Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Zeleniskiin Yukireen marii dhukaasa dhaabuutiif Puutin waliin wal arguuf qophiidha jedhe

Volodmiir Zeleniskiin Puutin mariif waamicha dhiyeessuun booda Raashiyaan waraana dhaabuuf yaaduun ishee ‘mallattoo gaariidha’ jedhe.

Guduunfaa

  • Putiin dhukaasa dhaabuun ni eegalama jechuu booda Raashiyaan misaa'elaan Yukireen haleelte
  • Raashiyaan haleellaa dirooniin booda buufatni xiyyaaraa Moskoo gutummaan cufamuu ibsite
  • Israa'el waraana Gaazaa babal'isuuf loltoota dabalataa waamte
  • Humni waraanaa Israa'el dhiibbaa cimsuu kan barbaadeef namoota Hamaas uggure baraaruuf akka ta'e hime
  • Netaaniyaahuun misaa'ela Huutii naannoo buufata xiyyaara Israa'el rukuteef deebii kennuuf dhaadatan
  • Israa'el marii Gaazaa irratti Kaataar 'gama lachuun taphachuu akka dhiiftu' gaafatte
  • Oduufi xiinxalaaf Chaanaalii WhatsApp fi Facebook BBC Afaan Oromoo
  • Tamsaasa kallattii kanaan duraa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Haleellaa Hindiin Paakistaanif Kaashimiir irratti raawwatte ilaalchisee waan beeknu

  2. Shaampiyoonsi Liigii: Arsenaal 2-1'n PSG'dhaan mo'amuu isaaf eenyuun abaare?

  3. Ministirri Sawudii muddamni Delhii fi Islaamabad gidduutti hammaannan Hinditti imalan

    Ministirri Dhimma Alaa Sawud Arabiyaa Adel al-Juuber muddamni Hindii fi Paakistaan daballaan Delhiitti imalan.

    Islaamabaadii fi Delhiin haleellaa walirratti bananiif quba wlaitti qabaa jiru.

    Hindi haleellaa qilleensarraa Paakistaanii fi Bulchiinsa Kaashmir Paakistaan jalatti bultu irratti banan.

    Hindi iddoowwan sagal tahan irratti xiyyeeffachuun akka haleellicha raawwatte himte. Paakistaan garuu bakka jahatu haleelame jette.

    Paakistaan xiyyaarota waraanaa Hindii shan akka haleeltee buustes himteetti.

    Minsitirri Dhimma Alaa Hindii S Jaashankaar ministira dhimma alaa Sawudii waliin marii bu'a qabeessa gaggeessuu himan.

    Mariin isaanii shororkeessummaa qolachuu irratti akka xiyyatu himaniiru.

    Ministirri Dhimma Alaa Iraan, Abbaas Aragchii akkasuma Hinditti imalaniiru.

  4. Du'arraa oolee taphataa Inter Miilaaniif seenaa hojjete-Acheerbii

    Tapha Baarseloonaa fi Inter Miilaan irratti galchii sadaffaa daqiiqaa dhumaatti kan lakkoofsise Firaansiiskoo Acheerbii dhibee kaanseriin yeroo lama qabamee fayyeera.

    Dhukkuba isaa hordofee mukuu guddaa [depression] keessa galee yaalamaa ture. Dabalataan yeroo hamaa sana keessa dhugaatii alkoolii baay'isuun araada hamaa keessa ture.

    Kileboota Xaaliyaanii kudhan tahaniif taphateera. Tapha kubba miilaa pirofeeshinaalaa kan jalqabe bara 2006 ture.

    Daqiiqaa 93ffaa irratti taphataan sarara ittisaa kun kutannoon fuula duratti dhufuun galchii Inter Miilaanitti lubbuu horte lakkoofsise.

    Acheerbiin yeroo jalqabaaf galchii shaampiyoonsi Liigii lakkoofsisuu isaati.

    Acheerbiin amma ganna 37 yoo tahu, bu'a bahii kana hunda keessa darbuun guyya injifannoo akkasiif gaha jedhee eenyutu eege?

