Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Ameerikaatti dhalattoonni Itoophiyaa 100 Covid-19n lubbuu dhaban

Ameerikaatti dhalattoonni Itoophiyaa 100 Covid-19n lubbuu dhabuu Ambaasaaddra Fitsum Araggaa miidiyaa VOAtti himaniiru

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Itoophiyaatti tamsa'ina Koroonaavaayiras dhaabuuf meeshaaleen gargaaran raabsamaa jiru

    Eejansiin Dhiyeessa Dawaalee Itoophiyaa golgaa fuulaa/maaskii 'N95' jedhamu 200,000, maaskii baqaqsanii yaaluu miiliyoona 3.2, golgaa pilaastikaa 1,000,000 akkasumas gilaavii harkaa 21,000,00 dabalatee siree fi safartuu ho'ina qaamaa biyyattii keessatti raabsuu Daayirektarri I/A kutaa kuusaafi raabsaa eejansichaa Obbo Tasfaalam Adraaroo himaniiru.

    Meeshaaleen kunneenis bu'uura raabsaa Inistitiyuutii Fayyaa Itoophiyaatiin giddu-galoota adda baasuu, hospitaalotaafi dhaabbilee fayyaaf kan raabsame ta'uus ibsaniiru.

    Dabalataanis, saanitaayizarii liitira 700,000 kan naannooleef raabsame yoo ta'u, alkoolii liitira 200,00, maaskii N95 100,000 fi sarjiikaal maaskii 14,000,000 ta'an bittaan raawwatamee raabsaaf qophaa'uunis himameera.

    Kan gubbaatti eeramaniin alas meeshaalee fo dawaaleen gatiin isaanii doolaara 200,000,000 ta'uun adeemsa bittaarra jiraachuun eeramee jira.

    Maddi: Ministeera Fayyaa Itoophiyaa

  2. Naayijeeriyaatti doktorri tokko koronaavaayirasiin du'e

    Naayijeeriyaatti doktorri kilinikaa dhunfaa isaatti dhukkubsataa Covid19 wal'anaa osoo jiru vaayirasichaan qabame du'e.

    Doktorri kun dhibamee Wiixata hospitaala yuunivarsitii Leegoos kan gale yoo ta'u Roobii kaleessaa lubbuun dabarte jedhe hospitaalichi.

    Doktorichi gara hospitaalaa gaafa geeffamuu mallattoo dhukkubichaa hamaa qaba ture.

    Waldaan Ogeeyyii Fayyaa Naayijeeriyaa (NMA) doktorri du'e Dr Chugbo Emekaa jedhamu kun nama ganna 51 yoo ta'u dhukkuba Asmii qaba ture jedheera akka gaazexaan biyyatti Vangaardi jedhamu gabaasetti.

    Fayyadamaan 'twitter' tokko suuraa doktora du'e kanaa maxxanseera.

    Waldaan Ogeeyyii Fayyaa Naayijeeriyaa (NMA) kana dura mootummaan ogeeyyii fayyaaf meeshaalee of-eeggannoo dhunfaa PPE gahaa dhiyeessaa hin jiru jedhee komataa ture.

  3. MM Abiy hospitaala Covid19 itti yaalamu daawwatan

    MM Abiy Ahimad fi giiftii duree Zinnaash Taayyaachoo kantiibaa magaalaa Finfinnee Injinar Taakkalaa Uumaa waliin ta'uun, hospitaala dhukkubsattoonni Covid19 itti wal'aanaman daawwatan.

    Kantiibaan Finfinnee Taakkalaa Uumaa akka 'twitter' akka barreessanitti ayyaana faasikaa sababeeffachuuni daawwannaa kana kan taasisan.

    Magaalattii iddoowwan gara garaatti imaluunis ayyaanicha sababeeffachuun kennaawwan adda addaa kenninee jirra jedhan injinar Taakkalaan.

  4. Amma nu gahe, Itoophiyaatti namoonni 7 haaraa Covid-19n qabaman argaman

    Itoophiyaatti sa'aa 24 dabran keessa namoonni 401 vaayirasichaaf qoratamanii namoota torba irratti covid-19 argamuu Ministirri Fayyaa Dr. Liyaa Taaddasaa beeksisan.

    Kanaanis lakkoofsi namoota waliigalaa gara 92tti ol guddateera.

    Namoonni torban hunduu kan biyya alaarraa deebiyan oggaa tahu, iddoo turmaataa keessa kan turanidha jedhameera.

