Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Filannoon Itoophiyaa yeroo hin murtoofneef achi butame

Weerara koronaavaayirasiif jecha filannoon biyyaalessaa 2012 yeroo qabameetti akka hin gaggeeffamne Boordiin Filannoo Biyyaalessaa beeksise.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Addunyaan maalitti jirti?

    Sa'aatiile darban odeessaaleen haaran gabaabumatti:

    • Guutuu addunyaatti namoonni 37,000 ol yoo du'an, 800,000 vaayirasichaan qabamuun isaanii mirkanaa'ee jira.
    • Ameerikaatti namootni vaayirasichaan qabaman 164,603, kan du'an ammoo 3,170 gahaniiru.
    • Awurooppaa keessatti koronaavaayirasiin daran kan hubaman biyyoonni lamaan Italii fi Ispeen, lakkoofsi namoota haaraa qabamanii xiqqaachaa jira, abdiin jira jedhan.
    • Italiitti lakkoofsi namoota qabamanii 101,739, kan du'an 11,591 yoo ta'u, Ispeenitti kan qabaman Chaayinaa caalee 87,956 gaheera, kan du'an 7,716.
    • UK'tti lakkoofsi namoota qabamanii 22,454 yoo gahu kan du'an 1.411
    • Miidhaan diinagdee jabaa keessaahuu naannoo Eshiyaa Paasifiik mudachuun 'waan hin oolle' jedhe Baankiin Addunyaa
    • Jappaan namoota Ameerikaa, Kaanadaa, Chaayinaa, Kooriyaa Kibbaa akkasumas biyyoota Awurooppaa irraa dhufanitti daangaa cufachuufi.
    • Indiyaa keessatti lakkoofsi namoota haaraa vaayirasichaan qabamanii daran olaanaa galmaa'eera.
    • Daandiin qilleensaa guddichi addunyaa kanaa 'American Airlines' deeggarsa mootummaa doolaara biliyoona 12 na barbaachisa jedhe.
  2. 'COVID-19 to'achuuf uggurri intarneetii xumura haa argatu' - HRW

    Yeroo rakkoo kanatti ta'e jedhanii intarneetii cufuun mirga namoomaa hedduu sarbaa, ammoo lubbuu namaallee gaaga'uu mala jedhe dhaabbanni mirga namaaf falmu 'Human Rights Watch'.

    Mootummoonni wayta ammaa intarneetii ugguranii jiran kan akka Baangilaadeesh, Itoophiyaa, Indiyaa fi Miyaanmaar, lubbuu namaa oolchuuf intarneetii dafanii gadi dhiisuu qabus jedheera.

    Yeroo rakkoo hamaa kanatti odeeffannoon yeroo yeroon argamu daran murteessaadha kan jedhe ibsi HRW haaraa baase kun, namoonni intarneetii waa'ee fayyaa odeeffannoo haaraa argachuuf, tarkaanfiiwwan fudhatamaa jiran baruuf akkasumas odeeffannoo argatan irraa ka'anii of-eeggachuuf itti fayyadamu jedhe.

    Cufamuun intarneetii kun namoota deeggarsa addaa fedhaniifi intarneetii irratti hirkatan, darbees diinagdee biyyaa daran miidha jedhe.

  3. Yooyyaa!

    Akkam jirtu? Nageenni Badhaadhaa?

    Yeroo yaaddoon hammaate kanatti odeeffannoo gahaa qabaachuun murteessaadha.

    BBC Afaan Oromoo dhimma koronaavaayirasii fi taateewan gurguddoo biroo biyya keessaa fi guutuu addunyaa irratti ta'aa jiru gabaasa kallattiin isin biraan gahuun duula ittisa koronaavaayirasii irratti isin waliin jira.

    Isinis nu waliin turaa, nu hordofaa, waliif qoodaa.

    Haga dandeessan mana turaa, yoo manaa baataan qaamaan walirraa hiiqaa, harka keessan dhiqadhaa.

    Oolmaa Gaarii!