  5. Paakistaan Hindiin haaloo akka baatu beeksifte

    Paakistaan haleellaa Hindiin booda chaartara UN keewwata 51 eeruun miga balaarraa of qolachuushee akka hojiirra oolchitu, Hindiin haaloo akka baatu ibsite.

    Waraanni biyyattii ibsa baaseen ''yeroo, bakkaafi haala ofii filatteen ajjeechaa namoota nagaa fi sarbama birmadummaa biyyaa irratti raawwate haaloo ni baati'' jedha.

    Tarkaanfii brbaachisaa fudhachuuf hayyam guutuu argachuus ibischi eereera.

    Ibis kun kan bahe Manni Maree Nageenyaa kan Ministira Muummee Shebaaz walitti qabamu walgahii gochuu booda.

    Ibsichi ''taatee yaaddessaan kun gocha waraanaa dabeessummaafi lafaa ka'uun Hindi raawwatteen qaqqabe jedheera.

    Waraanni Paakistaan weerara Hinidirraa aggaamame qolateera jedhe. Jeettiifi diroonii shan Hindi jalaa rukutee kuffisuus ibse.

  6. Haleellaa qilleensaa Hindiin 26 jalaa du'uu Paakistaan himatte, haaloo bahuuf dhaadatte

    Bulchiinsa Kaashmiir kan Hindiin bulutti haleellaa lubbuu namoota 10 olii galaafate hordofee, Hindi Paakistaanirratti haleellaa misaayelaa raawwatte. Haleellaa kanaa namootni 26 ta'an ajjeefamuun gabaafameera.

    Hindi buufataalee Paakistaaniifi bulchiinsa Kaashmiir kan Paakisataan jala jiru sagala irratti haleellaa misaayelaa raawwachuu beeksifteetti.

    Paakistaan iddoowwan jaha Hindiin haleelamuu amanuun ofiifis jeettiiwwan waraanaa Hindii shan rukuttee kuffisuu ibsite.Hindi waayee kaaa waan jette hin qabdu.

    Waraanni Hindii naanno daangaatti haleellaa humnoota Paakistaaniin namootni 10 ajjeefamuu ibseera.

    Paakistaan ammoo namootni 26 jalaa ajjeefamuufi 46 ammoo madaahuu ibsite.

    Biyyoota ollaa nikuleera hidhatan lamaan gidduu muddamni kan ji'a darbe bulchiinsa Kaashimiir Hindiin bulu keessa haleellaa hidhattootni raawwataniin tuuristootni Hindii ajjeefamuu isaaniiti.

    Hindi hidhattootni haleellicha raawwatan mootummaa Paakistaan waliin hariiroo qabu jetti.

  7. Putiin dhukaasa dhaabuun akka eegalamu erga labsanii sa'atiiwwan muraasa keessatti Raashiyaan Yukireen haleelte

    Haleellaa halkan keessa magaalaa guddoo Yukireen Kiiv irratti raawwateen namoonni lama yoo ajjeefaman, daa'imman afur dabalatee yoo xiqqaate namoonni ja'a madaa'aniiru.

    Halkan guutuu qilleensi Kiiv sagalee misaa'elaa akkaan nama rifaasisuun jeeqamaa bulte.

    Tajaajilli labsii yeroo hatattamaa Yukireen misaa'eloota dhukaafaman hedduu qilleensarratti fashalsuun sagalee garmalee akka nama hin hiraarsine gochuu ibse.

    Haleellaan Raashiyaa kun erga Putiin dhukaasa dhaabuun akka eegalamu ibsanii fi karoorri isaanii hojiirra ooluuf sa'atiiwwan muraasi hafanitti raawwate.

    Putiin guyyaa sadiif dhukaasa akka dhaaban kan ibsan yoo ta'u kunis yaadannoo guyyaa Waraanni Addunyaa Lammaffaan itti xumurame waliin akka walirra bu'u yaadameeti.