    Isaan keessaa lama dubartoota ennaa tahan, shanan isaanii ammoo dhiiroota.

    Itoophiyaan haga ammaa namoota 5389 koroonaavaayirasiif kan qoratte wayita tahu, namoonni 15 vaayirasicharraa bayyanataniiru.

    Kanneen sadi ammoo lubbuun darbeera.

  5. Al-shabaab 'Somaaliyaaf basaastu' jedhee namoota jaha ajjeese

    Al-shabaab basaastuudha jedhe namoota 6 addababahiitti baase ajjeese.

    Somaaliyaa naannoo Jubaa jedhamutti mootummaa Somaaliyaaf basaastu jechuun hidhattoonni Al-shabaab namoota kana kan ajjeesan.

    Raadiyoon hidhattoota kana deeggaru al-Furquaan akka jedhutti hidhattoonni kun namoota kana yoo ajjeesan jiraattoota araddaa Jamamee jedhamtuu addababahitti walitti baasanii ilaalchisaa turan.

    Abbaan murtee Al-shabaab namoota kanatti du'a mure amantii isaanii gananii jechuu du’a itti muruu hime jedha al-Furquaan.

  6. 'Shamarran gonkumaa nama isaan gudeedetti heerumuu hin qaban'

  7. Chaayinaan doktoroota Itoophiyaa fi Burkinaa Faasootti ergite

    Gareeleen doktorootaa Chaayinaa qabsoo weerara Covid-19 ittisuu biyyoota Afrikaa deeggaruuf Kamisa har'aa gara Itoophiyaafi Burkinaa Faasootti qajeelan jedhe CGTN.

    Ogeeyyiin kunneen kutaa biyyattii Sichuwaan fi magaalaa Tiyaanjin irraa kan babbahani. Lakkoofsi isaanii hin himamne.

    Akka Ministeerri Dhimma Alaa Chaayinaa jedhutti hakimoonni kunneen muuxannoo isaanii ni qoodu, yaala dhukkubichaa irrattis qajeelfamaa fi gorsa teeknikaa ni kennu.

    Naayijeeriyaanis doktoroota Chaayinaa 18 ittisa weerara vaayirasichaa akka deeggaran gara biyyaatti galchuuf yaada qabdi garuu kana doktoroonni Naayijeeriyaa itti hin gammadne.

    Waldaan Ogeeyyii Fayyaa biyyattii hakimoota hojii malee taa'an biyyattiin qabdutti osoo dhimma baate wayya ture jedhan.

    Chaayinaan amma duras deeggarsa meeshaalee biyyoota Afrikaaf gochaa turte.

    Doktoroonni gara Itoophiyaa ergaman Kamisa Waaree booda Finfinnee gahu jedhamee eegama.

  8. Covid-19 hariiroo dippilomaasii biyyoota addunyaa daran hammeessaa jiraa?

  9. Afrikaa Kibbaatti guyyaa tokkotti namootni 7 koronaavaayirasiin du'an

    Afrikaan Kibbaa guyyaa tokkotti namoonni 7 koronaavaayirasiin du'uu gabaafte - lakkoofsi namoota vaayirasichaan du'anii waliigalaa 34 gaheera.

    Namoota du'an torba keessaa shan warra dhibee biraa jalaa qabanidha jedhe Ministeerri Fayyaa biyyattii.

    Walumaagalatti biyyattiitti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii 2,506 gaheera.

    Afrikaan Kibbaa torbee sadiif sochii uggurtee namas manaa bahuu dhorkitee jirti.

    Yeroo torbee sadii kana kessatti namoota 90,000 oliif qorannoo koronaavaayirasii taasiseera jedha mootummaan Afrikaa Kibbaa.

    Uggurri sochi kun hanga Kamisaa qofa ture kan labsame booda hanga xumura Eeblaatti dheereffame.

    Afrikaan Kibbaa biyyoota uggura sochii jabaa hojiirra oolchaa jiran keessaa tokko - wantoota murteessaa ta'aniif yoo ta'e malee gonkumaa manaa bahuun hin danda'amu.

  10. Akkamiin sirnaan maaskii kaawwatu?

    Weerara Koroonaavaayiras ittisuuf Labsii Yeroo muddamaa Itoophiyaatti labsameen namuu manaa oggaa bahutti afaaniifi funyaan haguuggachuu akka qabu akeeka.

