Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Ministirri Muummee UK Booriis Joonsan koronaavaayirasiin qabaman

Ministirri Muummee UK Booriis Joonsan kronaavaayirasiin qabamuu isaanii waajjirri isaanii mirkaneesse. Mallattoon dhukkubichaa irratti mul'ate salphaa akka ta'eefi adda of baasanii yaalamaa mootummaa biyyattii hogganuu akka itti fufan dubbi himaan isaanii beeksiseera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

Ameerikaan lakkoofsa dhukkubsattoota Covid-19'an sadarkaa duraa qabatte

Gara tamsaasa kallattii keenyaatti baga nagaan dhuftan.

Yeroo ammaa Ameerikaan biyyoota kamuu caalaa dhukkubsattoonni koronaavaayirasii keessatti argamanidha.

Kanaanis, Chaayinaa caalteetti.

Lakkoofsaan yeroo ibsamu 85,000 ol akka ta’e gabaasni Joon Hopkiins ni mul’isa.

Haa ta’u malee, lakkoofsa namoota du’aniin kan Ameerikaa kan Chaayinaa hin caalu.