    Yukireen dhukaasa dhaabuu yeroo gabaabaa Putiin dhiheessan kana ni kuffifte. Kan guyyaa 30f turu malee jette.

    Pirezidantiin Yukireen Volodimiir Zeleniskii Raashiyaan dirooniiwwan 142 biyyasaaniirratti dhukaasuu ibsan.

    Haleellaa magaalaa Kiiv irratti raawwateen haadhi daa'imashee waliin ajjeefamuu himan.

    Haleellaan Raashiyaa kun tajaajiloota yeroo balaa tasaa kanneen magaalota akka Zaporizhzhia, Donetsk, Zhytomyr, Kherson, fi Dnipro keesatti argaman dabalatee hedduu mancaasuu ibsan Zeleniskiin.

    Haleellaa qilleensaa balaafamaa Raashiyaan raawwatte kana booda Zeleniksiin biyyoonni addunyaa tarkaanfii jabaa Raashiyaarratti akka fudhatan gaafataniiru.

    ''Daandii dippiloomaasii saaquu kan danda'u dhiibbaa cimaa fi qoqqobbii hedduu Raashiyaarra kaa'uu qofaani,'' jedhan.

    ''Moskoon gocha ishee kanaaf itti gaafatamuu qabdi.''

  8. Israa'el buufata xiyyaaraa Yaman Sana'aa jiru haleelte

    Waraanni Israa'el buufata xiyyaaraa Yaman Huutiidhaan to'atamu ''guutummaan guutuutti laamsheesseera'' jedhe.

    Haleellaan Kibxataa kuni xiyyaarota siviilii sadii, galma imaltoonni balalii itti eeggatan, lafa xiyyaarri balali'uuf irra konkolaatu akkasumas buufata waraanaa irratti kan qiyyafate ture jechuun maddeen garagaraa Rooyitarsitti himan.

    Huutiin yoo xiqqaate namoonni sadii ajjeefamuu himuun booda akka haaloo bahu dhaadateera.

    Guyyoota lamaan dura gareen hidhataa Huutii Iraaniin deeggaramu misaayelli Israa'elitti darbate naannoo buufata xiyyaaraa biyyattii bu'ee ture.

    Sababa kanaanis buufati xiyyaaraa yeroo gabaabaaf cufamee ture.

    Gaafa Wiixataa Israa'el buufata xiyyaaraa magaalaa Hudaaydaa keessa jirus haleeltee ture.

  9. Lammiilee Itoophiyaa harka hidhattoota Miyaanmaar jiran keessaa 41 biyyatti deebi'an

    Miyaanmaaritti kaampiiwwan yakka saayibarii keessaa bahanii harka hidhattoota biyyattii jala kan turan lammiileen 41 Itoophiyaatti deebi'aniiru.

    Ammas lammiilee Itoophiyaa 700 harka hidhattootaa jiran keessaa kanneen 300 tahan torbee lama keessaatti gara biyya isaanii deebi'u jedhame akka eegamu maddeen BBCtti himaniiru.

    Lammiileen Itoophiyaa kaampiiwwan yakki saayibarii keessatti dalagamu keessaa bahanii harka hidhattootaa kan galan Guraadhala darbe ture.

    Miidhamtoonni kunneen kaampiiwwan keessa turan keessaa bahanii gara biyya isaanii deebi'uu kan otoo hin dandahiin ture lammiilee Itoophiyaa qofa tahuu himuun biyyatti akka deebi'an gaafatanii ture.

    Lammiileen Itoophiyaa kunneen gara biyya isaaniitti deebi'uuf jalqaba gara biyya ollaa Taayilaand galuu qabu.

    Sababa kanaan miidhamtoonni gara biyya isaaniitti deebisuuf qindoominni mootummoota Itoophiyaa, Taayilaandiifi Miyaanmaar gaafata.

    Daldaaltonni hojii isini qacarsiifna jechuun lammiilee Itoophiyaa dabalatee kanneen biroos gara kaampiiwwaan intarneetii fayyadamuun yakki saayibarii itti dalagamu akka isaan geessan gabaasuun keenya ni yyadatama.

