Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Mootummaan Naannoo Oromiyaa sochii geejjibaa uggure

Magaalota adda addaa keessatti namni walirraa hiiquu dhiisuufi qajeelfamoota kennaman hojiirra oolchuu dhabuun yaaddoo guddaa ta'ee itti fufuu MM Abiy Ahimad himaniiru.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tamsaasa keenya kallattii ya obbaasne

    Fayyaa faaya | Fayyaa ta'aa

    Barsiistuun suuraa kanarratti mullattu barattootashee manarra deemtee daawwachaa jirti.

    Sababa koronaavaayirasiin manni barnootaa waan cufameef, barattootashee 27 hunda mana manarra deemuun daawwatti.

  2. Eertiraan manneen nyaataafi dhugaatii cufuuf murteessite

    Ministeerri Odeeffannoo Eertiraa tatamsa’inna COVID-19 to’achuuf ibsa baaseera. Ibsa mootummaan baase haala kanaan dhiyeessineerra.

    Mootummaan Eertiraa yeroodhaa gara yerootti tatamsa’inna COVID-19 to’achuuf qajeelfamoota baasaa jira.

    Qajeelfamoonni kunneenis akka mootummaan yaade sanitti hojiirraa hin oolle. Faallaa kanaan qajeelfamnni walirraa siiquu, manneen amantiitti baay’ataniin kadhachuun akkasumas bakkeewwan garagaraatti baay’innaan socho’uun ni mul’ata.

    Yeroo addunyaan weerara kanaan haala miidhamaa jiruttii fi lubbuun namootaa hedduminaan badaa jirutti qajeelfamoonni hundi lammiilee hundaan haalaan hojiirra oolfamuu qabu.

    Qaamoleen mootummaa dhimmi ilaallatu tarkaanfii barbaachisu hunda fudhachuu qabu.

    Haaluma kanaan tarkaanfiiwwan kunneen isa duraa dabalataatiin hojiirra ooluu qabu:

    1. Boru ganamarraa jalqabee lammiilee qajeelfamoota kanneen hin kabajinerratti qaamoleen mootummaa tarkaanfii ni fudhatu.

    2. Manneen dhugaatii, manneen nyaataa, kaafee fi kennitoonni tajaajilaa maamiltootaaf kennan boru ganama sa’aatii 12irraa jalqabee guyyoota 14’f ni cufamu. Mindaan hojjattoota kanneenis dhaabbata isaan keessatti hojjataniin itti fufinsaan ni kaffalamaaf.

    3. Dhaabbileen ijoo, baankonni, manneen qorichaa, suuqiin fi dhaabbileen tajaajila murteessaa kennan biroos ni banamu.

    4. Yeroon kaffaltii ibsaa, bishaanii fi bilbilaa gara yeroo biraatti dabarfamaniiru.

    5. Tajaajiloonni mana murtii sadarkaa hundarra jiran hamma ibsi biraa kennamuuf ni cufamu

    6. Qaamoleen mootummaa hundi qajeelfamoota mootummaarraa guyyaadha guyyatti bahan hunda hojiirra ni oolchu.

  3. Amma nu gahe, Sa’aa 24 darban keessatti Xaaliyaan namoota 812 Covid 19’n dhabde

    Sa’aa 24 darban keessatti Xaaliyaan namoota 812 Covid 19’n dhabde

    Biyyi Awrooppaa biroon Ispeenis namoota 800 ol dhabdee jirti.

    Hanga ammaatti Xaaliyaan namoota 11, 500 ol du’aan dhabde. Akka addunyaatti namootni vaayirasichaan qabaman 745,000 ol kan gahe yogguu tahu, kan du’an ammoo 35,000 ol gaheera.

  4. Guyyaan Olimpikii Tokiyoo itti gaggeeffamu ifa tahe

    Dorgommiin Olompiikii Tookiyoo bara 2020 gaggeefamuuf ture sababa weerara COVID-19n achi butamuuf murtaa'uunsaa ni yaadatama.

