Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19n qabamanii 21 qaqqabe

Itoophiyaatti namoota haaraa har'a sadii qabamuun iusaanii mirkanaa'e dabalatee lakkoofsi namoota Covid-19n qabamanii 21 qaqqabeera. Namoota haaraa guyyaa harraatti ibsaman shan keessaa lama miseensota maatii tokkoo jiraattota Adaamaati.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tigiraayitti dargaggeessi tokko poolisiin ajjeefame

    Naannoo Tiraayaa keessatti dargaggoon tokko rasaasa poolisiin dhukaaseen lubbuunsaa darbuu barame.

    Naannnoo Tigiraayi kan sababa ittisa koronaavaayirasiitiif jecha torban darbe kaasee yeroo muddamaa labsame hojiirra oolchuuf tarkaanfii taasisaa wayita jirutti walitti bu’insa uumameen dargaggeessi tokko poolisiin ajjeefamu ibsame.

    Ajjeechaan kun kan raawwatame naannoo Tigiraay aanaa Na’ideer Addeeti keessati ta’uu isaa ajajaan poolisii bakka sanaa Inispekter Yamaanee Kidaanemaayiraam BBC'f mirkaneessaniiru.

    Ajjeechaan dargaggeesa kanaa kan qaqqabe Sanbata darbe ALI Bitootessa 19, 2012 Aanaa Na’ideer Addeeti keessa ganda Jiraa jedhamuutti yoo ta’u, sababiin ajjeefamuu isaa ammoo poolisiin namoota mana dhugaatii turan akka bittinaa’an wayita gochaa jirutti walitti bu’insa uumameen akka ta’e ibsameera.

    Dargaggeessi ajjeefame kun maqaan isaa Haagoos Nigusee kan jedhamu yoo ta’u, rasaasa miseensa poolisii tokko irraa itti dhukaafameen battalumatti lubbuun isaa darbuu sab-qunnamtiin waajira aanichaa ibseera.

    Ajjeechaa dargaggeessa kanaa waliin walqabatee miseensi poolisii shakkames to’annoo jala oolfamee qorannoon taasifamaa jiraachuu ajajaan poolisii bakka sanaa mirkaneessaniiru.

  2. Itoophiyaati lakkoofsi namoota Covid-19n qabamuun isaanii mirkanaa'e 21 qaqqabe

    Hasxaa BBC Oduu Ammaa

    Itoophiyaatti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii 21 qaqqabuu Ministirri Fayyaa Dr. Liyaa Taaddasaa beksisan.

    Namoota haaraa sadii akka Covid-19n qabaman guyyaa mirkanaa’e ibsamee tureen alatti alatti galgala kanas namoonni dabalataa lama qabamuun isaanii mirkanaa’eera jedhan Dr. Liyaan.

    Namoonni lamaan kunneen dhiira umuriin isaa ganna 38 ta’eefi dubartii umuriin ishee ganna 35 taate akka ta’an ibsameera.

    Namoonni dhibee kanaan akka qabaman mirkanaa’e kun lamaan jiraattota magaalaa Finfinnee yoo ta’an, yeroo dhiyoo gara garaatti Dubaayitti deddeebiyaa akka turan ibsa Dr. Liyaan fuula Feesbuukii isaaniirratti baasaniin beekuun danda’ameera.

  3. Taphattoonni Juventuus ji'oota itti aananiif miindaa isaanii akka hin fudhanne murteessan

    Taphattoota Juveentus

    Madda suuraa, Getty Images

    Taphattoonniifi leenjistoonni kilaba Juuventuus ji’oota walitti aananii dhufaniif miindaa isaanii fudhachuu akka hin barbaadne beeksisan.

    Kilabiin biyya Xaaliyaan kun kan kana murteesse sababa koronaavaayirasiin kilaba isaaniirraan dhiibaa geessiseef.

    Taphattoonni garee kilaba Juuventuusiifi leenjisaan isaanii Mowuriiziyoo Saariin ji’a kana irraa jalqabuun ji’oota afran dhufaniif miindaa isaanii fudhachuu dhaabuudhaan kilabni isaanii Yuuroo miliyoona 90 akka oolfatuuf waliigalaniiru.

    Weerara koronaavaayirasiitiin cimaa kan miidhamte Xaaliyaan dorgommiiwwan ispoortii hundumtuu hanga baatii Eblaa jalqabaatti akka hin gaggeeffamneef dhorkiteetti.

    Kilabiin kubbaa miilaa Juuventuus taphattoota akka addunyaatti maallaqni guddaan kaffalamuuf kan akka taphataa lammii Poorchugaal Kiristiyaanoo Roonaaldoofi taphataa warra Weelsi kan ta’e Haroon Raamsee kan qabatedha.