    Kana malee gareeleen yakkaa kunneen namoota achi dhaqatanirra miidhaa xiinsammuu fi qaamaa akka isaanirra gahan lammiileen Itoophiyaa himaniiru.

  10. Tiraamp nama US irraa 'eeyyamaa ofiin bahuuf' doolaara 1000 nan kenna jedhan

    Mootummaan Ameerikaa godaantonni seeraa alaa eeyyama ofiin US keessaa bahuuf yoo waliigalan doolaara 1000 kennuuf murteesse.

    ''Eeyyama ofiin biyyaa of baasuun karaa filatamaa, nageenyisaa eegameefi baasii xiqqaa qabu yoo tahu hidhamurraas nama hambisa,'' jedhan Hoggantuun Dhimma Nageenya Biyya Keessaa Kiristii Nooyem.

    Yaada kana namootiin fudhatan guyyaa tokko kara seeraan akka UStti deebi'an haalli isaaniif mijachuu danda'a jedhan Tiraamp.

    Pireezidantichi Amajji darbe gara waajiraatti erga deebi'anii godaansa seeraan alaa irratti tarkaanfii fudhataa kan jiran yoo tahu, tarkaanfiiwwan gariin seeraan gaafatamaa isaan gochaa jiru.

    Waajirri Dhimma Biyya Keessaa ''namni seeraan ala'' as jiru tokko kennaa jalqabaa fudhatee tikeetiin Chikaagoo irraa gara Hoonduraasitti geessu kennamuufiif jira jedhe bulchiinsi kuni.

    Sagantaan kuni appii fayyadamuun namni biyyasaatti deebi'uusaa mirkaneessa.

  11. Erga Huutiin buufata xiyyaaraa haleelee Israa'el qilleensarraan Yaman haleelte

    Humni waraanaa Israa'el iddoowwan Huutiin qabatee jiru haleeluun, haleellaa gareen kun buufata xiyyaaraa Ben Gurison irratti raawwate haaloo ba'uu ibse.

    Israa'el ulaa gargaarsi Huutiif seenu buufata Hudaydah akkasumas warshaa simintoo Bajil kan baha magaalaa Hudaydah keessatti argamu to'annoo Huutii jala jiran jechuun akka haleelte himteetti.

    Huutiin Yaman karoora Israa'el Gaazaa keessatti oppireeshinii waraanaa babal'isuuf qabattee itti adeemaa jirtu gufachiisuuf haleellaa misaa'elaa haaraa akka eegale ibsa.

    Kanaafis buufata xiyyaaraa Israa'el irratti xiyyeeffachuun imala qilleensaa biyyattii burjaajessuu akka barbaadu himeera.

    Haleellaa Israa'el Yaman irratti raawwatteen namoonni 21 madaa'uu kan ibse Huutiin, haleellaa kana ''US fi Israa'eltu walta'uun raawwatan,'' jedhe.

    US haleellaa kana keessaa harka qabaachuu haalteetti.

    Buufati Israa'el haleelte Galaana Diimaarratti buufata Adenitti aanee isa guddicha. Nyaati gara Yaman seenu dhibbeentaa 80 kan ta'u karaa buufata kanaa seena.

    Israa'el ammoo meeshaalee waraanaa Iraan geejjibsiisuun beekama jetti.

  12. Ruwaandaan godaantota Ameerikaa irraa deebifaman fudhachuuf US wajjin marii eegalte

    Ruwaandaan godaantota Ameerikaa irraa dirqamaan gara biyya isaanitti deebifaman simachuuf bulchiinsa Tiraamp waliin haasaa jalqabuu Ministirrii Ministeera Haajaa Alaa, biyyattii Oliivar Induuhuungiree dubbatan.

