Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Hidhattoonni Huutii Galaana Diimaarratti 'namoota jaha ajjeesan'

Haleellaa hidhattoonni Huutii Galaana Diimaarratti raawwataniin namoonni jaha ajjeefamuu mootummaan Yaman beekamtii idil-addunyaa qabu beeksise.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Ministirri dhimma biyya keessaa Paakistaan haala nageenya naannichaa mari'achuuf Iraan jiru

    Ministirri dhimma biyya keessaa Paakistaan haala nageenya naannichaa, tasgabbii fi jijjiiramoota mul'atanirratti mari'achuuf Iraan daawwachaa akka jiran ministeerri dhimma alaa Paakistaan Roobii ibse, Islaamaabaad carraaqqii jaarsummaan waraana Iraan furuu eegalte itti fufteerti.

    Mohsin Naqvi, qondaalli duraarraa jaarsummaa Iraaniifi US keessatti qooda fudhachaa ture, hoggana waraanaa Paakistaan Asim Muniir faana walitti dhiyeenya cimaa qaba.

    Miiidiyaan mootummaa Iraan IRNA akka gabaasetti Naaqviin Kibxata Pirezdantii Iraan Masuud Pezeshkiyaan, Ministira Dhimma Alaa Abbaa Araagchii fi Ministira Dhimma Biyya Keessaa Iskandaar Momeenii waliin wal argan.

    "Waayee hariiroo biyyoota lamaanii, nageeyaa, nageenya fi tasgabbii naannichaa fi dhimma marii ijaarsaa qooda fudhattoota naannichaa fi jijjiiramoota naanichaarratti mari'achaa jiru" jedhe dubbii himaan ministeera dhimma alaa Paakistaan Xaahir Andiraabii.

    Websaayitiin mootummaa Iraan Naaqviin Masuud Pezeshiyaaniif ergaa "ministira muummee fi hoggana waraanaa Paakistaan dabarsuu" barreesse. Qabiyyeee hin ibsine.

    Ministirri Ittisaa Paakistaan Bloomberg'tti akka himatti US fi Iraan "waliigaltee wayiitti dhiyaachaa jiru."

    "Dhimmoonni nagaaf tolan ammas dhufaa jiru ykn waliigalteen jiraachuu danda'u" jedhan. Mallattooleen akkanaa guyyoota lamaan sadan darban mul'atamn.

    Torbee darbe Iraan haala Ulaa Hormuuz irratti Omaan faana mari'achaa jiraachuu mirkaneessite.

    Kibxata waraanni US doonii alaabaa Paanaamaa qabatte irratti dhukaasuu beeksise. Kun immoo uggura Iraan cabsuufi jedhame.

  2. Hidhattoonni Huutii Galaana Diimaarratti 'namoota jaha ajjeesan'

    Haleellaa hidhattoonni Huutii Galaana Diimaarratti raawwataniin namoonni jaha ajjeefamuufi 10 madaa'uu mootummaan Yaman beekamtii idil-addunyaa qabu beeksise.

    Ministeerri geejibaa dooniin mi'a feetu kibba magaalaa Mochaatti misaa'ela baalistikii sadiin rukutamuu himan.

    Haleellaa kanaanis ibiddi ka'ee hojjettoonni doonii afur - sadii lammii Paakistaan tokkommoo lammii Indoneeshiyaa du'uu beeksisan.

    Eegduun galaanaa Yaman boodarra akka beeksisetti, misaa'elli lammataa kanneen isaan baraaruuf bobba'an irratti qiyyaafatee dhukaafame.

    Kanaanis, namoonni biroo sadii miidhamaniiru jedhame.

    Hidhattooti Huutii doonii meeshaa waraanaa Sa'udi feete rukutuu himan.

    Kuni erga US fi Israa'el Guraandhala keessa Iraan irratti haleellaa raawwatuu eegalanii haleellaa jalqabaa lubbuu baay'ee balleessedha jedhameera.

    Hidhattooti Huutii baatii darbe geejiba doonii Sa'udi irratti uggura kaa'un ture dooniiwwan irratti haleellaa raawwachuu kan eegalan.