Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

'Iraan waliigaltee akka fudhattuuf Tiraamp haleellaa murtaa'aa irratti gaggeessuuf yaadaa jira'

Iraan marii Ameerikaa waliin taasisaa jirtu waliigalteerra akka geessuuf Pirezidant Tiraamp haleellaa qilleensaan murtaa’aa ta’e irratti gaggeessuu yaadaa akka jiru Wool Istiriit Joornaal gabaase.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Raashiyaan Iraan irratti haleellaan akka hin raawwatamne akkeekkachiifte

    Ministirri dhimma alaa Raashiyaa Sargee Laaviroov Ameerikaan Iraan irratti haleellaa raawwannaan waanti itti aanee dhufu hamaa waan ta’uuf, tarkaanfii waraanaa fudhachuu dhiistee karaa Iraan nukilara kaayyoo nagaaf itti fayyadamtu itti filattu yaaluu ta’uu qaba jechuun akeekkachiisan.

    Ameerikaan guyyoota itti aanan keessa tarkaanfii waraanaa fudhatti jedhamee yaaddoon yeroo dabalaa jiru kanatti, Polaand ammoo lammileen ishee Iraan keessa jiran hatattamaan gadhiisanii akka bahaniif karaa ministira dhimma alaashee ajajjeetti.

    Ministirri dhimma alaa kun kan jedhan, marii Iraan fi Ameerikaan Siwiizerlaanditti taasisaniin booda gaaffiifi deebii TV Arabiyaa waliin taasisanidha.

    “Haleellaan Iraan irratti raawwatamu bu’aa gaarii hin argamsiisu. Kanaan dura dhaabbilee nukilaraa Iraan to’annoo ejensii Atoomikii Addunyaa jala jirurratti haleellaan raawwatameera. Akka hubannutti, balaan nukilaraa ni uumama sodaa jedhu qabna,” jedhan Laaviroov.

    “Biyyoonni naannicha keessa jiran Galoo Galaanaa faarsii biyyoonni Arabaa deebii isaan kennuu yaadan ilaalchisuun itti dhiyeenyaan Hordofaa jirra. Haalli isaa abiddaan taphachuu akka ta’e waan beekaniif, eenyullee muddamni kun gara walitti bu’iinsaatti akka ce’u hin barbaadu.”

    Muddamni kun hammaatu taanaan hariiroo Iraan Sa’ud Arabiyaa fi biyyoota olla biro waliin qabaataa dhufte dabalatee bu’aawwan gaaruu waggoota darban keessa argaman ni balleessa yaaddoo jedhu akka qaban ibsan Laaviroov.

    Kun osoo kanaan jiruu, Polaand lammiileen ishee Iraan keessa jiran hatattamaan akka sa’aatiiwwan muraasa keessatti gadhiisanii akka bahan ajajuun ishee yaaddoo jiru cimseera.

    Kanaaf ammoo sababiin Iraan keessatti walitti bu’iinsi dhalachuu danda’a jechuun yoo ta’u, biyyattiin ergaa lammileesheetiif dabarsite kanaan “maaloo Iraan keessaa hatattamaan bahaa…haala kamiinis gara biyya sanaas hin deemiinaa” jechuun akeeekkachiifteetti.

  2. Ilmi mootii duraanii UK Andiruu namuusa cabse jedhamee shakkamuun poolisiin to'atame

    Ilmi Mootii Andiruu Maawuuzbaatan Wiizar (kan gonfoon ilma mootii irraa ka'e) naamusa waajira mootummaa cabsuun shakkamee poolisiin to'annoo jala ooleera.

    Gaazexaan the Mail Online jedhamu naannoo mana nama kanaa Saandingahaam Isteet jedhamu poolisoonni marsuu himeera.

    Himannaawwan ilma mootii kanaa kan qorachaa jiru Poolisii Teemis Vaalii jedhamu dha.

    Naamusa waajira mootummaa cabse jedhameen Poolisiin qorachuuf jira.

    Ministarri Mummee UK Kar Istaamar har'a ganama yaada dhimma kanaan wal-qabatu kennaniin ''eenyuyyuu seeraan ol miti,'' jedhaniiru.

    Andiruun kanaan dura sanadawwan Epistiiniin wal-qabatee maqaansaa ka'aa ture.

    BBC Raadiyoo 5 nama dhimma tarkanfii poolisii qoratu Daanii Shaaw dubbisuun yoo poolisii irratti gaafate hamma sa'atii 96 gaaddisa seeraa jala turuu danda'a jedhe

    Yeroo kaan namoonni himannaan otoo irratti hin banamiin sa'atii 12 hanga 24 turu.

    Hamma poolisiin gaaffii dhiyeessuufitti ''kutaa siree fi mana fincaanii qabu keessa tura, kunuunsi addaa taasifamuufi hin jiru,'' jechuun Daanii Shaaw ibseera.

    Yeroo ammaa eessatti hidhamee akka jiru waan ifatti himame hin jiru.

