Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Walitti bu’insi dhaabbatee nagaafi araaraaf hireen akka kennamu Abune Maatiyaas gaafatan

Paatiriyaarkiin Bataskaana Ortodoksii Itoophiyaa Abuune Maatiyaas walitti bu’isawwan biyya keessatti deemaa jiran dhaabatanii nagaafi araaraaf hireen akka kennamuuf korri Sinoodosii Qulqulluu carraaqqii akka taasisuuf waamicha taasisan.

Guduunfaa

  • Walitti bu'insi dhaabbatee nagaafi araaraaf hireen akka kennamu Abune Maatiyaas gaafatan
  • Gaazaatti tasgabbiin akka jiraatuuf UKn loltootashee Israa'elitti ergite
  • Dhagaan Maarsii irraa kufe doolaara miliyoonotaan gurguramus gaaffii kaase
  • WHOn rakkoon fayyaa Gaazaa "kan dhalootati darbudha" jechuun akeekkachiise
  • Naayijeeriyaatti taankariin boba'aa dhohee namoonni hedduu du'an
  • Hoogganaan RSF buufata xiyyaaraa naannawa Sudaan jiru kamuu haleeluuf dhaadate
  • Sababoota Arsenaal waancaa Shaampiyoonsi Liigii akka injifatu taasisan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. 'Finxaaleyyii Amaaraaf ulaa saaqee affeeraa kan jiru Shaneedha' - Bulchaa Aanaa Noonnoo

    Haleellaan Dilbata darbe aanaa Noonnootti raawwatamefi lubbuu namoota nagaa galaafate 'ulaa Shaneen saaqeen raawwatame' jechuun bulchaan aanichaa Obbo Wandaafraash Luulessaa komatan.

    Dilbata darbe ALI Onkololeessa 9, 2018 hidhattoonni jiraattonni fi angawoonni aanaa Noonnoo 'finxaaleyyii Amaaraa ykn Faannoo' jechuun waaman Godina Shawaa Lixaa Aanaa Noonnoo ganda Halloo Dinkii jedhamutti haleellaa 'suukkanneessaa' jedhame raawwataniiru.

    Jiraattonni BBC'n haasofsiise haleellichaan namoonni 22 ajjeefamuu kan himan yemmuu ta'u, Bulchaan aanaa Noonnoo Obbo Wandaafraash garuu, "Baay'inni nama du'ee 22 kan jedhu soba. Namni wareegame 22 osoo hintaanee nama 12" jedhan.

    Dabaluunis qaamoleen nageenyaa hidhattoota haleellicha raawwatan irratti tarkaanfii fudhachuu kan himan bulchaan aanichaa, "tarkaanfii sirriifi seera qabeessa fudhannee adabamaniiru" jedhan.

    Haaluma kanaan "22 kan jedhu kan keenya isa dubartiifi daa'ima mana keessatti ajjeessan osoo hintaanee warra (finxaaleyyii Amaaraa) waraanni tarkaanfii irratti fudhatedha, meeshaa isaanii faana" jedhan.

  2. Waliigalteen dhukaasa dhaabuu Gaazaa akka hin cabneef US pirezidaantii ittaanaashee Baha Giddu-galaatti ergite

    Waliigalteen dhukaasa dhaabuu Gaazaa akka hin cabneefi mariin marsaa ittaanu akka gaggeeffamuuf Pirezidaantii Itaanaa US kan ta'e JD Vaansi har'a Israa'el seene.

    Beeniyaamiin Netaaniyaahuu marii marsaa ittaanu akka jalqabuufi Gaazatti waraanni bifa waaraa ta'een akka xumuramuuf JD Vaans dhiibbaa ni taasisa jedhamee amanama.

    Ergamoonni addaa US waliigalteen dhukaasa dhaabuu Gaazaa marsaa jalqabaa akka milkaa'uuf gahee guddaa taphatan Istiiv Wiitkoof fi Jaareed Kuushinar kaleessa Israa'elitti imaluun Netaaniyaahuu wajjin dubbataniira.