    Haaluma kanaan guyyaa haarayaa dorgommiin kun itti adeemsifamu Waxabajjii 23, 2021 akka tahuuf murtaa'eera.

    Waxabajjii 23 irraa jalqabee hanga Hagayya 8’tti ni gaggeeffama.

    Koreen Olompiikii Addunyaa (IOC) murtee kana dabarsuuf gaafa Wiixataa wal gahee ture.

    Dorgommiin olompiikii kunis yeroon itti gaggeeffamu achi dabarfamus Dorgommii Olompiikii Tookiyoo jedhama jedhameera.

    Dorgommiin Paaraalompiikiis kan duraaniin Hagayya 25 jalqaba jedhamuun karoorfamee ture ammatti jidduu Hagayya 24 fi Fulbaana 5, 2021’tti gaggeefama jedhameera.

    Pireezidaantii IOC kan ta’an Toomaas Baach akkas jedhan: “Koree dorgommii olompiikii Tookiyoo 2020 qopheesse, Bulchiinsa mootummaa Tookiyoo, Mootummaa Jaappaaniifi qooda fudhattoota hunda waliin hojjachuun rakkoo kana jalaa ni baana.”

    “Dhalli namaa yeroo kanatti rakkoo keessa jira. Dorgommiin olompiikii Tookiyoo 2020 kun dhuma rakkoo kanaatti ifa ta’uu danda’a.”

    Pireezidaantii Koree Paaraalompiikii kan ta’an Andiriiw Parsaans, “Yeroo dorgommiin Paaraalompiikii bara dhufu taasifamu sagantaan addaa dhala namaa tokkomsuu agarsiisu ni jiraata.

    “Dorgommiin Paaraalompiikii taasifamuuf yeroo guyyoonni 512 hafanitti, namoonni dorgommicha keessatti qooda fudhatan yeroo ulfaataa kanatti hiriyyootaa fi maatiisaanii waliin turuun of eeggannoo guddaa taasisuu qabu.”

    Murtoon dorgommii lachuu achi fageessuun kun fayyummaa atileetotaa fi namoota dorgommii kanneen irratti qooda fudhatan eeguu fi tatamsa’inna vaayirasii COVID-19 hir’isuuf kan murtaa’edha.

    Guyyaan haaraan murtaa’e kunis yeroo dorgommii ispoortii idil addunyaa garagaraa yaada keessa galchuun murtaa’e.

  5. Kiyyeessitoonni qurxummii Keeniyaa haalaan fayyadamaa jiru, Kunis Chaayinaarraa biyyatti kan galu waan hir'ateefi

    Gurgurtaan qurxummii Keeniyaa haalaan dabalaa dhufeera. Kunis eega dhiheessii qurxummii Chaayinaarraa dhufu sababa weerara COVID -19n xiqqaate boodadha.

    Daldaltoonni qarqara galaanaa Duungaa naannoo haroo Viiktooriyaa jiran, torbee lama keessatti %40 dabaluusaa dubbatu.

    “Daldaltoonni qurxummii yeroo kanatti sababa namoonni baay’een gara haroo kanaa dhufaa waan jiraniif gammachuu qabna.

    Jiraattoonni Kisuumuu qurxummii Chaayinaarraa dhufu bituudhaaf waan sodaataniif baay’innaan as dhufu,” jedha daldalaa fi hogganaan bulchiinsa qarqara Duungaa kan ta’e Mooriisi Misoodi.

    Gatiin qurxummii Keeniyaa qurxummii Chaayinaarraa dhufu si’a lamaan caala. Keeniyaan bara 2018 qurxummii doolaara miiliyoona 23 baasuu gara biyyaa galchitee turte.

    Eega ji’a Sadaasaa as dhiheessiin qurxummii Chaayinaa sababa weerara COVID-19’tiin dhaabbateera.

