Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Mojtaabaa Kameenii bakka abbaasaa bu'uun hogganaa olaanaa Iraan ta'e

Mojtaabaa Kameenii bakka abbaa isaa Ayaatolaa Alii Kameenii ta’uun hogganaa olaanaa Iraan ta’uun muudame. Abbaan isaa haleellaa US fi Israa’el irratti raawwataniin magaalaa guddoo Iraan, Teehraan mooraa isaa keessatti ajjeefame.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tiraamp waa'ee MM UK Kiir Istaarmar maal jedhan?

    Pirezidantiin US Donaald Tiraamp Ameerikaan Giddugala Bahaatti dooniiwwan waraanaa UK lamaan xiyyaarota waraanaa baatan hin barbaaddu jedhan.

    Dubbiin isaanii kuni kan dhagahame erga dooniin waraanaa UK xiyyaarota baatan qophii akka ta'u akka itti himame boodadha.

    Yeroo waraanni US - Israa'el fi Iraan eegale US buufatawwan UK akka hin fayyadamne MM UK Kiir Istaarmar dhowwanii turan.

    Tiraamp kanaan gammachuu dhabuun Ministirri Muummee UK nu gargaaraa hin jiru jedhanii turan.

    Boodarra UK'n buufatawwan ishee keessaa tokko Ameerikaan oppireeshinii ofirraa qolachuuf akka itti dhimma baatu eeyyamteetti.

    Tiraamp waa'ee doonii waraanaa UK dhagahan ''homaa miti Ministira Muummee Istaarmar, ammaan achi hin barbaannu - Garuu hin dagannu.

    ''Erga moone booda namoota waraana loluuf seenan hin barbaannu,'' jechuun miidiyaa hawaasummaa isaanii Truth Social irratti barreessan.

  2. Taateewwan Giddugala Bahaatti adeemaa jiru beekuu qabdan

    Iraan

    Humni waraanaa Israa'el (IDF) Iraan keessatti haleellaa haarawa bu'uuraalee Iraanirratti banuu hime. Eda halka kuusaa boba'aa Iraan rukutuus hime.

    Ministeerri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araagchii, Fedhiin muddama hir'isuuf Iraan qabdu kan gatate sababa Tiraampi jedha. Kun immoo hubannoo dogoggoraa dandeettii fi akeeka Iraan Tiraampi qaburraa akka maddu himan.

    Galoo Galaanaa

    Waraanni Kuweet danbalii haleellaa diroonotaa qolachaa jiraachuu hime. Buufata xiyyaaraa Idil-addunyaa Kuweet keessatti kuusaan boba'aa haleelamuus beeksise.

    Bakka biraatti abiddi hamaan gamootti qabachuu beeksise

    Dubaayi, Al Barshaa, keessatti namni tokko haleellaan qilleensaa erga qolatamee booda caccabaan dhukaasaa konkolaataarratti kufee nama tokko ajjeese.

    Israa'el

    Mormituun siyaasaa Yaa'ir Laappid mootummaan diinagdee Iraan mancaasuuf "damee boba'aa Iraan hunda jim gochuu qaba" jedhe.

    Humnin waraanaa Israa'el (IDF) misaayeloota Iraan qolachaa akka jiru hime. Humnoota Quds kan Libaanon keessaa, caasaa Eegdota Warraaqsaa Islaamummaa (ICGR) ta'an irratti haleellaa raawwachuu beeksise

    Lebaanon

    Halkan haleellaawwan qilleensaa hedduun biyyattiirratti raawwatamuu qondaalonni Libaanon hman hime. Haleellaan Israa'eliin Hoteelarratti raawwatame nama afur ajjeesuu beeksisan.

    Namoonni miliyoona walakkaatti dhiyaatan buqqa'uu himan haleellaa Israa'el naannichatti bante hordofuun.

    US

    Prezaanti Tiraamp MM UK Kiir Istaarmaritti dallane. Tiraamp Truth Social irratti akkana jedhe: “Erga waraana mo'annee booda namoota waraanatti hirmaatan hin feenu." UK'n dooniiwwan xiyyaarota waraanaa fe'an HMS Prince of Wales akka qoqophaa'an beeksisuu hordofee Tiraampi dubbii kana dubbachuu BBC'n odeeffannoo argateera.