    US qondaalota onaaloo gara Baha Giddi Galaatti erguunshee, Israa'el Hamaas loltoota koo haleele jechuun Dilbata haleellaa cimaa Gaazatti gaggeessuu hordofeeti.

    Doonaald Tiraamp kaleessa ibsa kenneen, rakkooleen xixiqqoon jiraatan illee waliigalteen dhukaasa dhaabuu kabajamee akka itti fufu beeksise.

    Garuummoo Hamaas waliigalticha ni kan cabsu taanan "lafarraa bada" jechuun akeekkachiise Tiraamp.

    Tiraamp ittaanaasaafi ergamoota addaa US lama gara Israa'elitti erguunsaa, carraa waliigaltee dhukaasa dhaabuu kanatti fayyadamuun marii marsaa ittaanufi Israa'elifis ta'ee Hamaasif cimaa ta'a jedhame akka eegalchiisaniif akka ta'etu himama.

  3. Itoophiyaan liqaa Chaayinaa doolaara bil 5.38 'hamma tahe' yuwaaniin kaffaluuf marii'ataa jirti

    Itoophiyaan liqaa doolaara biiliyoona 5.38 Chaayinaaf kaffaluu qabdu keessaa hanga tahe maallaqa biyyatti yuwaaniin deebisuuf marii'achaa jirti.

    Adeemsa kanaaf Itoophiyaan fakkeenyummaa Keeniyaa kan hordofte yoo tahu, qaama tattaaffi qarshiin Chaayinaa sadarkaa idil-addunyaa akka qabaatu taasisuus akka tahe Biluumberg gabaasa Onkololeessa 19,2025 baaseen ibseera.

    Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa, Obbo Iyyoob Takkaalinyi baatii darbe daawwannaaf yeroo Beejiing deeman dhimma kaffaltii liqaa kana gara yuwaanitti geeddaruu baankilee Chaayinaa lama waliin marii'achuu isaanii Biluumbarg himeera.

    Jilli Ministira Maallaqaa Itoophiyaa Obbo Ahmad Shideen durfamu kora Baankii Addunyaa fi Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa US, Onkololeessa 17, 2025 Waashingitanitti taa'amerratti hirmaateera.

    Mariin kun yeroo murteessaa Itoophiyaan liqaa gurgurtaa boondii irraa argatte yeroo jedhametti deebisu didde jedhamuun muddama keessa jirtutti gaggeeffame.

  4. Balaa Baaburaa daandii Dirree Dhawaa_Dawwaalee irra qaqqabeen namoonni 14 du'an

    Balaa baaburaa geejjiba ummataa gara Dire Dawaatti imalaa ture naannoo Somaalee Aanaa Shinilee keessatti balaan muudateen miidhaan ga'uu hogganaan daandii baaburaa Dirre Dawa-Dewele Obbo Ayyalaa Wolde-yohannes BBC'f mirkaneessaniiru.

    Balaa qaqqabe kanaan namootni hedduun du'uu fi miidhamuun kan himamne yoo ta'u, Obbo Ayyalaan garuu miidhaan gahe ammatti qoratamaa akka jiru dubbatan.

    Gabaasaaleen miiidyaa akka agarsiisanitti balaa kanaan namoonni 14 du'uun namoonni 29 madaa'aniiru.

    Sababni balaa kanaa ammallee qoratamaa jiraachuu qondaalli BBC'n dubbise himaniiru.

    Akka qorannoon kun raawwatameenis midiyaaf kan beeksisan ta'uu kan eeran qondaalli kun balaan kan muudate daandii baaburaa Itiyoo- Jibuutii utuu hin taane, daandii baaburaa Deelee irraa gara Dire Dhawaatti imalaa ture akka tahe himan.

    Yeroo taatee kun mudatu tajaajila geejjibaa ummataaf kennuuf imaltoota fe'ee deemaa akka ture himameera.