    Weerarri kun dhufuusaatiin dura daldaltoonni qurxummii biyyattii dhiheessiin gatii gad bu’aatiin taasifamu isaan miidhaa akka ture ni qeequ. Sababa kanarraa kan ka’e isaanis qurxummii gurgurtaaf kiyyeessan gurgurachuu waan hin dandeenyeef ofiisaaniitii akka nyaataa akka turan yookiin irra caalaasaa gataa akka turan dubbatu.

    Ta’us garuu dhiheessiin qurxummii Chaayinaa xiqqachuun namootra hundaaf oduu gammachuutii miti.

    Kaaroolaayin Ocheenig akka jettutti gatiin qurxummii Chaayinaarraa dhufan gad aanaadha. Kanaaf kan biyya keessaa bitee gurguruuf bu’aarraa buufachuuf baay’ee rakkataa jira jetti.

    “Kanarraa kan ka’edha kan nuti qurxummii Chaayinaa akkasumas kan keenya dhiheessiidhaaf akka dhiyaatu kan barbaannuuf – daldala keessatti akka hin miidhamneef.”

    Yaaddoon daldaltoonni biyya keessaa dhiheessi kanaan itti fufinsaa hin daldalan jedhutu jira.

  6. Keeniyaatti miseensonni paarlaamaa 50 COVID19f akka qorataman gaafatame

    Paarlaamaan Keeniyaa miseensa parlaamaa tokko dhiyeenya koronaavaayirasii qabaachuun isaanii barame irraa itti darbee ta’uu danda’a sodaa jedhuun, miseensonni paarlamaa 50 ta’an akka qorannoo vaayirasichaa gaggeessan gaafachuu gaazexaan Daily Nation gabaaseera.

    Akka gabaasa kanaatti paarlaamaan maqaa miseensota paarlaamaafi hojjetoota mana maree akka qorannoo kana taasisan baarbaadu ministeera fayyaaf dabarsee kenneera.

    Dabalataaniis qofaatti akka isaan adda baafaman barbaada.

    Miseensi paarlaamaa Kamootii Miwankaalee itti aanaa bulchaa Kilifii kan dhiyeenya Jarmanii irraa erga deebi’ee kooronaavaayirasii qabaachuun isaa beekame irraa vaayirasichi qabeeni jedhamee yaadama.

    Qondaala paarlaamaa wabeefachuun Obbo Miwamkaalee wal’aansa argachaa akka jiran gaazexaan kun gabaaseera.

    Bitootessa 17 irratti daqiiqaa 19f parlaamaa keessa akka tureefi komiitee parlaamaa waliinis tarii walga’ii gaggeessuun isaa akka hin oolle gabaafameera.

    Keeniyaa keessa lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii 42 ga’eera.Daangaan biyyattiis cufamee yeroon sochii galgalaa hanga ganamaatti jiru daangeeffameera.

  7. Amma nu gahe, Keeniyaatti lakkoofsi namoota COVID19n qabamanii 50 gahe

  8. Magaala Adaamaatti Abbaan qabeenyaa Hoteela siree 200 qabu ittisa weerara Koronaavaayirasiitiif kennan maal jedhu?

    Obbo Nasrallaa Xalahaa jedhamu Jiraataa magaala Adaamaa yoo ta’an hojii hoteelotaa fi ijaarsa manneen riilisteetii irratti bobba’anii hojjetu.

    Magalaa Adaamaa keessatti Hoteela ‘Gulf Flower’ jedhamu kan darbii shan qabu ittisa weerara Koronaavaayirasiitiif kennan.

    Waan isaan kakaase yoo himanis,

    “Wanti dhufe kuni biyyattis, maatii kiyyattis waan dhufedha. Yoo biyyi nagaa taatedha kan hojjettee nagaan jiraattu. Kan nagaan nyaattee bultus yoo biyyi nagaa ta’edha.

