoksiteetti akka ta’utti addunyaan dafee akka beeku hin goone jedha.
‘’Mootummaan Chaayinaa hammeenya dhibee kanaa addunyaa sobeera, kanneen dafani dammaqaniis callisiiseera, akka hin tamsaane gochuufiis hanga irraa eegamu hin goone’’ jedhan abbaana Alangaa Miizuurii. Kanafiis itti gaafatamuu qabdii jedhan.
Himanni kun badii lubbuu qaqqabaa jiruu, dararaa namootarra gaheefi dhiibbaa diinagdee inni geessise ilaallata
Chaayinaan komii weerara COVID-19 ilaalchisee irratti ka’aa jiru kana cimsitee ofirraa qolachaa jirti.
Himannaan eegalame kun hangam takka milkaaha gaaffiin jedhu ka’aa jira.
Nageenyi Keessan Badhaadhaa!
Bakka jirtanitti akkam jirtu hordoftoota BBC Afaan Oromoo?
Tamsaasa keenya kallattii kan Ebla 22, 2020 kunoo jalqabnee jirra.
Odeeffannoo wayitaawaa biyyaafi guutummaa addunyaa sonuudhaan isiniif dhiyeessina.
Itti dhiyaadhaa, waliifillee dabarsaa.
Aaga Dhagayaa!