  5. Pirezidantiin duraanii Faransaayi maallaqa miiliyoonaan Mu'aammar Gaadaafii irraa fudhataniif hidhaman

    Pireezidaantiin duraanii Faransaay Niikoolaas Sarkooziin maallaqa hogganaa Liibiyaa duraanii Mu'aammar Gaadaafii irraa fudhacchuun filannoo bara 2007 seeraan ala akka injifatan gargaaruuf shira xaxaniiru jedhamuun erga itti murtaa’ee booda murtii hidhaa waggaa shanii har'a jalqaban.

    Manguddoo ganna 70 kan ta'an Sarkooziin har’a ganama haadha warraa isaanii Kaarlaa Biruunii waliin ta’uun mana hidhaa Laa Santee Paaris kan qajeelan yoo ta'u,adabbii hidhaa isaanii har'arra eegalu.

    Garuu yaada fuula X isaanii irratti ibsataniin haalli kun miidhaa jibbiinsaa fi loogii irraa kan isaanirra ga'e ta'uu himachuun, namni adabbiin kun itti murtaa'e nama qulqulluu akka ta'e akka naaf hubatamu jedhan.

    Saarkooziin hogganaa duraanii Liibiyaa Mu'aammar Gaadaafii irraa doolaara miliyoonaan lakkaa’amu fudhateera jechuun waggootaaf falmii seeraa erga godhanii booda, dhiheenya kana hidhaan waggaa shanii itti murtaa’eera.

    Filannoo bara 2007 irratti matta'aa akka hin fudhannee fi hojii waliin dhahuu kamuu keessaa harka akka hin qabne irra deddeebiin haalan.

    Bara 2007 hanga 2012tti Pirezidaantii Faransaay kan turan Sarkooziin, erga hogganaa Faransaay duraanii sirna Naazii waliin hidhata qabu Maarshaal Filip, waraana addunyaa lammaffaa booda hidhaa bahuun pirezidaantii Faransaay ta'een booda Pireezidaantii duraanii Faransaay kan jalqabaati.

    Murtiin kunis hiriyyoota siyaasaa isaanii fi deeggartoota paartilee isaan hogganaa turan biratti aarii guddaa kaaseera.

  6. Hoggantoonni Awurooppaa ibsa ejjennoo Tiraamp dhukaasa dhaabuu Yukireen deeggaru baasan

    Hoggantoonni biyyoota Awurooppaa kanneen akka Biriteen, Faransaay, Jarman, Yukireen, fi Gamtaa Awurooppaa ibsa waloo Kibxata har'aa baasaniin, jalqabbii Yukireen fi Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp waraanaa Yuukireeni fi Raashiyaa dhaabuuf taasisaa jiran deeggarsa qaban ibsaniiru.

    “Ejjennoo Pirezidaanti Tiraamp dhukaasni dhaabbachuu qaba, akkasumas haalli adeemsaa amma jiru mariidhaaf bu’uura ta’ee tajaajiluu qaba jedhu guutummaatti ni deggerra,” jedha ibsi kun

    Tiraamp Yukireen waraana Raashiyaa waliin qabdu injifachuu dandeessi jedhanii akka hin amannee fi gara mariitti deemmamuu akka barbaachisu ibsuu Waayit Haawus ibsee ture.

    Ministirri haajaa alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo wixata kaleessaa gita isaanii Raashiyaa Sargee Laavroov waliin bilbilaan wayita mari'atan torban kana lamaan gidduutti taasifama jedhamee egamu gara yeroo biratti darbuu ibsan. Mariin murteessaan Tiraamp fi Puutiin, kan ammallee yoom akka ta'e hin beekamnellee waligaltee kanaaf eegamaa jira.

    Yoo Doonaald Tiraamp fi Vilaadmir Puutiin dhukaasa dhaabuu irratti walii galan torban dhufan keessa loltoonni Awurooppaa gara Yukireenitti ''bobbaa'uuf qophii'' ta'uun ibsameera.