    Koronaavaayirasiin kunimmoo hunda keenyafii weeraradha. Hundi keenya walgargaarree balleessuu qabna.kanatu akkan kennu nakakaase” jedhu.

    Balaa biyyatti dhufe kanaaf osoon baayyee qabaadhee kana caalaa kenneeyyuu gammachookooti jedhu Obbo Nasrallaan.

    Hoteelli amma gumaachan kuni sireewwan 200 kan qabatu, tajaajiloonni keessoosaa kan guutamee fi akka Hospitaalaattillee tajaajiluu kan danda’u ta’uus himan.

    Hoteela kan ammaan dura ji’aan birrii miiliyoona wallakkaatti kireessaa turuu fi biyya kan caalu akka hin jirre agarsiisuuf kenuu himan.

    “Hundi keenya jalqaba irraa of eeguu qabna. Mana keenyaa bahu dhiisuutu nurra jira. Kan qabummoo warra hin qabnes gargaaruu qaba.walgargaarree dhibee kana nidhaabna jedheen abdadha” jedhu.

    Biyyi yoo dhibeen weeraramtu qabeenyikees homaa gatii hin qabu, Qabeenyi nagaa biyyaatiin faayidaa akka hin qabaannes dhaamu.

    Hoteelli kuni hanga weerarri koronaavaayirasii kuni guutumatti too’atamutti akka itti fayyadamaniif kennuus himan.

    Ittigaafatamtuun waajjira Kominikeeshinii Magalaa Adaamaa Aadde Raawudaa Huseen, Magaalatti keessa yeroo ammaa bakki turiisa addaa gamoowwan sadii qohaa’uu himan.

    Abbootiin qabeenyaa magaalattii hedduunis tumsa kana cinaa dhaabbatanii deeggarsa kennaa jiraachuu fi hojiin namoota shakkaman adda baasuus cimee itti fufuu himu.

    “Erga namni jalqaba Vaayirasichaan qabame magaala keenyatti argamee kaasee namoota shakkaman adda baasuun tursiisaa turre. Yeroo darbe namootni 24 qoratamanii bilisa ta’aniiru. Hanga guyya akaleessaattis namoota shakkaman 37 qofaatti baasnee adda tursiisaa jirra” jedhan.

    Magaala Adaamaatti erga tajaajilli Geejjibaa dhaabbatee konkolaattota muraasaa finamoota lafoo sochohaniin alatti namoonni mana isaanii turuun baratamaa dhufuu jiraattonni nihimu.

    Ta’us iddoowwan akka kaffaltii elektiriikaa fi paarkii indastiriitti ganama namoonni hedduun hiriiraa fi walitti qabamni akka ture namootni ijaan argan BBC’tti himaniiru.

    Aadde Rawudaanis ta’iin kuni mul’achuu himanii, waaree booda kana gaggeesitoota dhaabbilee maamilli itti baayyatuu waliin marii gaggeessuun rakkichi akka furamu himan.

    Namoota kanneen vaayirasichi irratti argame waliin tuttuqaa qabanii fi ofdhoksanii jiranis qaamolee seeraa waliin ta’uun hojiin barbaaduu hojjetamaa jiraachuus BBC’tti himaniiru.

  9. Mootummaan Naannoo Oromiyaa sochii geejjibaa uggure

    Mootummaan naannoo Oromiyaa tatamsa’ina vaayirasii koronaa ittisuuf tarkaanfiiwwan dabalataa labsuu isaa Pireezidantii Itti-Aanaan MNO Obbo Addisuu Araggaa himan.