    Ministirri Hajaa Alaa Ameerikaa, Maarkoo Ruubiyoo baatii darbe ''biyyoota godaantota naamuusa hin qabne fudhatan barbaadaa jirra,'' jechuu isaaniin booda dha yaadni Ruwaandaa kuni kan dhagahame.

    Oliivar ''kuni nuuf haaraa miti'' Ruwaandaan kanaan duras godaantota UK irraa fudhachuuf waliigaltee ture jedhan.

    Haa tahu malee UK'n Adoolessa darbe yeroo Ministirri Mummee Keer Istaamar gara aangootti dhufan sagantaa godaantota biyyaa baasu hambisuun jijjiirama seeraa taasifateetti.

    Ministirichi Dilbata kaleessaa TV Ruwaandaa irratti dhiyaachuun yoo dubbatan mootummaan godaantota akka addunyaatti rakkoo keessa jiran ''carraa biraa'' kennuufi barbaada jedhan.

    Oliivar akka jedhanitti mariin Ameerikaa waliin taasisan itti fufe tahus reef sadarkaa jalqabbiirra waan jiruuf ''bu'aa'' marii kanaa tilmaamuun rakkisaa dha jedhan.

  13. Basaastonni Raashiyaa paarlaamaa UK irratti hirmaatan murtiin irratti darbe

    Lammiileen Bulgaariyaa sadii Raashiyaaf basaasan kan kanaan dura kora paarlaamaa UK masaraa Weestiministar seenuun hirmaatan balleessaan irratti murtaa'e.

    Orliin Rooseev, Biisar Zyaambaazoov, Kaatriin Ivaanoovaa Caamsaa bara 2016 kutaa koreen paarlaamaa waa'ee 'Brexit' haasa'u keessa seenuudhaan hirmaataa turan.

    Suuraan miidiyaa hawaasa irratti maxxanfamee fi BBC'n kan basaastota tahuusaanii saaxile namoonni kunneen, bakka buutota paartilee siyaasaa Awurooppaa akka ofiin jechaa turan mirkaneesseera.

    Dubbii himaan paarlaamaa, paarlaamichi kan uummataati garuu sakatta'insa 'jabaa' qaba ture jedhan.

    Namoonni Orliin Rooseev arganii turan nama yeroos suuraa ka'e akka tahe mirkaneessaniiru.

    Namoonni sadeen kunneen kora paarlaamaa irratti hirmaachuu BBC'n sakatta'insa taasiseen mirkaneessuu danda'eera.

    Yeroos dubartiin kora qopheessaa turte Baaronees Biraawun yeroo gaafatamtu waa'ee namoota kanaa ''waan yaadattu tokkollee akka hin jirre,'' himte.

    Dhimmi sirrii hin taane mudachuusaaf karaa qopheessitootaanis tahe kara hirmaattotaan waan himame hin jiru.

    Basaastonni kunneen Awurooppaa keessatti biyyoota diina Vilaadmiir Puutiin tahanitti odeeffannoo funaanaa akka turan.

    Namoonni UK keessa jiran kunneen torbee dhufu adabbiin itti murama.

  14. Mootummaan Keeniyaa kophee pirezidantiitti darbachuun ''qaaniidha'' jechuun balaaleffate

    Mootummaan Keeniyaa Dilbata kaleessaa osoo Pirezidant Wiiliyaam Ruutoo uummataaf ergaa dabarsaa jiranii kopheen itti darbatamuu ''akka gocha qaanessaatti,'' ibsuun balaaleffateera.

    Viidiyoo bal'inaan qoodamerratti wayita pirezidantichi kophee uummata keessaa itti darbatame qolachuun ofirra dabarsan mul'ata.

    Dubbi himaan mootummaa Isaak Mawuuraa gocha qaanessaa kana duuba namoonni jiran akka harka kennan akeekkachiisaniiru.

    Barreeffama X irrattiii maxxansan irratti osoo hundi keenya kophee walitti darbannee maaltu mudachuu mala? Duudhaa akkamii dhaloota kana dhaalchisaa jirra? jechuun gaafatan.