  7. Finfinnetti lakkoofsa dhaabbilee daldalaa taasifamuuf jiru maali?

    Magaalaa Finfinneetti sirnii dhaabbilee daldala xixiqqaa irraa kaasee hanga hoteelota abbaa urjii 5 lakkaawwuun tibbana kan jalqabamu ta’uu Biiroon Karooraa fi Misooma Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee beeksise.

    Laakkawwiin manneen daldalaa kunis dinagdee magaalattii fi biyyattii kan addunyaa waliin walbira qabuun sadarkaa irra hiru qorachuufi jedhame.

    Akkasumas ,inveestimoota dhuunfaa fi guddina dinagdee waligalaa biyyaalessaa (GDP) to'achuu fi adda baasuuf filannoowwan investimantii agarsiisuu akka danda’an kan gargaaru ta’uutu ibsame.

    Baayyiina dhaabbilee diinagdee magaalichaa, baayyinnii hojjattoota dhaabbilee, hamma kaappitaalaa fi oomishaalee oomishaman ragaan adda baasuuf kan gargaaru yoo ta'u, kunis qorannoowwan imaammataf illee galtee akka ta'u biirichi kan beeksise.

  8. Jaappaan seenaa keessatti MM dubartii jalqabaa filatte

    Sanahe Takahichi sagalee caalmaa miseensota paarlaamaa irraa argatteen MM dubartootaa Jaappaan jalqabaa ta'uu dandeessetti.

    Takaichi, paartii biyya bulchaa jiru Libaraal Dimookiraatawaa irraa, mana maree gadii keessatti sagalee 237, mana maree olaanaa keessatti ammoo sagalee 125 argachuun kan injifannoo kanaaf geesse

    Takahichi, "dubartii jabduu" Jaappaan jedhamuunis kan beekamtu,yoo ta'u, MM duraanii Shinzo Abee jalatti kan guddattee fi konsarvaatiivii cimtuu akka taatetti eeramti.

    Hedduun haalaa walqixxummaa saalaa Jaappaan keessa jiru waliin wal bira qabuun injifannoon ishee guddaa akka ta'e leellisu.

    Takahichi dhimmoota qaala'iinsa jireenyaa fi daballii gatii jireenyaa irratti biyyattiif furmaata waaraa kaa'u jedhamee eeggama.

    Doonald Tiraamp 'ogummaa fi cimina guddaa' Takaayichi faarsaniiru.

  9. Mariin dhimma itti fayyadama Galaana Diimaa irratti Masiriitti gaggeeffame maali?

    Fooramii Aswaan Misoomaa fi Nagaa Itti Fufinsa Qabuuf jedhu tibbana gaggeeffame irratti ministirri Dhimma Alaa Masirii waa'ee bulchiinsaa fi misooma buufata dooniiwwanii dubbataniiru.

    Fooramii shanaffaan Aswaan kun Dilbata kaleessaa gaggeeffame. Fooramiin kun ''Ardiilee walitti hidhuu fi Karaa Galaana Diimaa Egeree guddaa Ijaaruu'' kan jedhu irratti xiyyeeffate.

    Xiyyeeffannoon isaanii biyyoota Arabaa fi Afrikaa dinagdeen walitti hidhuu akka tahe Abdellaatiin himaniiru.

    Abdellaatii Ministirri Dhimma Alaa Somaaliyaa Abdii Saalem Alii fi kan Sudaan Mohii Eldiin Saalem irrati argamaniiru.

    Fooramii kana irratti Gamtaa Awurooppaa fi Baankii Addunyaa irraas argamaniiru. Ministirri Dhimma Alaa Masirii Inisheetiivii Suwiizii fi Galaana Diimaa Misooma Galaanarraa fi Dinagdeef jedhus jalqabsiisaniiru.

    Kaayyoon isaas waan afur jedhan.

