Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Maanguddoon magaalaa Duukam jiraatan koronaavaayirasiin qabamanii du'ani

Namni sadaffaa Itoophiyaa keessa koronaavaayirasiin qabamanii du’u isaanii Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa ibse. Namni har’a du’an jiraattuu Naannoo Oromiyaa Magaalaa Dukam yeroo ta’an jalqabumaa kutaa kunuunsi addaa taasifamuuf keessa turani jedhameera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Doktorri haadha koronaavaayirasiin qabamte deessiste maal himti?

  2. Somaaliyaan sababa COVID-19n namni jalqabaa du’uu himte

    Namni du’e kunis ganna 58 akka ture Ministeerri Fayyaa Fawziiyaa Abiikaar Nuur ifa gooteetti.

    Innis gara biyya alaatti kan hin imallee fi hospitaalaa Maartiinii kan Mogaadishuutti yaalamaa akka ture dubbi himaan mootummaa Ismaa’iil Muktaar Oroongo himaniiru.

    Namoota vaayirasichaan qabaman keessaa lamaansaanii ogeeyyii fayyaa akka ta’an Ministirri Fayyaa biyyattii himeera.

    Somaaliyatti hamma ammaatti namoonni koronaavaayirasiidhaan qabaman 12.

  3. 'Labsii yeroo muddamaa kan hojiirra oolchu Komaand Postii miti'

    Labsii yeroo muddamaa ittisa weerara koronaavaayirasiittiin walqabatee labsame kan hordofee hojiirra oolchu Komaandi Postii akka hin taane Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa beeksise.

    Haati Alangee Adaanech Abeebee ibsa kennaniin akka hubachiisanitti, hojiirra oolmaa labsii yeroo muddamaa kan hordofu Komaand Postii osoo hin taane, mana maree ministeerotaa ykn koree manni marichaa hundeessuuni..

    Kun akka ta’uuf kan barbaadameefis labsii kanaan dura Itoophiyaa keessatti labsamee tureen walqabatee moggaasni bulchiinsa ‘Komaand Post’ jedhu irratti ilaalcha gaarii hin turre maqsuudhaaf jedhameeti.

    Labsiin kun ji'oota shaniif guutummaa biyyattii keessatti hojiirra akka oolu Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa beeksiseera.

    Abbaan Alangaa labsiin kun guutummaa biyyattiitti hojiirra akka oolu ibsulleen tarkaanfiiwwan fudhataman ifatti hin keenye.

    Turtii labsii yeroo muddamaa kana keessa mirgoota dhorkamaniifi tarkaanfiiwwan ni fudhatamu jedhan ifatti kaa’amuu baatus, akka barbaachisaa isaatti manni maree ministeerootaa danbii baasuudhaan wantota dhorkamaniifi tarkaanfiiwwan fudhatamuu qaban akka baasu ibsameera.

  4. Paarlaamaan Itoophiyaa boru labsii yeroo muddamaarratti mari'achuufi

    Manni maree bakka bu'oota uummataa Itoophiyaa boru Ebla 10 wal gahii idilee isaa akka godhatuufi labsii yeroo muddamaa mootummaan Itoophiyaa weerara koronaavaayirasii to'achuuf labse irrattis murtee akka kennu beeksise.

    Boordii hojiirra oolmaa labsii yeroo muddamaa hundeessuuf yaada murtee dhiyaates irratti mari'atee mirkaneessa jedhamee eegama.

    Dabalataan weerara vaayirasichaa to'achuuf mootummaa Itoophiyaafi Waldaa Misoomaa Idil-addunyaa jidduutti waliigaltee liqaa taasifame mirkaneessuuf wixinee labsii dhiyaates ni mirkaneessa jedhamee eegama.

    Yaa'iin galma waajjira MM jirutti kan taa'amu yoo ta'u kunis miseensonni walirraa siqanii akka ta'aniif yaadamee akka ta'e himameera.

  5. 'Mootiin Uudaa' Somaaliyaa koroonaavaayirasiin du'an

    Abbaa muuziqaa ammayyaa Soomaliyaa akka ta'an kan himamuuf Ahmad Ismaa’el Hudeeyidii koronaavaayirasiin Landanitti du’an.

    Sababa Uuda taphachuun beekamaniif 'Mootii Uudaa' jedhamuun kan beekaman manguddoon ganna 92 kun sirboota qabsoo farra kolonii weellisaniin beekamu.

    'Sagalee birmadummaa fi bilisummaan ta'uun yaadatamu' jedhu daarektarri jaarmiyaa aartii Somaalee Landan keessa maadheffate.

