Itoophiyaatti tamsa'ina Koroonaavaayiras dhaabuuf meeshaaleen gargaaran raabsamaa jiru
Eejansiin Dhiyeessa Dawaalee Itoophiyaa golgaa fuulaa/maaskii 'N95' jedhamu 200,000, maaskii baqaqsanii yaaluu miiliyoona 3.2, golgaa pilaastikaa 1,000,000 akkasumas gilaavii harkaa 21,000,00 dabalatee siree fi safartuu ho'ina qaamaa biyyattii keessatti raabsuu Daayirektarri I/A kutaa kuusaafi raabsaa eejansichaa Obbo Tasfaalam Adraaroo himaniiru.
Meeshaaleen kunneenis bu'uura raabsaa Inistitiyuutii Fayyaa Itoophiyaatiin giddu-galoota adda baasuu, hospitaalotaafi dhaabbilee fayyaaf kan raabsame ta'uus ibsaniiru.
Dabalataanis, saanitaayizarii liitira 700,000 kan naannooleef raabsame yoo ta'u, alkoolii liitira 200,00, maaskii N95 100,000 fi sarjiikaal maaskii 14,000,000 ta'an bittaan raawwatamee raabsaaf qophaa'uunis himameera.
Kan gubbaatti eeramaniin alas meeshaalee fo dawaaleen gatiin isaanii doolaara 200,000,000 ta'uun adeemsa bittaarra jiraachuun eeramee jira.
Maddi: Ministeera Fayyaa Itoophiyaa