Dursaan taphattoota Liiverpuul Virjil Vaan Daayik 3-0 erga Nootingihaamiin mo’amanii yaada kenne.
"Galchii sasalphaa baay’ee nurratti lakkoofsisan. Kubba dhaabbate irraa haleeluun galchii nurratti lakkaa’amedha.
Wal’aansoo qabnee xiiqiin taphachuu irratti dadhaboo turre.
Callisneema ariifataa turre malee xiiqii fi ciminaan taphachaa hin turre.
Amma haala ulfaataa keessa jirra.
Erga galchii jalqabaa nurratti lakkaa’amee miira keessa galleerra. Tasgabbiin hin jiru. Isa dura gaarii ture.
Yeroo haala ulfaataa keessa galchu dhala namaa waan taaneef waanuma hundumaa ariifannee dhaqabsiisuuf taphataa turre.
Kanatu tasgabbii nu dhowwate.
Amma waan kana keessaa waan odeessinee baanu miti. Hojii cimaa gaafata. Isa irratti xiyyeeffachuudha.
Rakkoodha. Taphataan hundi garee kana keessa jiru itti gaafatamummaa fudhachuu qaba. Kubbi miilaa dhimma gareeti.
Kanaaf hunduu of ilaaluu qaba.
Kana garaatti qabannee ciniinnannee hojjechuu qabna. Abdii kutannaa malee jabaannee dhaabbachuu qabna.
Hundi keenyayyuu gaddineerra.
Akkasumas tahuu qaba. Sababni isaas dirree keenya irratti Nootingihaamiin mo’amuun gurrumakoofuu dhagahuun waan gaarii miti.
Waan xinnoo ani jechuu danda’u kanuma. Galchii isaan lakkoofsisan hunduu salphaafi kan deebisuun danda’amu ture.
Kanaafidha hundi keenyayyuu osoo ilaaltuu keessatti maalan ture jennee akka of ilaallu kanan barbaadu.
Ani kileba kana keessa yeroo dheeraa tureera.
Yeroo haala ulfaataa akkasii keessa gallu mo’annee bahaa turre. Har’a garuu hin dandeenye.
Ammas jabaannee deebi’uu qabna. Deeggartoonni dirree dhiisanii bahuu isaanii waanan godhu hin qabu.
Yeroo dhiphinaa hedduu nu waliin dhaabatanii ture jechuun taphaan booda yaada isaa kenne.