    Taphattoonni garee kanaafi leenjisaan isaanii miindaa isaanii kan Bitootessaa, Caamsaa, Waxabajjii kilaba isaaniitiif akka dhiisan ibsaniiru.

    Kilabiin Kubbaa Miilaa Juuventuus taphoonni Seerii An osoo addaan hin citiin dura kilaba Laaziyoo qabxii tokkoon caaleedursaa ture.

    �_f�

  4. Ispeen saatii 24 keessatti lakkoofsa namoota du’anii ol-aanaa galmeessiste

    Biyya Ispeen keessatti koronaavaayirasiin miidhaa guddaa qaqqabsiisuu erga eegalee asitti saatii 24 keessatti lokkofsa namoota du’aan isa guddaadha jedhame galmeessisteetti.

    Ministeerri fayyaa biyyattii akka beeksisetti guyyaa har’aa qofa Ispeen keessatti namoonni 838 dhukkuba koronaavaayirasiitiin lubbuu isaanii dhabaniiru.

    Walumaagalatti Amajji 30, 2002 yeroo jalqabaatiif dhukkubsataan koronaavaayirasii erga biyyattii keessatti mul’atee booda ji’oota lamaan darban keessatti namoonni du’an 6,528 qaqqabeera.

    Baayyinni lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamanii ammoo 78,797 qaqqabeeera.

  5. Poorchugaal baqqatoota biyyashee jiran hundaaf hayyama jireenyaa kennuuf

    Nama qoricha farra vaayirasii biifaa jiru

    Madda suuraa, Reuters

    Namoonni biyya Poorchugaal keessatti lammummaa argachuuf gaafatan hundinuu hayyamni jireenyaa akka kennamuuf mootummaan biyyattii beeksiseera.

    Biyyattii keessatti namoonni hedduun hayyama jireenyaa argachuudhaaf iyyatanii kan turan yoo ta’u, dhimma isaanii sababii weerara koronaavaayirasii irraa kan ka’een ilaaluun isaa rakkisaa waan ta’eef baqqattoota gaaffii dhiyeessan hundaaf hayyama jireenyaa seera qabeessa ta’e akka kennamuuf murtaa’eera.

    Kana waan ta’eefis, baqataan hayyama kolu-galtummaa argachuuf iyyata galfate hundumtuu hayyama jireenyaa argachuu akka danda’u ibsameera.

    Aanga’oonni Poorchugaal murtee kana “Yeroo muddamaa kana keessatti waliin dhaabbachuudhaaf murtee darbedha,” jechuun ibsaniiru.

    Poorchugaal biyya ishee keessatti weerarri koronaavaayirasii erga jalqabee booda namoonni 5,000 dhibee kanaan kan qabaman yoo ta’u namoonni 100 ammoo lubbuu dhabaniiru.

    o

  6. 'Sochiin dhorkame hanga Waxabajjiitti dheerachuu danda'a'

    Buufata baaburaa UK keessaa bakka tokko

    Madda suuraa, PM MEDIA

    Biyya UK keessatti weerara koronaavaayirasii ittisuudhaaf dhorkaan sochii taasifame erga hojiirra olfame torban tokko guutuuf deema.

    Akka gorsaan mootummaa tokko jedhetti, dhorkaan kun hanga Waxabajjiitti tursiisuun barbaachisaa akka ta’uu danda’u akeekkachiiseera.

    Kolleejjii Impeeriyaalii Landan keessa kan barsiisan Pirofesar Niil Fergusan gaazexaa Saandey Taayims jedhamitti akka himanitti, “Sochii guutummaan guutuutti dhorkuun hanga dhuma Caamsaatti ta’uu baatee jennaan ammoo hanga Waxabajji jalqabaatti tursiisuun barbaachisuu danda’a.”

    Pirooferarichi itti dabaluun dhorkaan kaa’ame osoo ka’eellee ummanni dhukkuba kana akka hin tatamsaane ittisuudhaaf qaamaan walitti dhiyeenya barbaachisu eeggachuufi gorsawwan biroo ji’oota hedduu itti aananiif hojiirra oolchuun irraa eegama.

    Aanga’aa ol-aanaa mootummaan Biriteen kan ta’an Maayikil Goov ammoo Iskaay Niwus irratti akka dubbatanitti murtee dhorkaa ilaalchisee tarkaanfiin fudhatame “kan yeroon murtaa’ee” kaa’ame miti jedhan.

    Aanga’aan kun akka jedhanitti, dhorkaan kun hangama akka turuu qabu kan murteessu “Amala nuti argisiifnu irratti kan hundaa’u ta’a.

