“Kanarraa kan ka’edha kan nuti qurxummii Chaayinaa akkasumas
kan keenya dhiheessiidhaaf akka dhiyaatu kan barbaannuuf – daldala keessatti
akka hin miidhamneef.”
Hoteelli amma gumaachan kuni sireewwan 200 kan qabatu,
tajaajiloonni keessoosaa kan guutamee fi akka Hospitaalaattillee tajaajiluu kan
danda’u ta’uus himan.
Hoteela kan ammaan dura ji’aan birrii miiliyoona
wallakkaatti kireessaa turuu fi biyya kan caalu akka hin jirre agarsiisuuf
kenuu himan.
“Hundi keenya jalqaba irraa of eeguu qabna. Mana keenyaa
bahu dhiisuutu nurra jira. Kan qabummoo warra hin qabnes gargaaruu
qaba.walgargaarree dhibee kana nidhaabna jedheen abdadha” jedhu.
Biyyi yoo dhibeen weeraramtu qabeenyikees homaa gatii hin
qabu, Qabeenyi nagaa biyyaatiin faayidaa akka hin qabaannes dhaamu.
Hoteelli kuni hanga weerarri koronaavaayirasii kuni
guutumatti too’atamutti akka itti fayyadamaniif kennuus himan.