    Murtoowwan darban:

    • Tajaajilli geejjibaa magaala keessa kan akka taaksii, baajaajii, mootor saayikilii, gaarii fi kkf guutummaa guutuutti akka dhaabbatu murtaa'eera.
    • Geejjibni ummataa naannoolee qaxxaamuru guutummaatti akka dhaabatu murtaa’ee jira.
    • Geejjibni ummataa aanaalee Oromiyaa keessaatti taasafaman dandeettii fe’umsaa isaanii %50 qofaan of eeggannoo cimaadhaan tajaajila akka kennan murtaa'eera.
    • Walgahiin mootummaas ta'e kan paartii kamiyyuu sadarkaa naannoo hanga gandaatti akka dhaabbatu, qaama walgahii waamus ta'e taa'u irratti tarkaanfiin akka fudhatamu.
    • Sosochiin baadiyyaa irraa gara magaalaatti taasifamu akka daangeffamu, namni hanga dana'ame mana akka turu.
    • Saalaatnii fi kadhannaan manneen amantaa namoota hedduu hirmaachisu akka daangeffamu.
    • Manneen bashannanaa galgalaa, mannen ragadaa, manneen jimaa qamaasisanii fi manneen shiishaa guutummaatti akka cufaman.
    • Seensaa fi bahiinsa magaalota Oromiyaa gurguddoo keessatti sakkata’iinsa ho’ina qaama guyyaa Wiixata irraa akka eegalamu.
    • Ogeessotni fayyaa soorama bahanii fi barattootni ogummaa fayyaa barachaa jiran waamicha mootumaan taasisuuf akka of qopheessan.
    • Yunvarsiitiiwwan naannoo Oromiyaa keessa jiran, kolleejotni, giddu galli dargaggootaa fi manneen barnoootaa jiddugala namootni vaayirasii kanaan qabamuun shakkaman keessa tursiifaman ta’anii tajaajiluuf akka qophaa’aan murtaa’ee jira

    Hawaasni qajeelfamoota kennaman sirnaan akka hojiirra oolchus hubachiisanii jiru.

  10. Namootni haaraa lama COVID19'n qabaman Naannoo Amaaraa irraa ta'uun himame

    Itoophiyaa keessatti namootni haaraa lama koronaavaayirasiin qabamuu Ministeerri Fayyaa beeksisee jira.

    Walumaagalatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii 23 kan gahe yoo ta'e namootni lamaan vaayirasichi irratti ragame naannoo Amaaraa irraa ta'uu ministeerichi beeksiseera.

    Sa'aatii 24 darbanitti namoota 66'f qorannoon kan taasifame ta'uu eeruun san keessaa namoonni lama poozatiivii ta'uu Dr Liyaa Taddasaa himaniiru.

    Kan jalqabaa nama ganna 32 Bitootessa 19 Ameerikaa irraa gara Itoophiyaa seene yoo ta'u naannoo Amaaraa magaalaa Addis Qidame keessa buufatee ture.

    Kan lammataa ammoo dubartii ganna 37 yoo taatu Bitootessa 21 UAE irraa gara Itoophiyaa kan galteefi magaalaa Baahirdaar kan jiraattudha.

    Namooti kunneen osoo adda of baasuun guyyaa 14 dirqama ta'ee hin labsamiin kan biyya seenan yoo ta'u mallattoon waan irratti mul'ateef mootummaan naannichaa saamuda isaanii gara Finfinneetti ergamee qoratame.

    Namoonni lamaan wiirtuu wal'aansaa naannichaa keessatti adda baafamanii kan jiran yoo ta'u isaan waliin kanneen qunnamtii qaban adda baafamaa jiru jedhame.

    Kana hordofuun mootummaan naannichaa namoonni torbee sadi darban keessa biyyoota alaa irraa galanii gara naannichaa seenan, hatattamaan dhaabbata fayyaa naannoo isaanii jirutti akka gabaasa godhan hubachiisee jira.

  11. Naannolee fi magaalonni Itoophiyaa sochii geejjibaa ugguran

    Lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii dabaluufi keessumaa ammoo vaayirasichi magaalaa Finfinneen alatti argamuu isaan duuba naannolee fi magaalonni Itoophiyaa sochii geejjibaa ugguraa jiru.

    Jiraattonni magaalattii sadi vaayirasichaan qabamnuun isaanii kan mirkanaa'e Adaamaa keessatti tajaajilli taaksiis ta'e geejjibaa adda akka citu murtaa'eera.