    Gabaasi miidiyaalee Keeniyaa taatee kanaan walqabatee namoonni sadi hidhamuu gabaasan, poolisiin garuu kana hin mirkaneessine.

    Taatee hanqinni nageenyaa jiraachuu calaqqisiise jedhame kana miseensonni paarlaamaa gariin qeeqaniru.

    Pirezidantichi osoo bulchiinsa lixa biyyattiitti argamtu- Migori keessatti uummataaf haasaa taasisaniiti kan kopheen itti darbatame.

    Aab Ruutoon naannawa kana guyyoota afuriif daawwataa turan, yeroo kana keessattis hojiiwwan misoomaa xumuraman eebbisiisaa kaan ammoo jalqabsiisaa turan.

    Kopheen gara pirezidantichaatti darbatamuu ilaalchisee yaadonni gamaa gamanaa hawaasaa keessaa ka'aa jiru.

    Kaan nama kabaja dhorkuudha jedhu, kaan ammoo aarii diinagdeeti jedhu.

  15. Dubartoonni Afrikaa molachaa jiru, maaliif?

    Shamarreen Afrikaa Kibbaa Bandil [maqaa ishee jijjirame] miidhagina goonfachuuf rifeensa ishee bifa [style] garaagaraan dhahachaa fi miidhaksaa turte.

    Waggoota dheeraaf rifeensa ishee shurrubbaa dhahachaa, filachaa fi laaffisaa kan turte shamarreen kun, akka rifeensi ishee laaffatee luuccaa fakkaatuuf keemikaalota garaagaraa fayyadamaa turteetti.

    Shamarreen ganna 31 kun modelii beekamtuudhas.

    Yeroo mana miidhagina rifeensaa deemtu rifeensa nam-tolchee ofirraa fuutee keemikaalotaan laaffisuun deebistee hojjetattee deemti.

    ''Rifeensa kootiin jiraadhee hin beeku,'' jetti.

    Haata'u malee, yeroo barnootaan sadarkaa lammaffaa turte rifeensi ishee akka irraa buqqa’aa jiru hubatte.

    Miidhaan kun jiraattota magaalaa Johaanisbergi qofaa irratti kan mul’atu miti.

    Akka qorannoo joornaalii medikaalaa dhimma kosmootiksii fi yaalii gogaatti dubartootni Afrikaa harka tokko sadaffaa tahan miidhaa akkasiif saaxilamu.

    Kanneen osoo rifeensa bareedaa qabanii kan nam-tolchee fayyadamuun rifeensa isaanii uumamaa irratti miidhaa geessisanis hin dhabaman.

  16. Poolisiin Biraaziil qophii muziqaa Leedii Gaaggaa irratti haleellaa boombii fashaleesse

    Biraaziil Riiyoo Dii Jeeneerootti poolisiin siviilii fi ministeerri haqaa waloon ta'un shakkamtoota boombii mana keessatti hojjatameen haleellaa raawwachuun miidiyaa hawaasaa irratti beekkamtii argachuuf yaadanii turan to'annoo jala galchuu ibsan.

    Poolisiin nama haleellaa kana karoorsee turee fi darggoo tokko to'achuu beeksiiseera.

    Gareen Waliiftuu Leedii Gaagaa waa'een haleellaa kanaa qophichaan booda ganama miidiyaa irraa dhagahu ibsan.

    Biraazil Riiyoo Dii Jeeneroo Kaapaakaabaa fi qarqara galaanaatti qophii muuziiqaa Leedii Gaagaa bilisaan hirmaachuuf namoonni miiliyoona lamaa oolii argamusaanii ibsameera.

    Poolisiin gareen haleellicha raawwachuuf yaadee ture kan daa'imman, gaheessootaa fi kanneen saalaa wal fakkaataa leellisan irratti haasaa jibbiinsaa tamsaasaa tureedha jedheera.

    Namni haleellicha qindeesseera jedhamuun to'annoo jala oolfame bulchiinsa kibba Riiyoo Giraandee Doo Sul keessatti dadabarsa meeshaa waraanaa seeraan alaa qabatee aragamuun to'atamee ture.

