'Finxaaleyyii Amaaraaf ulaa saaqee affeeraa kan jiru Shaneedha' - Bulchaa Aanaa Noonnoo
Haleellaan Dilbata darbe aanaa Noonnootti raawwatamefi lubbuu namoota nagaa galaafate 'ulaa Shaneen saaqeen raawwatame' jechuun bulchaan aanichaa Obbo Wandaafraash Luulessaa komatan.
Dilbata darbe ALI Onkololeessa 9, 2018 hidhattoonni jiraattonni fi angawoonni aanaa Noonnoo 'finxaaleyyii Amaaraa ykn Faannoo' jechuun waaman Godina Shawaa Lixaa Aanaa Noonnoo ganda Halloo Dinkii jedhamutti haleellaa 'suukkanneessaa' jedhame raawwataniiru.
Jiraattonni BBC'n haasofsiise haleellichaan namoonni 22 ajjeefamuu kan himan yemmuu ta'u, Bulchaan aanaa Noonnoo Obbo Wandaafraash garuu, "Baay'inni nama du'ee 22 kan jedhu soba. Namni wareegame 22 osoo hintaanee nama 12" jedhan.
Dabaluunis qaamoleen nageenyaa hidhattoota haleellicha raawwatan irratti tarkaanfii fudhachuu kan himan bulchaan aanichaa, "tarkaanfii sirriifi seera qabeessa fudhannee adabamaniiru" jedhan.
Haaluma kanaan "22 kan jedhu kan keenya isa dubartiifi daa'ima mana keessatti ajjeessan osoo hintaanee warra (finxaaleyyii Amaaraa) waraanni tarkaanfii irratti fudhatedha, meeshaa isaanii faana" jedhan.