    Magaalattii keessa hoteelonni fi manneen daldalaa hedduus cufamanii jiru.

    Magaalaan Asallaas murtee wal fakkaataa dabarsee jira.

    Dilbata halkan sa'aatii 6(12pm) irraa eegalee konkolaataawwan geejjiba hawaasaa kamiyyuu naannoo Amaaraa akka hin seenne mootummaan naannichaa dhorkee jira.

    Komaandi poostiin ittisa koronaavaayirasii naannichaa konkolaataawwan tajaajila geejjibaa kutaa biyyattii kamiraayyuu naannoo Amaaraa seenuu hin danda'an jedheera.

    Mootummaan Naannoo Uummattoota Kibbaas tajaajilli geejjiba hawaasaa kamuu yeroo hin murtoofneef akka adda citu murteessee jira.

    Naannicha keessas ta'e naannoo biraa irraa konkolaataan geejjibaa garas imalu dhorkameera.

    Haa ta'u malee geejjibni naannicha keessa qaxxaamuree darbu osoo nama hin buusin, osoo namas hin fe'iin qaxxaamuruu akka danda'u Biiroon Geejjibaa naannichaa beeksisee jira.

    Magaalota keessatti taaksii fi bajaajiin hama namoota fe'uu qabaniis daangessee jira.

    Naannoleen lamaan barattoota Yuunivarsiitii irraa gara maatii isaanii deebi'aniif haala adda ta'een imala akka hayyamanis beeksisaniiru.

    • UK keessatti tatamsa’inni hir’achaa dhufuu mallattoon agarsiisan jiru

      UK keessatti erga dhorkaan sochii kaawwameen booda tatamsa’inni koronaavaayirasii akka hir’achuu jalqabe “mallattoon jalqabaa” agrgamuu isaa gorsaan mootummaa buleessi tokko himan.

      Torban tokko durarraa jalqabee tarkaanfiin sochii dhorku biyyattii keessatti fudhatameera.

      Kollejjii Impeeriyaa Landanitti barsiisaa kan ta’an Pirof. Niil Fargusan akka jedhanitti, agarsiiftuuwwan tokko tokko kan akka lakkoofsi namoota haaraa wallaansaaf guyyaa guuyyaan gara hospitaalaa dhufanii xiqqachaa dhufuun “tatamsa’inni xiqqoo hir’achaa waan deeme fakkaata.”

      Piroofeesarichi sagantaa BBC Today irratti akka dubbatanitti lakkoofsi “ol ka’e ammallee bakkatti hin deebine” guyyaa guyyaan dabalaa deemus “garuu saffisa inni ittiin dabalu hir’aa jira.”

      Haata’u malee, bifa lakkoofsi namoota haaraa qabamanii kun lakkoofsa namoota du’anii irratti hin mul’anne.

    • Amma nu gahe, Lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii 23 gahe - Abiy Ahimad

      Itoophiyaa keessatti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii 23 gahuu isaa MM Abiy Ahimad himan.

      Namoota 800 oliif qorannoon vaayirasichaa akka taasifameefi kanneen keessaa namoonni 23 ta'an vaayirasichaan qabamuun mirkanaa'ee jira jedhan.

      Itoophiyaa keessatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii dabalaa jiraachuu gabaasaaleen ni mul'isu jedhan MM Abiy.

      Magaalota adda addaa keessatti namni walirraa hiiquu dhiisuufi qajeelfamoota kennaman hojiirra oolchuu dhabuun rakkoo ta'ee itti fufuu himaniiru.

      Halaa kanaa rakkoon kanaa oli yoo mudate akkamiin to'achuun akka danda'amu gaaffii namoota hedduuti jedhan.

