Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Mariin US fi Iraan Paakistaanitti gaggeessaa turan waliigaltee malee xumurame

Pirezidantiin ittaanaa US JD Vaans, mariin nagaa US fi Iraan magaalaa Paakistaan, Islaamaabaaditti gaggeessaa turan waliigaltee malee xumuramuu hime.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Aanga'oonni Libaanosiifi Israa'el Kibxata dhuftu UStti walarguufi

    Ambaasaaddaroonni Israa'eliifi Libaanoos US jiran dubbii yeroo jalqabaaf bilbilaan godhaniin dhukaasa dhaabuu labsuufi marii nagaa kallattii eegaluuf akka walargan beeksisan.

    Waajirri Pireezidantii Libaanoos Ambaasaaddaroonni lamaan Kibxata walargauuf waliigaluusaanii beeksiseera. Qondaalli waajira Pirezidantii tokko mariin kan gaggeeffamu yoo dhukaasni dhaabate akka ta'e himeera.

    Waashingitanitti ambaasaaddarr Israa'el marii nagaa idileen Libaanos waliin ni gaggeeffama jechuun mirkaneesseera. Haata'u malee israa'el Hezbollaa waliin dhukaasa dhaabuurratti walii hin galtu jedhe.

    Ministirri Muummee Israa'el Beenjamiin Netaaniyaahuu ''gaaffii irra deddeebii mootummaa Libaanos irraa dhiyaate'' bu'uura godhachuun mariin kun akka jalqabu hayyamuun gabaafameera.

    Dhimmi Libaanos dhukaasa dhaabuu Iraaniifi US irratti waliigalan keessa jiraachuufi dhiisuun falmiifi muddama kaasee ture.

    Mariin kallattii Israa'eliifi Libaanos gidduu amma dura gaggeeffaman hedduu milkaahoo hin turre. Qaamoleen lamaan karaa qaama sadaffaa walitti dubbatu.

  2. Iraaniifi US faara gaariin gara marii akka seenan Gutareez waamicha dhiyeessan

    Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutareez marii nagaa Paakistanitti qophaayeef dinqisiifannaa qaban himanii, qaamoleen lamaanuu ''faara gaariin'' akka dhiyaatan gaafatan.

    Ibsa guyyaa Jimaataa miidiyaaleef kenname irratti dubbii himaan Gutareez Isteefan Dujaariik carraa dippiloomasii kana qaamoleen lamaan akka gaariitti akka itti dhimma bahan waamicha dhiyeesseera'' jedhe.

    Dabaluunis waliigaltee waaraa fi hunda hammataarra akka gahan, galmisaas muddama kan tasgabbeessuufi waraanni akka hin deebine godhu ta'uu qaba jedhe.

    Marii malee karaa biraan dhibdeen itti furamu hin jiru jedheera.

    Ergamaan addaa Gutaares yaalii dippiloomasii kana deeggaruuf naannicha jiraachuun gabaafameera.

  3. Aanga'aan Iraan mariif Islaamaabaad jiru, 'faara gaarii qabaannus amantaa garuu hin qabnu' jedhe

    Mariin nagaa Iraaniifi US gidduutti Paakistaanitti gaggeefamu har'a jalqabuu dura garas kan imale bakka bu'aan Iraan mariif faara gaarii qabaatanis amantaa garuu akka hin qabne dubbate.

    Jila marii nagaa Iraan kan dursu af-yaa'iin Paarlaamaa Iraa Mohaammad Bageer Gaaliibaaf Islaamaabaad galuu booda yaada kenneera.

    ''Faara gaarii qabna garuummoo amantaa hin qabnu'' jedhe.

    Muuxannoon marii nagaa amma dura Ameerikaa waliin qabaanne hanqinootaafi waadaa cabsuun kan. guutameedha'' jechuunis dubbate.

    Guyyaa kaleessaa Pirezidant Tiraamp tarii mariin kun yoo milkaahuu baateef lola hamaatti galuuf dooniisaaniitti meesha waraanaa fe'aa jiraachuu dubbateera.

    Pirezidantii itti aanaan JD Vaansi ammoo Iraan UStti akka hin qoosne akeekkachiise.

  4. 'Dooniiwwan keenyatti meeshaa waraanaa fe'aa jirra'- Tiraamp

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp tarii mariin Islaamaabaad yoo milkaahuu baateef jedhanii dooniiwwan isaaniitti meeshaalee waraanaa ''qabna jedhe'' fe'aa jiraachuu dubbate.

    Jimaata har'aa yaada bilbilaan New York Post jedhamuuf kenneen hiree marii kanaa sa'aatiiwwan 24 dhufan keessatti barra'' jechuu barruun kun gabaase.