    Haala Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa gorsuun, akkamiin maaskii fayyadamuu akka dandeessan viidiyoo gabaabaduu kanarraa barattu.

    Gaazexeessaan BBC Baqqala Atoomaa isinitti agarsiisa.

  11. Magaalaan Chaayinaa biroos saree fi adurree nyaachuu dhorkite

    Chaayinaatti magaalaan lammaffaa weerara koroonaavaayiras booda foon saree fi adurree nyaachuu dhorkite.

    Magaalaan Zhuuhaayi jedhamtu magaalaa jalqaba dhorkite Shenzen hordofuun dhorkaa kana keesse.

    Dhorkaan magaalonni kunniin kaa'aniis Caamsaa 1 irraa eegalee hojiirra oola.

    Murtoon kuni rogeeyyii mirga bineeldotaaf falman, weerara kanaan walqabatee foon saree fi adurree nyaachuun Chaayinaatti ni dhorkama jedhanii abdataniin guddoo jajameera.

    Dhaabbanni Human Society International (HSI) jedhamu saroonni miiliyoona soddoma foon isaaniif jecha Eeshiyaatti akka ajjeefaman hima.

    Haa tahu malee, foon saree soorachuun Chaayinaa keessa waan namni hundi godhu miti - uummata biyyattii keessaa hedduumminni isaanii foon saree nyaatanii hin beekan, nyaachuufis hin fedhan.

  12. Murtee pireezidantii Ameerikaatti 'gaddineerra' - Dr Teedroos

    Pireezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp deeggarsa maallaqaa Ameerikaan dhaabbatichaaf kennitu adda kutuuf murteessuun 'nu gaddisiiseera' jedhan barreessaan olaanaa WHO Dr Teedroos Adhaanoom.

    Deeggarsa Ameerikaan dhaabbatichaaf kennituun biyyoota humna hin qabne hedduu deeggaraa turre jedhan.

    Yeroo kanatti tokkoomuu qabna malee, wal qoodu hin qabnu, "gaafa wal qoodnu vaayirasichi qaawwa nu gidduu jirutti dhimma baha," jedhan.

    Donaald Tiraamp WHO'n 'hojii isaa bu'uuraa hojjechuurratti kufeera' jedhanii ture.

  13. Narsiin garaatti baattu koronaavaayirasiin duutee daa’imni garaa garuu of-kale

  14. Lammiileen Keeniyaa COVID-19'f adda baafaman miliquuf yaalani

    Lammiileen Keeniyaa giddu-gala adda baasuu Naayiroobiitti argamu keessa turan haalli qabiinsaa nuuf hin mijanne jechuun miliquuf yaalani.

    Ministeerri Fayyaa biyyattii namoonni 225 vaayirasichaan kan qabaman ta'uu ibsuun, warreen dhiyootti gara biyyaa seenaniifi mallattoo agarsiisaniiru jedhamuun shakkaman lammiilee kaanitti akka hin dabarsineef yaaduun qofaatti adda baafamanii jiru jedha.

    Haa ta'u malee namoonni BBC'n dubbise hedduun garuu, yeroon adda baafamnee itti turru dheerachuun isaa rakkina sammuuf nusaaxilaa jira jedhu. Mootummaan bakka mana hidhaa fakkaatu keessatti nudararaa jiras jechuun komatanii jiru.

    ''Sababni gara giddu-gala sanaatti itti deebinu natti hin mul'atu, turtii keenyaaf kaffaluus hin dandeenyu,'' jechuun namni Saayiman Mugaambii jedhamu gaazexessitootatti himeera.

    Bakka bu'aa lammiilee sunneenii ta'uun kan dhiyaateefi maqaa Taanuuyi jedhuun kan of waamu namni biraan ammoo ''yeroo lama qoratamnee bilisa ta'uun keenya mirkanaa'eera, waan mootummaan jedhe hunda gochaa guyyoota 14 dabarsinee amma guyyaa 23ffaa geenyee jirra, hatattamaan gara maatii keenyaatti deebi'uu qabna,'' jedha.

    Ministirri Fayyaa Evaansan Kimuurii mootummaan badii akkasii hin raawwanne jechuun yoo haalan, inumayyuu namoonni kunneen hojjattoota keenya hanga miidhaan qaamaa irra ga'utti rakkisaanii jiru jedhani.

  15. Ameerikaatti duuti olaanaa galmaa'e Tiraamp garuu...

    Ameerikaan lakkoofsa namoota Covid19'n guyyaa tokkotti du'anii olaanaa galmeessiste.