    • Waa'ee koronaavaayirasii ergaa pirezidantii lola Iboolaa hogganaa turtee

    • Itoophiyaatti namoonni lama COVID-19 irraa bayyanachuun jajjabina uume

      Itoophiyaatti namoota koronaavaayirasiin qabamuun isaanii mirkanaa'e 21 keessaa lama dhibee kanarraa bayyanachuu isaanii Ministeerri Fayyaa beeksisee jira.

      Namoonni lamaan wal'aansa fayyaa isaaniif kennamaa ture sirriitti hordofuun dhukkubicharraa guutummaan guutuutti bayyanataniiru jedha Ministeerichi.

      Haa ta'u malee, of-eeggannoof jecha bakka itti adda baafamanii tursiifaman keessatti hordoffiin ammallee taasifamaaf akka jiru Dr. Liyaa Taaddasaa himaniiru.

      Ogeeyyiin fayyaa Hospitaala Eekkaa Kotobee kan wiirtuu wal'aansa dhibee COVID-19 ta'uun yeroo ammaa tajaajilaa jiru keessa hojjetan, bayyanachuun namoota lamaan kanaa jajjabina akka kenneef dubbatu.

      Erga vaayirasiin kun Itoophiyaa keessatti argamee kaasee torbanooti darban dadhabbii hedduu kan qabaan ture jedhu ogeeyyiin kunneen.

      Yoo xiqqaate namoonni lama bayyanatanii arguun kan abdii isaanitti hore ta'uu himuun, "yeroo kamiyyu caalaa jabaannee hojjechuudhaaf kaka'umsa nu keessatti uumeera," jedhan akka fuula Feesbuukii 'Hakim' irratti barraa'etti.

    • Tiraamp qajeelfamoota koronaavaayirasii ittisuuf bahaniif yeroo dabalan

      Qajeelfamoonni koronaavaayirasii ittisuuf Ameerikaan hojiirra oolchaa jirtu kan akka walirra faagachuu yoo xiqqaate hanga Ebla 30tti akka dheereffamu Pirezdaant Donaald Tiraamp dubbatan.

      Kanaan dura naannoo ayyaana Faasikaatti akka dhaabsisaniifi sochiinis deebi'ee akka eegalu yaada kennani turani.

      “Lakkoofsi namoota du’anii inni guddaan torban lama keessatti ta’uu danda’a,” jedhu Obbo Tiraamp.

      Qajeelfamoota kanneen lammileen biyyattii sirnaan akka hojiirra oolchan kan gaafatan Tiraamp, haguma qajeelfamoonni kunneen hojiirra oolan weeraricha xiqqeessun danda'ama jedhan.

      Akka gaabasa Yunivarsitii Joons Hopkinsitti hanga Dilbataatti Ameerikaa keessatti lakkoobsi namoota Covid-19 kanaan du’anii 2493 ga’eera.

      Ameerikaatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii ammoo 140,000 darbeera.

    • Wayita yaaddoon koronaavaayirasii hammaatetti ifa abdii shanan

      Guutummaa addunyaatti yeroo lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii dabalaa jiru kanatti wanta gaariifi namatti tolu dhaga'uun hedduu hin jiru.

      Haata'u malee, dhibeen baay'ee hamaan mudate kun wanta gaaridha jedhamu dhalli namaa qabu akka gadi bahee mul'atu ammoo taaasiseera.

      Hojjetoonni fayyaa vaayirasichaan wal'aansoo qabaa jiran guutuu addunyaatti jajamaa jiru.

      Chaayinaan ammoo dhorkaawwan jajjaboo keessee turte laaffisaa jirti.

    • Lakkoofsi namoota COVID19' qabamanii 720,000, kan du'an ammoo 34,000 gahe

      Addunyaarrattui lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii 722,000 ol yoo ta'u, yoo xiqqaate namootni 151,901 bayyanatanii jiru.