    Qajeelfamoota kennaman kan hojiirra oolchinu yoo ta’e tatamsa’ina dhukkubichaa kan haala amansiisa ta’een to’achuu ni dandeenya.” Jechuun tarkaanfiiwwan lammileen fudhatan murteessaa ta’uu ibsan.

  7. Ministirri Muummee UK Booris Joonsan ummata akekkachiisuun xalayaa barreessaniif

    Booriis Joonsan

    Ministirri Muummee UK Booriis Joonsan miidhaan weerarri koronaavaayirasiin qaqqabsiise osoo hin foyyaa'iin dura sadarkaa hamaa ta'erra ga'uu akka danda'u ummataaf bakka dhibee kanaan qabamanii adda bahanii jiranirraa xalayaa barreessuun akeekkachiisaniiru.

    Covid-19n erga qabamanii bakka itti adda of baasanii jiraniirraa kan ergaa kana ummataaf dhaaman ministirri muumichaa, barbaachisaa taanaan dhorkaawwan jajjaboo hojiirra akka oolchuu danda'anillee ibsaniiru.

    Lammileen biyyattii yeroo mana isaaniitiin alatti sosocho'anitti qajeelfamawwan hordofuu qabanniifi waraqaalee odeeffannoowaan fayyaa qaban akka isaaniif kennamuuf itti himameera.

    Kunis kan taasifamuuf, mootummaan lammileen wanta gochuu qaban ifatti sirriitti qajeelfamni hin kennamneef jedhamuun erga qeeqameen boodadha.

  8. Itoophiyaatti alkkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii 19 qaqqabe

    LinkItoophiyaatti namoonni COBID-19 qabaman sadii haaraa dabalataan adda baafamuu Ministirri Fayyaa beeksiise.

    Institiyuutiin Fayyaa Hawaasa Itoophyiaa sa’aatii 24 darban keessa namoota 87 irratti qorannoo taasiseen namoota sadii irratti vaayirasiin argamuusaa mirkanaa’e.

    Dhukkubsattuun jalqabaa lammii Itoophiyaa kan umuriinshee waggaa 26 ta'e yoo taatuu, ALA Bitooteessa 8 Biraasilsi irraa dhuftee Bitooteessa 10, 2012 gara kaameeruun kan imalte ta’uun barameera.

    Isaan booda mallattoo dhukkubbii waan irratti argameef gara dhaabbata fayyaa deemuun qorannoo taasifteen dhaabbatichi Institiyuutii Fayyaa Hawaasaatiif gabaasuun barame.

    Lammafaafi sadaffaan ammoo miseensa maatii tokkoo kan umuriin waggaa 14fi 48 ta’an yoo ta'u, nama kana dura magaalaa Adaamaatti vaayirasichi irratti argame waliin tutuqaa kan qaban ta’usaanii ibsameera.

    Ministira fayyaa

    Madda suuraa, ministry of health

  9. Namoonni COVID-19 lubunsaanii darbe addunyarratti kuma 30 darbe

    Kornaa

    Madda suuraa, bbc

    Koronaavaayirasiin baatiiwwan muraasaan dura Chaayinaa ka’e addunyaa mara waliin galuun badiinsa lubbuu namoota 30,857 tiif madda ta’eera.

    Namoonni 666, 211 ta’an ammoo vaayirasichaan qabamunsaan kan mirkanaa’ee yo ta’u, kammeenta’an vaayirasicha irraa fayyuu isaanii himemeerra.

    Vaayirasiin garmalee biyyoota addunyaa irratti babalate kunis biyyoota awurooppaa kan akka Ameerikaa, Xaaliyaaniif Ispeen, Faransaayii, Jarmanii fi akkasumas Iraan keessaatti miidhaansaa cimeera.

    Wayita ammaa kanatti Ameerikaan baayyina lakkoofasa namoota vaayirasichaan qabanamii 124,686 addunyaa dursaa kan jirtu yoo ta’u, Xaaliyaaniin 96,472n itti aante argamti.

    Chaayinaan biyyi ka’umsa COVID-19 namoota kuma 82,061 sadarkaa sadaffaarratti argamti.

    Lakoofsa namoota du’aanitii ammoo Xaaliyaan lammiileeshee 10,023 dhabuun dursarratti argamti.

    Haa ta’u malee namoonni 141, 746 ammoo vaayirasicha irraa fayyuun gara manasaaniitti deebuu’aniiru.

    Walumaagalatti biyyoonni addunyaa 177 Koronaavaayirasiin gahamuun sochiilee ittisaa adda addaa hojiirra olchaa jiru.

