Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Itti gaafatamaan tika Eegdota Warraaqsa Islaamaa Iraan haleellaa US-Israa'eliin ajjeefaman

Haleellaa US-Israa'el gaggeessaniin itti gaafatamaan humnoota Eegdota Warraaqsaa Islaamaa Majiid Kadeemii ajjeefamuu Iraan beeksifte.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Itti gaafatamaan tika Humnoota Eegdota Warraaqsa Islaamaa haleellaa US-Israa'eliin ajjeefame

    Itti gaafatamaan tika Humnoota Eegdota Warraaqsa Islaamaa (IRGC) ajjeefamuu gareen kun ibsa baaseen beeksise.

    Miidiyaaleen Iraan ibsa Eegdota Warraaqsa Islaamaa irraa kenname jechuun akka gabaasanitti, iti gaafatamaan tika garichaa Maajiid Kadeemii haleellaa Israa'elifi US har'a ganama gaggeessaniin ajjeefame.

    Maajiid Kadeemii itti gaafatamaa tikaa duraanii kan yeroo waraana guyyaa 12 Israa'eliifi Iraan wal-lolan haleellaa Israa'eliin ajjeefame Mohaammad Kaazeemii bakka bu'uun ture kan muudame.

    Mormii uummataa Guraandhala darbe Iraan keessatti dhohee namoonni nagaan heddu itti ajjeefaman irratti, Majiid Kadeemii mormichi akka ka'u kan godhe US jechuun, keessumaa Doonaald Tiraamp cimsee qeeqaa ture.

    Mormii sanarratti tajaajilawwan tikaa biyoota 10 kudhanii ol harka keessaa qabaachuus ibsaa ture.

  2. Daawwadhaa: Halkan Ayyaana Faasikaa haleellaan Beerutiin yeroo raasetti

  3. Waa'ee oppireeshinii paayileetotaa fi jeettii waraana Ameerikaa Iraan keessatti kufee baraaruu waan beeknu

    Ameerikaan hojjetaa xiyyaara waraanaa F-15 Jimaata darbe Kibba Iraanitti rukutamee barbaaddee argateetti.

    Pirezidaant Doonaald Tiraamp Dilbata har'aa miidiyaa hawwaasaa irratti ''Oppireeshinii gootummaa addaa'' gaggeeffameen hojjetaan kun lubbuun argamuu himan.

    ''Ofiserichi ooleera. Haala gaarii irratti argama'' jedhe.

    Yeroo xiyyaarri waraanaa Ameerikaa kun rukutamu paayileetii dabalatee nama lamatu irra ture. Lameen isaaniiyyuu xiyyaaricha keessaa of darbuun bahaniiru.

    Paayileetichi humna waraanaa Ameerikaan barbaadamee argamuun ooleera. Hojjetaa lammaffaan ergasii oppireeshinii guddaa gaggeessuun argamuu US ibsite.

    Xiyyaaricha humna ittisaa qilleensaashee Iraan akka haleele biyyattiin ibsiteeti.

  4. Daawwadhaa: Helekooptaroonni US 'Black Hawk' Iraan keessatti yeroo itti dhukaafame

  5. USfi Israa'el gaggeessitoota Iraan jajjaboo heddu erga ajjeesanii, Tiraamp eenyu waliin mariyachuu danda'u?

    Humni waraanaa Israa'el ajaja olii kennamu osoo hin eegin qondaalota olaanoo Iraan kamirratiyyuu haleellaa akka raawwatu ministiirri ittisaa biyyattii Israa'el Kaatz ibsan.

    Waraanni Israa'el osoo hayyama qaama olaanaa irraa hin gaafatin qondaalota Iraan bakka argetti akka ajjeesuuf hayyama kan argate itti gaafatamaan nageenya biyyaalessaa Iraan Alii Laarijaaniifi Ministiirri tikaa Iraan Ismaa'eel Kaatiib haleellaa Israa'eliin ajjeefamuu hordofeeti.

    "Minitiirri Muummee Beeniyaamiin Netaaniyaahufi ani Humni Waraanaa Israa'el qondaalota olaanoo Iraan kamiyyuu [hayyama keenya osoo hin eegin] akka ajjeesan ajaja kennineerra," jedhan Israa'el Kaatz.

    Ofii qondaalonni Iraan ajjeefaman siyaasa Iraan keessatti hagam murteessoo turan? Amma eenyutu olaantummaan Iraan gaggeessaa jira? Caasaan gaggeessummaa siyaasa biyyattii hoo maal fakkaata?

  6. Daawwadhaa: Dhaabbanni boba'aa Baahireen yeroo Iraaniin haleelametti waan ture

  7. Tiraamp akeekkachiisa cimaa sa'aatii 48 Iraaniif kennuu hordofee gatiin boba'aa kan duraa caalaa dabale

    Doonaald Tiraamp Iraan Ulaa Hormuuz akka bantuuf sa'aatii 48 qabdi jedhee dubbii "arransoo safuu cabseen" akeekkachiisuu hordofee, gatiin boba'aa addunyaa dabaleera.