  3. Crisis Group muddamni kaaba Itoophiyaa walitti bu'iinsa balaafamaa deebisa yaaddoo jedhu akka qabu ibse

    Jaarmiyaan idiladdunyaa Crisis Group jedhamu muddamni mootummaa federaalaa Itoophiyaa, naannoo Tigraay fi Ertiraa gidduutti hammaate waggaa sadi booda Gaanfa Afrikaa waraana balaafamaatti deebisa yaaddoo jedhu akka qabu ibse.

    Jaarmiyaan kun ibsa baase keessatti, haalonni waraana kaasisuu danda'an mudachaa jiraachuu eere.

    ''Waraana eegaluun salphaadha, garuu waraana dhaabsisuun baayyee ulfaata,'' jedhe jaarmiyaan kun ibsa isaa keessatti.

    Damee Afrikaatti hoogganaa sagantaa kan ta'an Muriitaa Mutiigaa ''waraanni haaraan Itoophiyaa, Ertiraa fi naannoo Tigraay gidduutti ka'u gatii guddaa baasisa. Balaan mudachuu malu qaamoleen sadeenuu akka irraa of qusatan waan dhiibbaa uume fakkaata. Ta'us akka deebi'ee hin kaane kana caalaa hojjetamuu qaba,'' jedhan.

    Daarektara Itti Aanaa dhaabbatichaa kan ta'an Maaginas Taayilar erga waraanni Tigraay dhaabbatee booda hariiroon Itoophiyaa fi Ertiraa akkaan laafeera jedhan.

    Keessattuu Ministirri Muummee Abiy Ahmad gaaffii ulaa galaanaa kaasuu akka sababa walitti bu'iinsa biyyoota lameeniitti ibse jaarmiyaan kun.

    Ertiraan fedhiin Itoophiyaan agarsiiste kun ''yaada weeraraa of keessaa qabaachuu mala,'' sodaa jedhu qabdi jedhan hoogganaan kun.

    Jaarmiyaan kun kana haa jedhuyyu malee, hariiroon Itoophiyaafi Ertiraa sababa Itoophiyaan ulaa galaanaa gaafatteef osoo hin taane, yeroo waraanaa waan adeemaa tureen rakkoo seenuu MM Abiy paarlaamaarratti ibsanii ture.

    Waraanni Ertiraa Tigraay keessa badii raawwatuufi kanas mormuun irra deddeebiin jila gara Asmaraa erguu dubbatan

    Daarektarri itti aanaan kun Itoophiyaan TPLF dhoksaan Ertiraa waliin hojjetti jechuun akka himattu kaasaniiru.

    Ibsi Crisis Group kun tibbana waraana mootummaa fi humnoota Tigraay gidduutti dhibdeen dhalachuu hordofee ba'e.

    Walitti bu'iinsi dhalate kun Ertiraas hirmaachisuun gara waraana balaafamaatti deemuu mala sodaa jedhus ibseera.

  4. Sudaan keessatti 'duguggaan sanyii' raawwachuuf ragaan akeeku jira - UN

    Ergmni UN odeeffannoo sirrii adda baasu, yeroo magaalaa el-Fashaar to'annoo jala oolte badiin raawwate 'duguggaa sanyii' raawwatuusaa ni akeeka jedhe.

    Waraana waliinii Sudaan waggaa sadiif adeemaa jiruun yeroon kuni isa hamaa jedhamuun dabalataan hawaasa idil-addunyaa biratti dheekkamsa kaaseera.

    Yeroo waraana waliinii kanaa loltoonni RSF Daarfuur keessatti yakka duguuggaa sanyii raawwachuu isaaniif ragaan UN boodana dhiyeesse isa kana dha.

    RSF gabaasa UN miilanaarratti yaada kennuu baatus himannaawwan kanaan dura irratti ka'aa tura garuu haala ture.

    ''Ragaan walitti qabame, naannoo tokko yeroo dheeraaf qabachuu, beela, gargaarsi namoomaa akka hin qaqqabne gochuu, ajjeechaa jumlaa, gudeeddii, hiraarsaafi namoonni dirqamaan akka badan gochuu fa'a raawwachuunsaa sababa gahaa kenna,'' jette ogeettiin ergama dhugaa adda baasuu Moonaa Rishmaawii.

    Ragaa kanaanis ''ajjeechaan jumlaa raawwateera'' jechuuf akeektuun gahaa jira jetti Moonaan.

  5. Keeniyaan haleellaa al-Shabaab fashaleesse jette

    Akka Poolisiin Keeniyaa jedhutti, Poolisiin dhaabbata basaasaa biyyatti waliin ta’uun haleellaa gareen al-Shabaab Keeniyaa keessa raawwachuuf karoorfate fashaleesseera.

    ''Karoorri gareen shororkeessaa Al Shabaab lammiilee Keeniyaa hedduu Naayiroobii keessatti galaafachuuf baase fashalaa’eera” jedha ibsi Poolisii kun

    Akka ibsa kanaatti adeemsa hordoffii dhoksaa fi odeeffannoo basaasaa walitti qabuu ji’oota darban keessa kanneen ergama kana raawwachuuf socho'aa turan to’annaa jala oolfamaniiru.