  10. Haalli tatamsa'ina COVID-19 biyyoota Afriikaa keessaa maal fakkaataa?

    Danaa addunyaa

    Koronaavaayirasiin addunyaarratti erga mul'achuu eegalee baatiiwwan muraasa darban keessatti qofa namoonni kuma 31 ta'an lubbusaanii dhabaniiru.

    Akkasumas, kanneen kuma 665,ol ta'an ammoo vaayirasichaa qabamunsaani yoo mirakanaa'u, isaan 141,767 vaaayirasicharraa akka fayyana himamaa jira.

    Haa ta'u malee tatamsa'inniifi miidhaan koronaavaayirasii kunis biyya Chaayinaatti aansee biyyoota Awurooppaa kan akka Xaaliyaaniifi Ispeen amma ammoo Ameerikaa keessatti gara malee cimaa jira.

    Biyyoonni Afriikaa akka biyyoota dinagdeen cimanii gahumsa ittisa vaayirasii kanaa hinqabne keessatti haala adda addaatiin tatamsa'aa jira.

    Walumaagalattis biyyoota Afriikaa 46 keessatti namoonni 4,282 COVID-19n kan qabaman yoo ta'u, 134 du'uun kanneen 302 vaayirasicha irraa fayyaa galmaa'eera.

    Biyyoota ardii afrikaa kanneenis kallattii naannoo isaanii yoo adda baafne ilaallu kan asii gadii kana fakkaata:

  11. Gadameessa haadha keenyarraa kaasee harka keenyaan fuula qaqqabuun dhibeef nu saaxilaa jira

    Ogeettii xiinsamuu

    Madda suuraa, Getty Images

    Ogeessonni fayyaafi namoonni bebbeekamoon guutummaa addunyaarra jiran weerara Covid-19 ittisuudhaaf wanti barbaachisaafi ijoo ta’e harka keenyaan fuula keenya qaqqabuu dhiisuudha jechuun gorsu.

    Yeroo haasofnus ta’e wanota gara garaa yeroo raawwanutti fuula keenya qaqqabuun namoota hedduuf baramaadha.

    Haata’u malee, maaliif ammoo fuula keenya qaqqabnaa? Amma erga qajeelfamni akkasii kennameen booda dhiisuu ni dandeenyaa?

    Ogeettiin xiinsamuu Nataashaa Tiwiirii akka jettutti waanta barre kana salphaatti dhiisuun rakkisaadha. Sababiin isaa ammoo “Uumama keenya waliin waan walqabatuufidha.”

    Ogeettiin kun akka jettutti harka keenyaan fuula keenya qaqqabuun qaama uumama keenyaa keessaa tokkodha.

    Kanaaf ammoo yeroo fakkeenya kennitu, dhalli namaa gadameessa haadha isaa keessa yeroo jirullee fuula isaa akka qqaqqabu dubbatti.

    Harka keenyaan fuula keenya akka qaqqabuu hin qabne irra deddeebinee ofitti himnullee, fuula keenya yoo qaqqabne ammoo dhukkubsachuu akka dandeenyu yaadnullee, wantota nuti jennuufi yaadnu guutummaatti uumama keenyaan ala wanta ta’edha jetti.

    Yeroo fuula keenya tuqaa jirru yeroo of tasgabbeessinu ykn wanta tokko irratti yeroo xiyyeeffannoo kennuu barbaadnu ta’uu danda’a.

  12. Daandiiwwan magaalaa Finfinnee gurguddaarratti qoricha farra vaayirasii biifamaa jira

    Konkolaaaa farra vaayirasii biifaa jiru

    Madda suuraa, Enginer Takele Uma

    Magaalaa Finfinneetti daandiiwwan gurguddaa 13 irratti har'a qorichi farra vaayirasii biifamu eegaleera.

    Kaayyoon farra vaayirasii kana biifuuf daandiiwwan vaayirasii irraa bilisa taasisuun alatti, qaama yaalii jiraattoonni magaalichaa dhimmichaaf xiyyeeffannaa kennuun ofiisaanii akka eeganiifi hubannoo cimsaniif taasifamu ta’uu, Injinar Taakalaa Uumaa himan.

    Kantiibaan ittaanaan Magaalaa Finfinnee Injinara Taakaalaan fuula feesbukii isaaniirratti akka barreessaniitti, ‘’vaayirasii eenyuufuu garaa hin laafne kanan waliin ta’uun osoo hin nuffiin hanga dhumaatti waliin irratti haa qabsoofnu’’ jedhan.