    Dinagdee magariisaa cimsuu, bu'uuraalee misoomaa fi buufataalee doonii fooyyessuu, eegumsa naannoo galaanaa fi walitti hidhaminsa dinagdee naannichaa cimsuu kan jedhudha.

    Naannoo Galaana Diimaatti nagaa fi tasgabbii fiduuf fedha siyaasaa, biyyoonni Arabaa fi Afrikaa wal utubuu fi deeggarsa idil-addunyaa jabaa barbaada jedhan.

    Masiriin galii Bo'oo Suwiiz irraa argatu dabaluuf muddama Gaanfa Afrikaa furuu, Yamanii fi Somaaliyaatti tasgabbiin akka dhufuuf hojjechuufi waraana Sudaan dhaabsisuu irratti hojjechuu akka barbaaddu ibsite.

    Garuu bulchiinsi qarqara galaanaa kamuu karaa biyyoota hulaa galaanaatti bahan qofaa tahuu akka qabu Masiriin himte.

  10. Lakkoofsi namoota Gaazaatti ajjeefamanii 68,216 - Ministeera Gaazaan hogganamu

    Sa’aatii 24 darban keessatti reeffi namoota 57 gara hospitaalota biyya keessaa geeffamuu Ministeerri Fayyaa Gaazaa kan Hamaasiin geggeeffamu odeeffannoo haaraa baaseen beeksiseera.

    Ministeerri fayyaa kun akka jedhutti, kunis erga Onkoloolessa 7 bara 2023 as lubbuun namoota 68,216 kan darbe yoo ta’u, dabalataan 170,361 ammoo madaa’aniiru.

    Abbaan Taayitaa Hamasiin geggeeffamu akka jedhutti, reeffi namoota 12 caccabaa keessaa kan argame yoo ta'u, 45 ammoo sa'aatii 24 darban keessatti Israa'el ''kallatti irratti xiyyeeffachuun'' ajjeefamaniiru.

    Akka yaadachiisaatti, waraanni Israa’el kaleessa haleellaa xiyyaaraa walitti fufiinsaan guutuu Gaazaa irratti raawwateera. Hamaas haleellaa raawwachuun “ifatti waliigaltee dhukaasa dhaabuu cabseera” jechuun himate. Hamaas waraana dhaabuuf ''waada guutuu'' akka qabu irra deebi'ee kan mirkaneesse yoo ta'u, walitti bu'iinsa kibba Gaazaa Istirrp keessatti gabaafame waliin walitti dhufeenya kan hin qabne ta'uus ibseera.

    Ministeeri fayyaa Hamaasiin hooganamu sa'aatii 24 darban keessatti namoonni dabalataa 158 madaa'uu isaanii kan ibse yoo ta'u, hojiin barbaacha fi baraaruu itti fufee waan jiruuf Gaazaa keessatti "namoonni miidhaman hedduun" caccabaa jalatti akka hafan dubbata.

  11. Saalaah warra Liiverpuul maltu mudate?

    Bara darbe Piriimer Liigii keessatti tapha 38 taphatee goolii 29 lakkoofsisuun Liiverpuul akka waancaa argatu taasiseera.

    Haata’u malee, taphataan lammii Masirii umuriin isaa amma wagga 33 ta’e kun, bara kana keessa ga’umsa kanaan dura ittiin beekamuun mul’achaa hin jiru.

    Tapha Liiverpuul Dilbata kaleessaa Anfiild irratti Maanchester Yunaayitid waliin taphaterratti dhiibbaa inni taasise hangas hin turre. Kanaan dura garuu tapha 17 Maanchester Yunaayitid waliin Liiverpuuliif hiriiree taphateen goolii 16 irratti lakkoofsisee ture.

    Akka WhoScored jedhutti, bara kana Piriimer Liigii keessatti kubbaa kommokuu taphataan Mo Saalaah gadi ta’e hin jiru.