    Sa'aatii 24 darban qofa namoota 2600'tti siqan awwaalte.

    Kuni biyyattii qofaaf osoo hin taane addunyaafuu lakkoofsa namoota guyyaatti du'anii isa olaanaadha.

    Kuni wayita pireezidantiin biyyattii Donaald Tiraamp lakkoofsi namoota haaraa vaayirasichaan qabamanii sadarkaa olaanaarra gahee darbeera jedhanitti ta'e.

    Akka Tiraamp jedhanitti Ameerikaa keessatti amma booda namootni haaraa vaayirasichaan qabaman hir'ataa adeema.

    Kanaafis sochii diinagdee biyyattii deebisanii banuuf haala gaariirra jirra jedhan.

    Bulchiinsi Tiraamp duraan Caamsaa 1 biyyattii deebisanii banuuf karoorfatee ture, pireezidantichi garuu naannoleen tokko tokko sana dura sochii idileetti deebi'uu akka danda'an akeeku.

    Ameerikaatti namoonni 640,000 vaayirasichaan yoo qabaman, 30,000 ol ammoo lubbuu dhabanii jiru.

  16. Dargaggoo duula magaalota Oromiyaa farra vaayirasiin qulqulleessuutti jiru

    Weerarri dhukkuba Covid-19 gaafa hammaatu gaheekoo bahachuun qaba jedhe torbee sadi dura gara biyyaa deebi'e jedha ogeessi fayyaa kaka'umsaafi baasii mataa isaatiin magaalota Oromiyaa keemikaala farra vaayirasiin qulqulleessaa jiru Dassuu Tafarraa.

    Amma dura magaalota akka Amboo, Gudar, Sulultaa fi Walisootti keemikaala kana biifeera.

    Dhimma fayyaa fi barnootaa irratti waggoota dheeraaf hojii tola ooltummaa hojjetaa akka ture kan himu Dassuun, hundeessaa dhaabbata tola ooltummaa 'Education and Medical Fund for Africa' jedhamuuti.

    Dhaabbati tola ooltummaa kun amma dura waggaa waggaan magaalota Oromiyaa adda addaa keessatti wal'aansa baqaqsanii yaaluu gurguddaa bilisaan kennaa akka ture hima.

  17. Misirroonni Wuhaan gaa'elaaf ariifataa jiru

    Jaalalleewwan wal kaadhimmattanii turan waajjiroota galmeefi manneen suuraatti deemaa jiraachuun, giddu-gala Koroonaavaayiras kan turte Wuhaanitti jireenyi idilee deebi’aa jiraachuu isaaf mallattoodha.

    Magaalaan torban 11’f cufamtee turte, Eebla 8 ture balbalashee kan banatte.

    Ergasii as jaalalleewwan cidha qopheessuuf yaadanii ji’ootaaf duraa barfate daddafanii wal-fuuchaa jiru.

    ''Fedhiin suuraa ka’uu hedduu dabaleera. Nuti garuu yaaddoo waan qabnuuf misirroo sadii qofa guyyaa tokkotti keessummeessaa jirra.

    Dhukkubichaan dura guyyaatti 16 keessummeessina turre,’’ jechuun abbaan mana suuraa cidhaa tokko miidiyaa biyyattiif himee jira.

  18. Abbaan piizaa pozatiivii taanaan namoonni 72 adda of baasan

    Indiyaa Delhiitti namoonni 72 sababa namichi piizaa isaaniif geessu koronaavaayirasiin qabameef adda of baasanii jiru.

    Namoonni kunneen manatti adda of baasanii kan jiran yoo ta'u yoo mallattoo agarsiisan ni qoratamu.

    Amma dura isaan keessaa kan qoratame hin jiru.

    Hunda isaaniifuu abbaan piizaa kun yeroo adda addaa piizaa geessaafi ture.

    Wayita Indiyaan sochii hunda uggurtee jirtutti lammileen biyyattii hedduun warra nyaata manatti namaaf gessan irratti hirkatu.

    Biyyattiin duraan guyyaa 21'f sochii uggurtee magaalotashee kan cufte yoo ta'u dhiyeenya kana hanga Caamsaa 3'tti dheeressite.

  19. Ashamaa akkam bultan

    Gabaasni kallattii weerara Koroonaavaayirasii irratti xiyyeeffachuun biyya keessaa fi alaarraa isin biraan geenyu ya jalqabe.

    Nagayaan oolaa