    Poolisiin Farra Shororkeessummaa Keeniyaa akka jedhetti, duula kanaaf kan bobbaafaman rasaasotni meeshalee waraanaa adda addaa, boombii harkaa, fanjii, fi qoricha sammuu namaa hadoochu to’annoo jala oolfameera.

    "Shororkeessitoonni ji'a qulqulluu Ramadaanaa keessatti haleellaa kana raawwachuuf karoorfatan, namoota biyya alaa butuu fi konkolaattota butuu akka danda'anis qorachaa turan.

    Naayiroobiin nageenya ishee eeggachaa jirti, galata dhiirotaa fi dubartoota jajjaboo dhaabbilee nageenyaa kanneen shororkeessitootaa fi yakkamtoota balaafamoo kanneen adamsuun to'annoo jala oolchuuf sa'aatii dheeraa dabarsaniif haa ta'u," jechuun Poolisiin bayyatti itt dabalee ibseera.

  6. Hogganaan Kooriyaa Kibbaa duraanii yakka mootummaa diiguun hidhaa umrii guutuun adabaman

    Pireezidantiin duraanii Kooriyaa Kibbaa aangoorraa buqqaafaman Yuuk Suuk Yawool yakka mootummaa diiguun hidhaan umrii guutuu irratti murame.

    Pireezidantiin Kooriyaa Kibbaa kuni aangoorraa buqqaafaman Yuuk Suuk Yawool bara 2024 seera waraanaa labsanii yakka mootummaa diiguun badiin irratti murtaa'ee hidhaa umrii guutuun adabaman.

    Tarkaanfiin hoogganichaa sa'atii muraasa keessatti paarlaamaadhaan kan dhaabsifame yoo tahu, demookiraasii biyyattii reef dagaagaa ture mormii ji'ootaaf adeemeefi jeequmsa siyaasaan raasaa ture.

    Yuun aangoorraa buqqaafamanii, to'annoo jala ooluun booda seera waraanaa labsuun wal-qabatee yakka garagaraan himataman.

    Murtoon adabbii Kamisa har'aa nama ganna 65 irratti murame adabbii marroo lammataa yoo tahu, aangoo akka malee fayyadamuu, haqni akka hin buune danquu fi galmee sobaa qopheessuun ture kan irratti murame. Himannaawwan kunneeniin hidhaan waggaa shanii irratti muramee ture.

    Labsiin waraanaafi dhimmi seeraa isa hordofe lammiilee Kooriyaa Kibbaa gargar qoodeera. Kanneen isa deeggaraniifi morman hiriira bahaa turan.

    Kamisa har'aas akkasuma mana murtii Soowul jirutti deeggartonnisaa walitti qabamanii ture.

  7. Hamaas Israa'eliin mo'amus Gaazaa deebisee to'ataa jira

    Waliigalteen dhukaasa dhaabuu dura bu'ummaa Ameerikaatiin Onkoloolessa darbe irra gahame waraanni akka dhaabbatu yeroo godhetti Hamaas of oolchuuf jecha waraanni gaggeessaa ture akka naannoo sana to'achuutti isa jijjiireera.

    Waraanni ture kutaalee waraana Hamaas garariphe loltummaatti kan xiqqeesse yoo ta'u, hoggantoonni isaanii garri caalanis jalaa ajjeefamaniiru.

    Gamoowwaniifi bu'uraaleen misoomaa Gaazaa harki caalus barbadaa'aniiru, baayyinni ummataa garri caalus buqqa'aniiru.

    Sababa waraana kanaatiin Filisxeemonni kuma 72 ol ta'an Israa'eliin ajjeefamuu ministeerri fayyaa Hamaasiin hogganamu ni mul'isa.

    Waliigaltee dhukaasa dhaabuu taasifameen ji'a afur booda Filisxeemonni Gaazaa keessa jiraatan Hamaas to'annoo gama nageenyaan, galii gibiraan, akkasumas tajaajila mootummaatiin qabu baballifateera jedhu.

    Kun ammoo tarsiimoo yeroo dheeraafi gareen kun hidhannoo hiikkatee aangoo isaa dabarsee kennuudhaaf qophaa'era moo hin qophoofne dhimmoota jedhanirratti gaaffileen akka ka'an godheera.

    Gaazaatti falmaa mirga namoomaa kan ta'e Mohaammad Diyaab Hamaas naannoo dhibbentaa 90 deebisee to'achuu dubbata.

    "Dhaabbileen poolisiifi tikaa deebiyeera. Amma daandiirra ni socho'u, yakka to'achuufi namoota tumsa kennu jedhamaniifi yaada qaban sakatta'aa jiru. Namoonni waraqaa eenyummaa rgachuuf ykn tajaajila fayyaa argachuuf gara aanga'oota Hamaas deemuu qabu. Sirna haqaafi manneen murtiirratti to'annoo qabu deebisee baballifataa jira.,

  8. ASHAMAA!

    Akkam jirtu hordoftoota keenyaa?

    Toora oduu kallattiin isin biraan geenyu jalqabneerra.

    Odeessaalee keenyaa karaa marsariitii, Facebook, WhatsApp fi YouTube keenya ni argattu.

    Nu hordofaa!