    Bara 1928 Barbaraatti kan dhalatan namni kun, Yaman keessatti guddatan, Somaaliyaatti kan deebi'an bara dargaggummaa isaanii ture.

    Bara 1990moota keessa wayita waraana waliinii Somaaliyaa gara Landan deeman.

  6. Addunyaarratti lakkoosi namoota koroonaavaayirasiin qabamanii mil 1.5tti hiiqe

    Addunyaarratti lakkoosi namoota koroonaavaayirasiin qabamanii saffisaan dabalaa jiraachuu ragaan yuunvarsitii Hopkiins irraa argame kan agarsiisu.

    Biyyoonni hedduun ammaas weerara dhibichaa dhaabuuf wayita dhama’aa jiranitti, Gamtaan Awurooppaa deebiin dhimmichaaf kennan quubsaa miti jechuun Xaaliyaan akeekkachiifte.

  7. Afrikaa Kibbaa - guyyaa tokkootti namoonni 5 koroonaavaayirasiin du’an

    Afrikaan Kibbaa guyyaa tokkootti namoonni 5 koroonaavaayirasiin jalaa du'uu beeksifte.

    Dhukkubsattootni du’an kunneen wal’aanamaa turan. Yeroo duraaf lakkofsa namootaa olaanaa biyyatti keessatti du’aan ta’uutu gabaafame.

    Amma dura walumaagalatti namoonni 18 vaayirasichaan du’uu Ministeerri Fayyaa biyyatti beeksiseera.

    Namoonni vaayirasichaan qabaman 1,845 yoo ta'an, 95 bayyanataniiru.

  8. 'Vaayirasii kana bu'aa siyaasaaf oolchuurraa of haa qusannu' - duree 'WHO'

    Hogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr Teedroos Adhaanoom koronaavaayirasiin bu'aa siyaasaa argachuuf figuu akeekkachiisan.

    Vaayirasii kana to'achuuf tokkummaan barbaachisaa ta'uu kan dubbatan Dr Teedroos, sadarkaa idil-addunyaatti Chaayinaafi Ameerikaa jidduu tumsi barbaachisaadha jedhan.

    "COVID qabxii siyaasaa ittiin galmeessisuuf fayyadamuun dhaabbachuu qaba," jedhan.

    Biyyoota hunda keessattis xiyyeeffanaan paartilee siyaasaa hundaa lammilee isaanii baraaruu ta'uu qaba jedhan.

    "Maaloo vaayirasii kana siyaasatti hin jijjiirinaa, kuni waan siyaasaaf dhimma itti baanu miti, akka ibiddaan taphachuuti" jedhan.

    Sadarkaa biyyaalessaa fi addunyaatti wayita garaagarummaan nu gidduu jiraatu, yeroos vaayirasichi ni milkaa'a jechuunis barbaachisummaa waliin dhaabbachuu dubbataniiru.

  9. US meeshaalee of eeggannoo (PPE) kuusaa keessaa fixachuutti jirti

    Ameerikaan kuusaa biyyaalessaa keessaa meeshaalee of eeggannoo dhuunfaa ykn PPE hojjettoota fayyaa namoota koronaavaayirasiin qabaman wal'aananiif kennamu fixataa jirti jedha gabaasni Asoosheetid Pires.

    Hafuura baafachiiftuu N95 jedhaman, maaskii fuulaa, gaachana fuulaa, gaawonii uffatamu akkasumas meeshaalee fayyaa birooti kan kuusaa keessaa dhumaa jiru.

    Kuufama biyyattiin qabdu keessaa dhibbeentaan 90 amma dura mootummoota naannoleef raabsamuu mirkaneessee jira,

    Dhibbeentaan 10 hafte of eeggannoof kan ol kaa'amte jette dubbi himtuun muummee kanaa.

  10. 'Kaayyoo labsameef alatti waan biraaf akka hin oolle yaaddoo qabna'

    Labsiin mootummaan Itoophiyaa weerara koronaavaayirasii to'achuuf labse, 'kaayyoo labsameef alatti waan biraaf akka hin oolle yaaddoo qabna' jedhan dura taa'aan KFO pirofeesar Mararaa Guddinaa.

    Mootummaan labsii kana labsuun dura akka irratti mari'annu yeroo lama nu affeereera kan jedhen pirofeesar Mararaan, wanta nutti dhaga’amu ammoo itti himneerra jechuun BBC'tti himaniiru.

    Haata'u malee, biyyootiin hedduu murtee kanaan deemaa jiru waan ta’eef mormuun ni cima jedhan.