    ''Meeshaalee waraanaa jiru jedhaman, kan yeroo isaan burkuteessine fayyadamne caalan dooniiwwanitti fe'aa jirra'' jedhe Tiraamp.

    ''Yoo waliigalteerra gahuu baanne, itti fayyadaman. Akka gaariitti itti fayyadaman.''

    Waayee ejjennoo Iraan gaafatamee deebii kenneen ''warri Iraan kan dubbatan dhugaa ta'uufi dhiisuu baruun hin danda'amu'' jedhe.

    Mariin Iraaniifi US gidduutti gaggeeffamu Sambata boruu Islaamaabaaditti gaggeeffama.

    Yaada Truth Social gubbaa kaaheen ammoo ''sababni warri Iraan lubbuun jiraaniif marii gaggeessuufi'' jedhe.

    Amma Iraan of harkaa kaardii ittiin dhiibbaa gootu hin qabduu jechuun ''sababni takkittiin lubbuun jiraniif marii kanaafi'' jedhe.

  5. Gareen kun Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa akka injifatu 'amantaa guddaan qaba'- Mikeel Arteettaa

    Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaa gareensaa bara kana yeroo duraaf waancaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa injifachuu akka danda'u amantaa guddaa qabaachuu hime.

    Amantaa ''baayyee guddaa. Sababnisaas garee kana guyyaa guyyaanin argaa jira. Hunda dura akka kilabaattis akka gareettis humna qabnuudha-fedhii injifachuuf jiru. Hiree nu fuuldura jiru hubanneerra, Milkeessuudhaaf waan dandeenyu ni goona'' jedhe.

    Morkii nuusa xumuraa marsaa jalqabaa boodas Arsenaal Shaampiyoonaa Awurooppaa ta'uuf tilmaama jalqabaa akka qabu tilmaamni Opta Super Computer ni agarsiisa.

    Arsenaal morkii Piriimiyeer Liigii qabxii sagaliin dursaa jira. Sambata boruu dirree ofiitti Boornimaz keessummeessa.

    Arteettaan taphni kun ''baayyee guddaadha'' jedhe. Deeggartootaan ''ganamaan ka'aa, ciree keessan ganamaan nyaadhaa, laaqana keessan qabaadhaa yeroon argamaa'' jedhe.

  6. Waa'ee dooniiwwan Ulaa Hormuuz keessa darbaa jiranii maal beekna?

    Dhukaasa dhaabuun Ameerikaafi Iraan Kibxata labsamuun booda dooniiwwan Ulaa Hormuuz keessa bilisaan akka darban eeyyamuun qaama waliigalteeti.

    Haa tahu malee qabatamaan kuni tahaa hin jiru, Iraan eeyyamashee malee doonii bishaan kanarra darbu nan haleela jetteetti.

    Erga waliigalteen dhukaasa dhaabuu labsamee as waa'ee dooniiwwan ulaa kana keessa darbanii hangam beekna?

    Akka odeeffannoo sochii galaanarraa to'atu 'MarineTraffic' jedhutti dooniiwwan 18 Kibxataa as Ulaa Hormuuz keessa darbuu himeera. Gaafa Roobii afur, gaafa Kamisaa 10, Jimaata har'aa ammoo afur darbuu beeksisaniiru.

    Dooniiwwan ulaa kana keessa darban keessaa afur taankaroota boba'aa kan fe'an yoo tahu alaabaa Iraan ofirraa qabu.

    Dooniiwwan sadii ammoo boba'aa kan fe'an yoo tahu kanaan dura Ameerikaadhaan qoqqobbiin irra kaa'ameera.

    Tokko ammoo alaabaa Raashiyaa kan qabuufi US bara 2025 qoqqobbii kan irra keesse dha.

    Yeroo baayyee doonii tokko eenyu akka dhuunfatu ifatti hin beekamu.

    Garuu odeeffannoo amma argameen dooniiwwan Hindii, kan dhaabota Chaayinaa keessatti hojjetanii akkasumas sadii biroon ammaoo kan dhaabota Giriikiiti.

    Kaan lamaan ammoo abbaan isaan dhuunfatu ammaaf hin beekamne.

  7. Gara Islaamabaad kan qajeele Vaans waan Iraanirraa eegu dubbate

    Pirezidantii itti aanaan US JD Vaans marii Iraan waliin godhamuuf wayita gara Islaamaabaad imaluuf xiyyaara Air Force Two koruuf jedhu waan maricharraa eegauu miidiyaaleetti himeera.