    Saalaah erga kontiraata haaraa yoo xiqqaate hanga bara 2027tti Liivarpuul keessa isa tursiisu mallatteessee as ga’umsi isaa gadi bu’eera.

    Rikardii Saalaah taphoota 18n osoo kontiraata haaraa hin mallatteessiin dura galmeesse

    Taphoota: 18

    Goolii: 11

    Kubbaa mijeessee kennuu: 5

    Rikardii Saalaah erga kontiraata mallatteessee

    Taphoota: 18

    Goolii: 5

    Kubbaa mijeessee kennuu: 4

  12. 'Nama ta'aa, namummaan haa dursu' - duree amantaa Islaamaa Muftii Haji Umar Idiriis eenyu?

    Sa'aatii 5 dura

    Pireezidaantiin Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa duraanii Muftii Haaji Umar Idriis dhukkuba isaan mudateen wal'aansa argachaa utuu jiranuu Dilbata Onkoloolessa 19, 2025 du'aan addunyaa kanarraa boqochuun gabaafameera.

    Abbootii amantii Itoophiyaa, hordoftoota amantaa adda addaa biratti jaallatamaa fi kabajamaa kan turan Hajii Muftii Umar erga du'uu isaanii dhaga'amee booda ibsi gadda miidiyaa hawaasaa irratti bal'inaan qoodamaa jira.

    Ministirri Muummee Abiy Ahimad, Pireezidaanti Taayyee Atsiqesillaasee, Kantiibaa Adaanech Abebee fi qondaaltonni mootummaa olaanoo biroos du'a duree amantii isaaniitiin gadda qaban ibsaniiru.

    Manni amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaas du'aan boqachuu Muftii Hajjii Omar Idriisi'n gadda itti dhaga'ame ibsuun, "Abbaa mallattoo nagaa, jaalalaa fi tokkummaa'' jedheen.

    Yeroo tajaajila isaaniitti tokkummaa fi nagaan ummataa akka dursu, nama gara laafinaafi jaalalaan hojjtaa ture" jechuun ibsiteetti. Namummaa gaarii qabaniif yaadannoo lammiilee Itoophiyaa hundaa keessa akka jiraatu ibse.

  13. Iraan nama Israa'eliif basaasaa ture jette du'aan adabde

    Iraan nama Israa'eliif basaasaa ture jette du'aan adabde.

    Maddi oduu Rooyitars akka gabaasetti namni basaasaa Israa'eliti jedhame kun mana murtiitti erga dhiyaatee booda, murteen du'aa itti muramuu hordoofee Sambata, Onkoloolessa 18 ajjeeste.

    Iraan namoota Iraan keessa taa'uun Israa'eliif basaasu jette du'aan adabuunshee kun kan jalqabaa miti.

    Keessumaa Waxabajjii darbe Israa'el haleellaa cimaa Iraanirratti banuun saayintistoota nikularaafi qondaalota waraanaa heddu jalaa ajjeesuu hordofee tarkaanfiin Iraan 'namoota Israa'eliif basaasu' jetturratti fudhattu jabaataa dhufeera.

    Israa'el haleellaa ji'ootan dura Iraanirratti gaggeessiteef basaastonni isheen Iraan keessaa qabdu haleellaa gaggeessuu qofa osoo hin taane, odeeffannoo murteessafi waktaawaa oppireshiniif gargaaru kennaafii turuu ibsitee turte.

  14. Holqi Soof Umar bakka dagatamee MM Abiyyiin yaadatame amma maalirratti argama?

    Ministirri Mummee Abiyyi Ahimad angawoota duraaniifi ammaa waliin ta'uun guyyoota darban keessa hojiilee misoomaa godinaalee Baalefi Baale Bahaa keessatti hojjetamaa jiran daawwataniiru.

    Pirojeektota angawoota kunneeniin daawwataman keessaa Pirojektiin Misooma Holqa Soof Umar isa tokko.