    Hanga danda’ametti biyyi keenyafi lammileen hundi waliin taanee yeroo cimaa kana keessa darbuu qabna jechuunis waamicha dhiyeessanii jiru.

    Qondaala Sochii Biyyaalessaa Amaaraa (ABIN) kan ta'an Xaahiir Mohaammad, "labsichi ifa miti, namni maaltu akka dhorkameefi hin dhorkamiin baruuf mirga qaba," jedhan.

    "Wanti nuti argaa jirru mootummaan sochii bu'aa siyaasaa isaaf argamsiisu irratti xiyyeeffachuu isaati - yeroo kanattillee siyaasaa hojjetaa jiru," jedhan.

  11. Indiyaan akkamitti jirti?

    Indiyaan erga uggura labsite amma torban torbee sadaffaafi isa dhumaa ta’us lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii dabaluu waan itti fufeef uggurri kun ammatti dhaabbachuu dhiisuu mala.

    Biyyattii keessatti sa’aatii 24 darbanitti lakkoofsa namoota koronaavaayirasiin qabamanii isa guddaa galmeesisfte. Kunis namoota 773 yoo ta'u lakkoofsa namoota qabamanii 5,095’tti ol guddiseera.

    Magaalota Deelii, Muumbaayiifi Chaandigarah keessatti maaskii uffachuun dirqama – namni seera kana cabses ni adabama.

  12. EUn biyyoota koronaavaayirasiin hubamaniif deeggarsa gochuu qaba - Italii

    MM Italii Juseeppee Koontee Gamtaan Awurooppaa akka gamtaatti dhimma koronaavaayirasii irratti kufuuf adeema jechuun BBC'tti himan.

    Gamtichi bifa qindaa'eefi gahaa ta'een biyyoota akka malee vaayirasichaan hubaman deeggaruuf socho'uu qabas jedhaniiru.

    Rakkoo hamaa waraana addunyaa lammataa booda mudate kana faccisuuf Gamtaan Awuurooppaa dammaquu qaba jedhan.

    Kana kan jedhan yaada liqaa biyyoota vaayirasichaan hubamaniif kennamu kan biyyoonni miseensa Gamtichaa ta'an hundi waliin kafalan irratti garaagarummaan erga uumameen booda.

    Biyyoota yaadicha morman keessaa Neezarlaandis ishee tokko.

    Gamtaan kun akka gamtaatti dhaabbatee rakkoo kana waliin hin lolu yoo ta'e Gamticha kufaatiitu isa eeggata jedha MM Juseeppeen gaaffiif deebii erga weerarri vaayirasichaa mudateen booda yeroo duraaf BBC waliin taasisaniin.

    Italii keessatti lakkoofsi namoota haaraa vaayirasichaan qabamanii akkasumas kan namoota du'anii guyyoota muraasa darban hir'ataa adeemaa jira.

    Haa ta'u malee uggura sochii biyyattiin Bitootessa 9 labsite laaffisuu ammatti waan yaadamu miti jedhan.

  13. Sababa koronaavaayirasiif namni manatti gallaan hantuutni daandiitti yaate

    Cufamuun reestoraantiiwwaniifi namoonni sababii Covid-19f manatti galuun amala soorataafi amala hantuutaa irratti dhiibbaa uumaa jira jedhan qorattoonni.

    Dhiyeenyatti Ameerikaa Niiw Orliins, wiirtuu magaalaa lafa Fireench Kuwaartar jedhamutti hoomaan hantuutaa daandiirra yeroo garmaaman mul’ateera.

    Magaalaa Luuziyaanaattis manneetiin dhugaatiifi reestooraantiiwwan cufamanii otuma oolee hin bubbuliin gareen hantuutaa lafa dhokatanirraa yaa’uutti ka’an.

    Ogeessi waa’ee hantuutaa qoratu Roobart Kooriigaan,"homaan hantuutaa kunneen silaa kana dura hambaafi harcaatii nyaata daawwattootaa sooratu ture.

    Niiwu Yoorkittis tahe Diisiitti, amma waan godhan dhaban, ni beela’an,’’ jedhan.

    Namooti addunyaa kanarra jiran sababa weerara kanaan sochiifi amala isaanii jijjiirachaa jiru.

  14. Akkan jirtu hordoftoota BBC Afaan Oromoo?

    Nagaan bakka jirtanitti isin yaa qaqqabu.

    Gabaasa kallattii keenya Ebla 9, 2020 eegaleera.

    Aaga Dhaga'aa Oolaa!!

    Gabaasa kallattii kaleessaa (Ebla 8, 2020) kanaa gaditti argachuu dandeessu.