  3. Daawwadhaa: Halellaa Israa'el samii Tehiraan ''guyyaa fakkeesse''

    Haleellaa Israa'el gaafa Sambataa galgalaa warshaaleee boba'aa calalaniifi Teehiraan keessatti argaman irratti raawwatteen aarri jabaa samiitti ol bahe.

    Jiraataan tokko ''halkan guyyaatti waan jijjiirame fakkaata'' jedheera.

  4. Haleellaa Beerutitti raawwatteen namoonni afur du'an - Qondaalota

    Halkan edaa haleellaa Israa'el hoteelarratti raawwatteen namoonni afur du'anii kudhan madaa'uu ministeeri fayyaa Libaanos beeksiseera.

    Hoteelli kuni namoota kibba Libaanosii fi kibba Beerutiitii buqqa'an kan keessatti qubatan ture, akka gabaasa Rooyitarsitti.

    Haleellaan biraa raawwatuu mala jedhanii namoonni hoteela keessaa bahaa turan.

  5. Pirezidantiin Iraan maaliif dhiifama gaafatan?

    Pirezidantiin Iraan Masuud Pezekshiyaan Sanbat-duraa olloota Iraan irratti haleellaa Iraan raawwachaa turteef dhiifama gaafachuun taajjabdoota afaan qabachiisan.

    Biyyoota gidduutti dhiifama wal gaafachuun waan baramaa miti. Inumaa yeroo waraanaa. Jechoota fayyadamanuu of eeggatu. Biyyoonni gaabbii qaban illee ibsatu malee gaafatama fudhatanii dhiifama hin gaafatan.

  6. Israa'el loltoota Iraan Beerut jiran haleele jette

    Waraanni Israa'el ibsa baasen ''ajajoota ijoo'' Humna Egdota Warraaqsaa Islaamummaa Iraan Libaanos keessa jiran irratti ''haleellaa daanga'e'' raawwachuu beeksise.

    Humni Qudis biyyoota alaatti ergama Humnoota Eegdota Warraaqsa Islaamummaa Iraan raawwatu.

    Waraanni Israa'el ibsa jalqaba torban kana baaseen humnoota Libaanos keessa jiran yeroof ajajan ajjeesuu beeksisee ture.

    Waraanni Israa'el ibsa baaseen ''ajajoota bulchiinsa shororkeessaa Iraan lafa jiranitti ajjeesuu'' akka itti fuftu ibseera.

    Dhimma kanarratti gama Iraan wanti aangawoonni jedhan hin jiru.

    Sa'aatii muraasa durammoo waraanni Israa'el ''haleellaa marsaa biraa Beerut'' keessa eegaluu ibseera.

    Kunis, ''bu'uraalee Hezbollaa naannawa Daahiyeh'' jiran irratti akka xiyyeeffate beeksise.

  7. Iraan dhiifama gaafattuus haleellaan itti fufe

    Iraan biyyoota ollaashee hin haleelu jechuun ibsite. Haa ta'u garuu, biyyoota kanaaf haal duree tokko keessetti.

    Biyyoonni Baha Giddu Galeessaa buufata waraanaa USdhaaf kennan irraa haleellaan irratti hin gaggeeffamu taanan, isheenis akka isaan hin haleelle ibsite.

  8. Gamoo guddaa Kuweet keessatti argamu ibiddi liqimse

    Biyya Kuweet keessatti dirooniin waraanaa erga qollifame booda cabaan isaa qabeenya namoota nagaa mancaasuu waraanni Kuweet beeksise.

    Viidiyoon miidiyaa hawaasummaa gubbaa qoodame gamoon guddaa magaalaa Kuweet keessattii argamu yeroo labooba ibiddaan liqimsamu agarsiisa.

    Humni qilleensaa biyyattii ''qiyyaafannaa diinaa qilleensarra ergame qolachuu'' itti fufuu isaa dubbii himaan waraana biyyattii dubbatu waraanni biyyattii X gubbaa qoodeera.

    Lammiileef ergaa dhaamen ajaja qaamoleen nageenyaa dhaaman akka faana bu'an dubbataniiru.

  9. Ashamaa!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo guyyaa Dilbataa eegaleera.

    Waraana Giddugala Bahaa raasaa jiruufi dhimmoota biroo jala jalaan isin biraan geenya.

    Isinis asumaan WhatsApp, Facebook fi YouTube gubbaa nu hordofaa, nu faana bu'aa.

    Lafa nagaa oolaa!