    Hawaasni hubannoo dhukkuba koronaa kanarratti qabuu cimsachuun ofiifi maatiisaa ittisu qaba.

    Daandiin magaalichatti qorichi farra vaayirasii irratti bifamu kunis dheeriina km 41 kan haguugudha.

  13. Walirraa fageenya eeggachuu jechuun maal?

    Namoonni yeroo walirraa fagaatanii taa'anitti

    Madda suuraa, Social Media

    Fageenya hawaasummaa ykn yeroo kanatti namoota baayyee waliin jireenya hawwasummaa qabaachuu dhaabuun amma yeroon isaa murteessaa ta'eera.

    Walitti dhufeenyaafi qaamaan wal tuquu hin barbaachifne dhiisuu jechuudha.

    Keessumaa bakka namoonni hedduun itti walga'an akka gabaa, bakkawwan tapha gara agaraa, hoteelotaafi walga'iiwwan namoonni itti baayyatanirraa fagaachuudha.

    Kunis sababii bakka namoonni walitti baayyataniitti tatamsa'inni dhukkubichaa cimuu waan maluufiidha.

    Fakkeenyaaf, osoo namni vaayirasichaan qabame tokko qufa'ee, vaayirasichi waan qilleensa keessa tatamsa'uuf namoota heddu faalu mala.

    Kunis karaa afuura baafanuutiin gara qaama keenyaa seenu danda'a, ykn bakka namni vaayirasichaan qabame xuqee yoo tuqtanis akkasuma carraan harka sanaan fula keessa qabachuun dhukkubichaan qabamuu keessanii olaanaadha.

    Kanaaf, yeroon namoonni namoota biraa waliin dabarsan xiqqaachuun carraa vaayirasichi nama biraarraa itti darbu akka hirratu taasisa.

    Amma dand'ametti bakkaa bakkatti deemuu xiqqeessuu feesisa.

  14. Tiraamp yaada addatti Niiwu Yoorkitti karra cufuu jedhu morman

    Tiraamp

    Pirezidaantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp yaada bulchaan Niiwu Yoorkiin magaalattii addatti itti cufuu dhiyaatee kan hinamanamneedha jechuun ''barbaachisaa hinta'u'' jedhan.

    Mr Tiraamp akka jedhaniitti murteen dhumaa kan dhimmicharratti kennamu koree ittisa Koronaavaayirasii Waayiti Hawusii hojiin kun itti kennameen.

    Pirezidaantiichi kana dura bulchisawwan Niiwu Yoorkiifi gartokkee Niiwu Jarsiifi Konektiikat tatamsa'ina vaayirasichaa xiqqeessuuf ni cufamu jechuunsaa ni yaadatama.

    Niiwu Yoorki keessatti qofaa namoonni 52,000 ol vaayirasichaan qabamaniiru.

  15. Wantoota bara koronaa kanatti raawwachuu hin qabaannee keessaa

    Oggeessoonni fayyaa erga koronaavaayirasiin addunyaarratti mul'atee kaasee gorsawwan adda addaa ummataaf dabarsaa jiru.

    Isaan keessa gorsawwan tibba koronaan garmalee tatamsa'aa jiru kanatti raawwachuu hin qabaannee muraasni asiin gadiitti eeramaniiru.

    Mee dubbifadhaa.

    Wantoota bara koronaa kanatti raawwachu hinqabaannee keessaa
  16. Itoophiyaatti eenyuutuu Covid-19f qoratamuu danda'aa?

    Qorattuu

    Madda suuraa, Getty Images

    Itoophiyaan qorannoo Koronaavaayirasii gara Afriikaa Kibbaatti erguun qorachiisaa erga turtee booda deeggarsa Dhaabbata Fayyaa Addunyaafi Dhaabbata To'annoo Dhibee Afriikaa irraa argatten biyyuma keessatti Institiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaatti qorachuu eegaluunshee ni yaadatama.

    Weerarri dhibee kanaa erga eegalee asis namoota 718 irratti qorannoon taasifamuu isaa Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa ni hima.

    Haata'u malee, lakkoofsi namoota vaayirasichaan walqabatee qoratamaa jiranii baay'ee xiqqaa ta'uusaa irra deddeebiin himama.

    Itoophiyaa keessatti namoota akkamiitu qoratamaa jira? Qorannoon taasifamaa jiru gahaadhaa?

    Gaaffilee kunneeniif Institiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaatti hogganaa Dhimma Seera Fayyaa Idil-addunyaa Dr Fayyisaa Raggaasaa nuuf deebisaniiru. Bali'naa isaa asiin dubbifahdaa: Itoophiyaatti eenyutu dhibee Covid-19f qoratamaa jiraa?