  15. Tamsaasni keenya har'aa xumurame.

    Tamsaasni kallattii har'aa xumurame.

    Ganama walitti deebina. Gaaritti bulaa.

  16. Ministirri Afrikaa Kibbaa seera koovid19 to'chuuf bahe cabsuun hojiirraa ari'amte

  17. Laayibeeriyaan labsii yeroo muddamaa labsite

    Pirezidantiin Laayibeeriyaa Joorj Wiihaa labsii yeroo muddamaa labse.

    Labsiin kuni gaafa Jimaataa eegala kan jedhame yoo ta’u paarlaamaan ni raggaasisa jedhamee eegama.

    Labsiin kuni torban sadiif ni tura. Bu’aa fiduurratti hundaa’es dheerachuu mala.

    Labsiin kuni hanga koronaavaayirasiin Laayibeeriyaaf balaa hin taanetti kan turu ta’a jedhameera.

    Laayibeeriyaa keessa namoonni vaayirasichaan qabaman 14 yoo ta’an 4 du’aniiru.

  18. Koronaavaayirasii ilaalchisuun addunyaan attamiin oolte?

    Itoophiyaa: Weerarrri koronaavaayirasii ‘saffisaan tatamsa’aa jira’ jechuun labsii yeroo atattamaa ji’a shanii fturu labsiteetti. Biyyattii keessatti saa'aatii 24 darban keessatti namoota 225 qorattee namoonni sadii koronaavaayirasiin qabamuun isaanii mirkanaa'eera.

    Keeniyaa: Keeniyaatti dabalataan namoonni 7 Covid-19’n qabaman

    Lakkoofsi namoota biyyattii keessatti koronaavaayirasiin qabamanii 179 gahe.

    UK: Ministirri Muummee UK dhibee Covid-19n qabamanii hospitaala galuun guyyaa sadaffaaf wallaansa addaa argataa jiru.Haalli fayyaa isaanii kan ‘hamaaf dabarsee kennu miti’ jedhameera. Biyyattii keessatti ammoo ar'a qofaatti naammooni 938 du'anii walumaa gala biyyattiin sababa koronaavaayirasii tiin namoota 7,097 dhabdeetti.

    Chaayinaa:Chaayinaa magaalaa Wuhaan kan jalqaba koronaavaayirasiin keessatti argame torban 11 booda karri banameef sochii eegalteetti.

    Ameerikaa: Amerikaatti lakkoofsi namoota sababa koronaavaayirasiin Kibxata qofa du’anii 1,736 qaqqabe. Kunis, kan hanga ar’aatti galmaa’e hunda caala jedhameera.

    Gamtaa Awurooppaa: Gamtaan Awurooppaatti ministiriinni maallaqaa tarkaanfiiwwan weerara koronaavaayirasii ittisuuf fudhatanirrratti sa’aatii 16 mariyatanilleetarkaanfii fudhatan irratti waliif hin galle.

    Xaaliyaanii: Xaaliyaaniitti lakkoofsi namoota du’ani xiqqaateera. Sa’aatii 24 darbe 542 galmaa’e.

    Ispeen: Lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin du’anii guyyoota lamaaf dabalee ooleera.

    Israa’el: Ayyaana hordoftoota amantaa warra Yihudootaa dursee guutummaa biyyattii keesatti sochiin akka dhaabbatuuf murtaa’eera.

    Faransay: Pirezedaantiin Faransaay, Maanu’eel Maakroon kutaa biyyattii haalaan miidhamte daawwachuu isaaniitiif baayyee qeeqaman. Jiraattonni ganda sanaa ammoo bahanii salaamtaa kennaf oolan.

  19. Ministirri Muummee Kaanaadaa hojiitti deebi’an

    Ministirri Muummee Kaanaadaa Jastin Tiruudoo hojiitti deebi’an.

    Ji’a darbe haati warraa isaanii koronaavaayirasiin erga qabamte as addatti of baasanii turan.

    Yeroodhuma sanayyuu garuu manaa hojjechaa turan.

    Guyyaa har’aas torban muraasa booda kaabinee biyyattii walitti qabu jedhamee eegama.

  20. Ertiraatti namoonni dabalataa 2 koronaavaayirasiin qabaman

    Ertiraatti namoonni dabalataa 2 koronaavayirasiin qabamuu isaanii biyyattiin beeksifte.

    Lamaan isaanii dhiira yoo ta’an bakka addatti tursiifaman keessaa qoratamanii irratti argame jedhan.

    Lakkoofsi namoota waliigalaa biyyattiitti koronaavaayirasiin qabamanii 33 gaheera.