    USfi Iraan gidduu yaaliin marii torbanoota darban taasifamaa turuu hordofee gatiin bobaba'aa hamma tokko gadi bu'ullee, akeekkachiisa Tiraamp kaleessa kenne hordofee gatiin boba'aa barmeelli tokko dolaara 110 galeera.

    Iraan Ulaa Hormuuz irratti dooniwwan daldalaa haleeluu hin dhiistu taanan, US buufataalee humna ibsaafi riqichawwan Iraan akka haleeltu Tiraamp kaleessa ergaa fuula miidiyaa hawaasaa dhuunfaasaa Truth irratti barreessee ture.

    Iraanis akeekkachiisa Tiraamp kanaaf deebii cimaa kenniteetti. US haleellaa buufataalee siviliirratti gaggeessiti taanan, Tehraanis buufataalee sivilii Baha Giddugalaa haleeluun haaloo akka baatu akeekkachiisfte.

    Biyyoonni lamaan bifa haaraan walitti dhaadachuun gatiin boba'aa addunyaa akka dabalu taasiseera.

  8. Daawwadhaa: Haleellaan qilleensarraa riqicha guddaa Iraan kan Teehraan fi Karaaj walqunnamsiisu mancaasetti

  9. Daawwadhaa: Bu'uuraalee boba'aa Kuweet haleelamee booda yeroo gubachaa jiru

  10. Ameerikaan 'mootummaa jijjiirre' jettus Iraan ammallee bayyanachaa jirti

    Ibsi Donaald Tiraamp Roobii galgala dhimma waraana Iraan irratti kenne olaantummaa agarsiisuuf kan kaayyefate tahus, yaada walii faallaa ta'e qabaahuus saaxileera.

    Pireezidantiin Ameerikaa humni galaanaa, qilleensaafi misaayelaa, akkasumas bu'uurri misoomaa nukilaaraa Iraan akkaan barbadaa'uu himuun waraanni goolabamuu jalatti akka dhiyaachaa jiru ibse.

    Haatahu malee, Tiraamp torbanoota dhufanitti haleellaan akka jabaatus himeera.

    Ergaan dabarse maal akka himuu barbaadu baruun rakkisaadha: Injifannoon labsameera garuu wabiin hin jiru fakkaata.

    Dhimma kana waan jabeessu biraas dubbateera, Iraan boombiin haleeluun ''akka isaan bakka isaaniitti deebi'an, bara dhakaatti akka galan goona,'' jedha.

    Dubbiin kuni Iraan keessatti dhimma qabatamaan dhiibbaa uumu yoo tahu miidiyaa hawaasaa irratti ammoo mormitoota mootummaa Iraan Tiraamp jijjiirama fida jedhanii amananillee dheekkamsiiseera.Waan Tiraamp jedhu maali, haalli qabatamaa Iraan hoo?

  11. Tiraamp arrabsoo 'fokkisaadhaan' Iraanitti dhaadate

    Doonaald Tiraamp arbbasoo 'fokkisaadhaan' Iraanitti dhaadate. Iraan Ulaa Hormuuz hin bantu taanan, buufataalee anniisaafi riqicha ishee haleeluuf itti dhaadateera.

    Kanaaf ammoo sa'aatii 48 Iraaniif kenneera.

    Sa'aatiin 48 Tiraampif kenne Kibxata, Ebla 7, xumurama. Iraan garuu akeekkachiisa Tiraamp kanaaf gurra waan kennite hin fakkaattu.

    US buufataalee anniisafi riqichawwan Iraan haleelti taanana, Iraanis buufataalee sivilii [Baha Giddugalaa] keessa jiran haleeluun haaloo akka baatu ibsiteetti.

    Tiraamp Ulaa Hormuuz akka banamuuf akeekkachiisa kennuunsaa kan jalqabaa miti. Kanan duras akeekkachiisa wal-fakkaataa erga kenneen booda, Iraan mariyataa jirti jechuun guyyoota kudhaniif dheeressuu himee ture.

    Kaleessa miiidiyaa US kan ta'e Fox News waliin turtii taasiseen, haleellaan kun osoo hin jalqabin dura Iraan carraa mariyachuu akka qabdu ibse.

  12. ASHAMAA!

    Toora oduu kallattiin isin biraan ittiin geenyu kan har'aa jalqabneerra.

    Tiraamp 'arrabsoo fokkisaadhaan' Iraanitti dhaadate. Iraanis tarkaanfii haaloo bahuu cimaa akka fudhattu akeekkachiifte.

    Odeessa biyya keessafi idiladdunyaa isin biraan geenyu karaa toora Marsaritii, YouTube, Whatsapp, fi Facebook keenya hordofuu dandeessu.

    Dhiyaadhaa!