      Biyyoonni namoota qabaman hedduu qaban 10:

      Ameerikaa 142,106 (4,767 kan bayyanatan)

      Itali 97,689 (13,030 kan bayyanatan)

      Chaayinaa 82,122 (75,583 kan bayyanatan)

      Ispeen 80,110 (14,709 kan bayyanatan)

      Jarmanii 62,095 (9,211 kan bayyanatan)

      Firaans 40,723 (7,226 kan bayyanatan)

      Iraan 38,309 (12,391 kan bayyanatan)

      UK 19,784 (151 kan bayyanatan)

      Siwiizarlaand 14,829 (1,595 kan bayyanatan)

      Neezarlaandis 10,930 (253 kan bayyanatan)

      Biyyoonni lakkoofsa namoota du'anii hedduu qaban 10:

      Italii 10,779

      Ispeen 6,803

      Chaayinaa 3,308

      Iraan 2,640

      Firaans 2,611

      Ameerikaa 2,493

      UK 1,231

      Neezarlaandis 772

      Jarmanii 541

      Beeljiya, 431

    • 'Koronaavaayirasiin Amerikaatti namoota hanga 200,000 ajjeesuu danda'a'

      Dursaan ogeessotaa mootummaa Ameerikaa namoonni qabaman dabaluun isaa itti fufee jennaan namoonni 200,000 ta'an du'uu danda'u jechuun akeekkachiisan.

      Dursaan koree addaa ittisa koronaavaayirasii bulchiinsi Tiraamp ijaaree Dr. Antoonii Faa'uchii tilmaama kana kan kennan Dilbata ture.

      "Wanta amma argaa jirru kana ilaaluudhaan, namoonni 100,000 fi 200,000 gidduu ta'an du'uu danda'u," jechuun CNN'tti himan.

      Haata'u malee, of eeggannoo barbaachisuuf ammoo waamicha hatatattamaas dhiyeessaniiru.

      "Ani akka kun ta'u hin fedhu, tilmaama jijjiiramuu danda'udha."

      Ameerikaan yeroo ammaa sadarkaa addunyaatti baayyina namoota koronaavaayirasiin qabamaniin dursaa waan jirtuuf weerara kanaaf "xiyyeeffannoo" addunyaa keessa jirti.

      "Niiwu Yoork keessatti rakkoon hamaan nu mudateera. Niiwu Orliyaan keessattis rakkoon hamaan nu mudateera. Akkasuma ammoo naannoowwan biroottis rakkoo hamaan biroo nu qunnamuu mala ta'a," jedhann.

      "Qorannoon qabatamaan hojiirra akka oolu arguun barbaada. Yoo sana gochuu dandeenyeef, dhorkaawwan kaa'aman hanga tokko deebisne kaasuu dandeenya," jedhan dursaan ogeessotaa kun.

      Gutmmaa Ameerikaatti yoo xiqqaate namoonni 125,433 ta'an koronaavaayirasiin qabamuun isaanii kan mirkanaa'e yoo ta'u 2,201 kan ta'an ammoo du'aniiru.

      Namoota koronaavaayirasiin haaraa qabaman gabaafameen Ameerikaan torban darbe keessa Chaayinaafi Xaaliyaaniin caaltee dursaa jirti.

      Haata'u malee, lakkoofsi namoota du'anuu garuu biyyoota biroo keessatti caalaa gadi bu'aadha.

      Keessumaa namoota Xaaliyaan, Ispeeniifi Chaayinaa keessatti kan du'an waliin wal-bira qabamee yoo ilaalamu akka lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamaniitti kan du'an xiqqaadha.

    • Akkam bultan?

      Yooyyaa!Akkam jirtu? Nageenni Badhaadhaa?

      Kuni gabaasa kallattii dhimma koronaavaayirasii fi taateewan gurguddoo biroo biyya keessaa fi guutuu addunyaa irratti isin biraan geenyudha.

      Nu hordofaa!

      Haga dandeessan mana turaa, yoo manaa baataan qaamaan walirraa hiiqaa, harka keessan dhiqadhaa.

      Oolmaa Gaarii!