    Dargaggeessichi ammoo, Riiyootti fiilmii quunnamtii saalaa daa'imman keessatti mul'atan kuusuudhaan to'annoo poolisii jala oolfamee kan beekudha.

    Namoonni haleellicha raawwachuuf karoorsanis daa'imman oladeemoon akka finxaaleeyyii ta'aniif kakkaasuudhaan akkasumas ''miseensa garee tokko ta'usaanii ibsuu fi dargaggoota kaan kakaasuudhaa'' akka ofiisaanii miidhaniifi gochaawwan okkoraa irratti akka hirmaatan taasisuudhaan himataman.

    Dubbii himaan Leedii Gaagaa, gabaasaan La Za Hooloowuud, ''waa'ee haleellaa raawwatamuuf ture jedhamee kan dhageenyee Wiixata ganama miidiyaarraayi. QOphiichaan duras ta'e yeroo qophiitti gaggeeffamuutti yaaddoon nageenyaa beekamu omtu hin turre. Akkasumas Leedii Gaagaas ta'e poolisii akkasumas aanga'oota irraa dhimma haleellaa qaqamu maluurratti odeeffannoon nu gahe hin turre'' jedhan.

  17. Haarii Keen: Dursaa garee biyyaalessaa fi kilabootaa waancaa nyaachuuf waggaa 15 eege

    Gooliiwwan hedduu fi ga'umsa addaan baayyee kan jajame Haarii Keen garee biyyalessaa fi kilaboota keessa taphate waliin waancaa mo'achuu dhabuusaan qeeqamaa ture.

    Dursaan taphattoota garee Ingilaand kun dhihoo kana akkas jechuun waa'ee qeeqamuusaarratti yaada kennee ture.

    ''Ergan kubbaa eegalee namoonni na jala deemanii waa'ee waancaa dhabuu koo qofa dubbatan hedduudha. Amma muraasa isaanii afaan qabachiisuu wayya.''

    Haarii Keen kana kan dubbate wayita Baayer Muunik waancaa baranaa harkaan ga'achuu mirkaneeffachuutti dhihaatetti ture.

    Keen taphi RB Leepzhig waliin taphatan wayita xumuramu deeggartoota waliin gammachuusaa waggootaaf eegaa ture qooddachuuf qarqara irra ga'ee ture.

    Odeessa ispoortii kanarratti dabalataan dubbiifachuudhaaf asiin seenaa.

  18. Tiraamp manni hidhaa cimaan Alkaatraaz deebi'ee akka banamuuf ajajan

    Doonaald Tiraamp mootummaan isaanii mana hidhaa duraan maqaa gaarii hin qabneefi odola naannoo riqicha 'Golden Gate San Francisco'tti argamu Alkaatraaz akka deebisee banuufi babal'famuuf qajeelfama kennaa jiraachu himan.

    Tiraamp ergaa Dilbata kaleessaa marsariitii isaanii Tiruuz Sochaal jedhamurratti kennaniin, ''Ameerikaan yeroo dheeraaf yakkamtoota hamoo, jeequmsaa fi irra deddeebiin yakka raawwataniin rakkachaa turte jirti'' jedhan.

    Irra deebiin Alkaatraaz, kan yeroo tokko manneen hidhaa Ameerikaa ciccimoo ta'an keessaa tokko jedhamuun maqaa gaarii hin qabnee kun deebi'ee banamuunsaa ''mallattoo seeraa, sirnaafi haqaa'' ta'ee tajaajila jedhan.

    Dimookiraatonni adda duree ta'an ammoo yaadni dhihaate kun ''yaada dhugaa miti'' jedhan.

    Dhaabbanni nageenya olaanaan 'The Rock' jedhamuun beekamu kun bara 1963 keessa kan cufame yoo ta'u, yeroo ammaa kana akka iddoo hawwata turistii milkaa'aa ta'ee hojjechaa jira.