    Holqi hawwataan dheerina kilomeetira 15 qabu waggootaaf osoo hin misoomiin ture waggoota lama dura ture galii gurgurtaa kitaaba MM Abiyyi, Dhaloota Ida'amuu jedhu irraa argamuun akka misoomu kan murtaa'e.

    Guyyoota darbanittis suuraawwan holqi Soof Umar ifaan faayamee agarsiisan akkaasumas suuraan Loojii Soof Umar miidiyaalee hawaasaarratti bal'inaan qoodamaa turan.

    Daawwannaa iddichatti taasisan ilaalchisee fuula miidiyaa hawaasaa isaaniirratti kan barreessan MM Abiyyi, Loojiin Soof Umar 'dhiyeenyatti xummuramu' "karoora tarsiimoo Itoophiyaa waggaa kudhanii isa tuurizimii guddina diinagdeef ijoo taasisee fudhatu jabeessuuf kan hojjetamedha" jedhan.

  15. Ergamaan Tiraamp Israa'el jiru, UN gargaarsi Gaazaatti dhiyaatu 'haga barbaadamuu gadi' ta'uu akeekkachiise

    Ergamaan addaa Doonaald Tiraamp Istiiv Witkoof fi soddaan Tiraamp Jaared Kushneer Israa’el jiru. Pireezdaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp waliigalteen Gaazaa keessatti dhukaasa dhaabuu ammallee hojiirra jira jedha.

    Ergamaan addaa Tiraamp Israa’el kan deeman erga waraanni Israa'el Dilbata darbe Hamaas irratti haleellaa wal walirratti raawwachuu isaa ibsuun, Israa'elii fi Hamaas waliigaltee kana cabsaniiru jechuun wal himataniiti.

    Akka miidiyaaleen Israa'el gabaasanitti ammoo Pirezidantiin Itti-aanaa US Vaans boor gara Israa'el deemuuf jiru.

  16. Namni baatii lama keessatti gita hojii banaa 80 ol iyyate, ammallee hin milkoofne

    Haalli kun qabsoo dargaggoonni hedduun hojii barbaaduuf taasisan kan calaqqisiisuudha.

    Joo Burgess dargaggeessa ganna 25 yoo ta'u UK kutaa bulchiinsa Felixstowe jedhamu keessa jiraata. Barnoots isaa dippiloomaa erga xumureen booda waggaa lamaa fi walakkaaf dhaabbata doonii tokko keessatti utuu hojjatuu kutaan hojii isaa hojiirraa gaggeffaman.

    Sana booda dhaabbata doonii tokko keessatti hojii biraa argate, utuu hojjatuu ji'a jaha booda ammas hojiin isaa dhaabbate.

    Ergasii baatii lamaa keessatti iyyannoo hojii 80 dhiyeeffatus ammallee hojii hin arganne.

    Namni kun amma baatii sadiif hoji malee taa'aa jira.

    Ji'a Hagayyaa keessa mootumJoo Burges jedhama dargaggeess umurii 25 yomaan sagantaa dargaggoota kumaatamaan lakkaa'aman leenjii fi hojii akka argatan gargaaruuf kaayyeffate ifoomseera.

    Dhiheenya kana hoji dhabdummaan biyyaalessaa %4.7 irraa gara %4.8tti kan dabale yoo ta'u, kunis adda durummaan dargaggoota kan miidhe ta'uu Waajjirri Istaatistiksii Biyyaalessaa UK ibseera.

    Akka ibsa wajjirichaatti lakkoofsi kun gabaa hojii laafaa akka jiruu fi hojjettoota dargaggoota ta'an rakkoon guddaan mudachuu mul'isa.

  17. Waliigaltee dhukaasa dhaabuu booda maaliif Israa'el Gaazaa haleelte?

    Erga Tiraamp torban darbe Masiriitti gaggeesitoota addunyaa walitti qabuun 'Baha Gidduugaleessaatti Nagaa' jedhee mari'ateen as Gaazaan akka malee haleelamte.

    Haleellaa bifa haaraan Israa'el banteen lammiilee Filisxeem hedduu fi loltoonni Israa'el lama ajjeefamaniiru.

    Xiyyaaronni waraanaa Israa'el ammallee haleellaa gaggeessaa jiru.

    Israa'el jalqaba Raafaa keessatti Hamaastu waraanakoo irratti haleellaa bane jedhe.

    Hamaas garuu achii loltoota jiran hin beeku jechuun haale. Israa'el akka Hamaas hidhannoo hiikkatu barbaddi. Hamaas garuu yaada kana akka hin fudhanne ibseera.

    Yoo xiqqaate jiraattonni Filisxeem 44 tahan haleellaa Gaazaa irratti Israa'el gaggeesiteen ajjeefamaniiru.

    Amma Ameerikaan akka waliigalteen dhukaasa dhaabuu mallattaa'e kabajamuuf dhiibbaa gochuu qabdi jedhamaa jira.

    Baha Gidduugaleessaatti ergamaa addaa US kan tahan Istiiv Wiitkoofi fi soddaan Tiraamp Yaared Kuushner Israa'elitti imalaniiru.

  18. Waa'ee balaa xiyyaara Hongi Koongitti mudatee maal beekna?

    Waa'ee balaa xiyyaara buufata xiyyaaraa hojiin itti baay'atu Hoongi Koongitti mudatee ibsi kennameera.

    • Hojjettoonni nageenyaa buufata xiyyaarichaa lama kan umuriin isaanii tokko 30 fi kaan ammoo 41 tahan konkolaataa ittiin eegumsaaf socho'an keessa akkuma jiranitti galaana keessatti dhiibamuun lubbuun isaanii darbe.
    • Xiyyaarichi Dubaayii osoo deebi'aa jiruu akkuma lafa bu'ee sarara isaarra fiiguu jalqabeen irraa maquun dallaatti bu'ee irra darbuun galaana keessatti kufe.
    • Xiyyaarichi bakka gurguddaa lamatti cabe. Hojjettoonni xiyyaarichaa afur foddaa cabsanii bahuuf yeroo jedhan akkuma inni galaana keessatti kufeen baraaraman.
    • Xiyyaarichi yeroo lafa gahu mallattoo balaa homaa hin agarsiifne.
    • Qorattoonni amma sanduuqa gurraacha [black box] xiyyaarichaa galaana keessa barbaadaa jiru.
    • Yeroo balaan kun dhaqabe sararri irra bu'ee fiiguun dhaabbatu nagaa qabeessa tahuu himame.
    • Qondaalonni buufata xiyyaarichaa caccabaa xiyyaarichaa galaana keessaa baasuuf abbaa qabeenyaa xiyyaara kanaa kan tahe daandii qilleensaa ACT waliin dubbachaa jiru.
    • Poolisiin balaa kanaaf sababa kan jedhe yakka irraa bilisa jechuu hin dandeenyu jedhee qorachaa jira.
  19. Xiyyaarri fe'umsaa sararasaa gadiisee galaana keessatti kufe

    Xiyyaarri fe'umsaa sararasaa gadiisee galaana keessatti kufe.

    Balaan xiyyaaraa kun namoota lama ajjeeseera. Emireetis EK9788 xiyyaarri tahe qabeenyummaan isaa kan kaampaani Tarkii 'Air ACT' tahe Dubaayi irraa dhufuun buufata xiyyaarichaa bu'e.

    Garuu akkuma lafa gahee sarara isaa irra fiiguu jalqabeen mucucaatee konkolaataa hojjettoota buufata xiyyaarichaa dallaan ala jiranitti bu'ee galaana keessa buuse.

    Ofiis galaana cina jiru keessatti kufe. Akka ibsa Siivil Aviyeeshinii Hongi Koongi baasetti namoonni lameen erga baraaramanii booda lubbuun isaanii darbe.