    "Har'a, Biiroon Manneen Sirreessaa, Ministeera Haqaa, FBI, akkasumas Nageenya Biyya keessaa waliin ta'uun, manni hidhaa 'ALCATRAZ' haalaan guddatee fi deebi'ee ijaarame deebi'ee akka banuuf qajeelfama kennaan jira," jechuun Tiraamp barreessaniiru.

    Manni hidhaa kunis "Yakkamtoota Ameerikaa gara laafina hin qabnee fi jeequmsa raawwatan kan itti hidhaman ta'a."

    Pirezidant Tiraamp imaammata miseensota wanbadeewwan jedhaman gara mana hidhaa El Saalvaador erguuf qaban irratti manneen murtii waliin walitti bu'aa turaniiru.

    Ji'a Bitooteessaa keessa garee miseensota wanbadeewwan Veenzuweelaa ta'un himame 200 ol ta'an garasitti ergeeera. Waa'ee "yakkamtoota biyya keessatti guddatan" gara manneen hidhaa biyya alaatti erguus dubbateera.

  19. Kaabineen nageenyaa Israa’el duula Gaazaa babal’isuuf karoorfame raggaasise

    Kaabineen nageenyaa Israa’el duula waraanaa Hamaas irratti babal’isuuf karoorse raggaasise. Kunis, Gaazaa qabachuu fi naannoo sana to'achhuu kan dabalatu ta’uun gabaafameera.

    Waraanni Israa’el tarkaanfii kanaaf qophaa’uuf jecha humnoota eeggataa kuma kudhaniin lakkaa’aman waamuudhaan, namoota Israa’el keessaa booji’amanii Gaazaa keessatti hafan gara biyyaatti fiduu fi Hamaas injifachuuf kaayyeffachuun “dhiibbaa taasisuu dabalaa jira” jedheera.

    Haata'u malee, karoorri kunis erga torbee dhufu pirezidantiin Yunaayitid Isteets Doonaald Tiraamp naannicha daawwatanii booda hojiirra kan oolu ta'uu ta'u gabaasni ni mul'isa.

    Akkasumas Kaabineen nageenyaa Israa'el kun, akka qajeelfamaatti, karoora geejjibaa fi raabsaa gargaarsa namoomaa karaa dhaabbilee dhuunfaa deebisee jalqabuuf qophaa’e raggaasisuun isaa gabaafameera.

    Kunis uggura ji’a lamaaf UN hanqina nyaataa fi dhiyeessii biroo hamaa uumeera jedhe kan dhaabuudha.

    Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii fi dhaabbileen gargaarsaa biroo yaadni dhihaate kun qajeeltoowwan bu’uuraa gargaarsa namoomaa kan cabsu ta’uu fi tumsa akka hin goone ibsaniiru.

  20. 'Godaantota Itoophiyaa torba galaanaatti darbatan'

    Mahammad Abdullaahii Mohaamud kan amma waggaa 35, yeroo bidiruudhaan Jibuutiirraa gara Yamaniitti imalee yoomu hin dagatu. Yeroo biyyaa bahu sanattis darggoo waggaa 20 keessaa ture.

    Innis akkuma namoota baayyee kan biyyasaa Somaaliyaadhaan godaaneef jireenya fooyya'aa barbaacha ture.

    Daandiin ittiin godaantoonni Afriikaa irraa gara Yamaniitti imalaniin kunis 'koridarii bahaa' ykn ''Eastern corridor'' kan beekamu yoo ta'u, innis addunyaarratti kan godaantoonni hedduun ittiin imalaniidha.

    Haata'u malee daandiin kun baayyee xiyyeeffannaa addunyaa hin kennamneef.

    Akkasumas daandiin kunis baayyee balaafamaa akka ta'e dubbata Mohaamud.

    ''Imala eegallee osoo daqiiqaa 30 hin guutuun ture kan bidiruun raafamu eegalte'' jedha. Gabasaa kanarratti bal'insaa dubbiifachuuf asiin seenuu dandeessu.