    ''Marii qajeelaa ta'a jedheen abdadha'' kan jedhe Vaans ''warri Iraan faara gaariin yoo dhiyaatan US harka bal'istee simatti'' jedhe. Yoo US tti qoosuu yaalti ta'e garuu fudhatama hin argattu jedhe.

    Pireezidant Tiraamp haala mariirratti qajeelfama itti kennee akka jirus dubbate.

    Mariin Iraaniifi US kun magaalaa guddoo Paakistaan Islaamaabaad keessatti gaggeeffama. Samabata kana eegalas jedhamee eegama.

    Vaans waliin ergamaan addaa US kan Baha Giddugaleessaa Istiiv Wiitkoofi akkasumas Jareed Kuushiner ni imalu. Jilli Iraan ammallee akka hin qubanne Islaamaabaad beeksifteetti.

  8. Magaalaan guddoo Paakistaan, Islaamaabaad bakka buutota Iraaniifi Ameerikaa eegaa jirti

    Dubbii himaan poolisii Islaamaabaad bakka buutonni biyyoota lameenii sa'atii muraasa keessatti akka qaqqaban himus eenyu sa'atii meeqatti akka gahu hin dubbanne.

    Naannoon gamoowwan mootummaa baayyeen jiran funyoo sibilaan cufamee jira.

    Daandiiwwaniifi keellaawwan magaalattii garagaraa irratti sakatta'inisi adeemsifamaa jira.

    Poolisii, humna waraanaafi humnooti addaa nagaa eegsisaa kan jiran yoo tahu gaazexeessitoonni idil-addunyaas biyyattii seenaa jiru.

    Haa tahu malee ammayyuu bakka buutonni biyyoota lameenii Islaamaabaad qaqqabuu isaaniif waanti mirkanaa'e hin jiru.

    Kaleessa Paakistaanitti ambaasaaddarri Iraan bakka buutonni biyyattii eda akka qaqqaban miidiyaa hawaasaa irratti himuun booda deebisanii haqaniiru.

    Paakistaanis gabatee yeroo ifatti beeksistee hin qabu, Waayit Haawus garuu mariin Sambata akka adeemsifamuufi Islaamaabaad eegaa akk jirtu beeksiseera.

  9. Haati warraa riqicharraa utaaltee duunaan abbaan warraa hidhame

    Dubartiin Kiimbarlii Miilnee jedhamtu riqicha daandii konkolaataa irraa utaaltee duunaan abbaan warraa hidhaa waggaa saddeetiin adabame.

    Dubartiin ganna 28tti iddoo Dundii jedhamutti ture bara 2023tti yeroo riqicharraa utaaltu konkolaattota irratti kuftee kan duute.

    Lii Miilnee nama ganna 40 murtoo gareelee hawaasaa irraa kennameen ajjeechaafi haleellaa mana keessaan baleessaa dha jedhameera.

    Himannaa UK Iskootilaanditti banameen dubartiin kuni riqicharraa ofii utaaltus, abbaan warraashee du'asheef balleessaa dha jedhameera.

    Akka poolisiin jedhutti Kiimbarliin ''akkaan raatoftee ture'' gochaan raawwatees abbaa warraasheerraa baqachuuf jetteeti jedhe.

    Abbootiin alangaa Kiimbarliin otoo hin du'iin dura harka abbaa warraashee irratti baatii 18f haleellaan irra gahaa ture jedhan.

    Ishee hudhuu, rifeensashee ciruu, reebicha, itti dheekkamuufi arrabsoon fa'a irra gahaa ture.

    Namni kuni hidhaa isaa xumuree erga gadhiifameen boodas waggaa sadii dabalataaf ni hordofama.

  10. Paakistaan qophiitti jirti, mariin nagaa kun garuu itti fufaafi ni dhiisaa wanni beekamu hin jiru

    Paakistaan qophiitti jirti, mariin nagaa kun garuu itti fufaa fi kaan wanni beekamu hin jiru.

    Mariin nagaa US fi Iraan qondaalota olaanoon durfamu, kan yaaddoo olaanaanis guutame Islaamaabaad qopheessitu Sanbat-duraa taa'amuuf jiraa?

    "Lakkii hanga ammaa hin goolabamne" jedhe qondaalli olaanaan ministeera dhimma alaa Tehraan Jimaata ganama yoo gaafannetti.

    Gabaasaaleen kaleessa bahan, kan jilli Iraan Paakistaan gahe jedhus haalamaniiru. Maxxansi tokkos miiidyaa hawaasummaarraaa haqameera.

    Garuu, qophiin jabaan Paakistaan keessatti godhamaa jira, kunneen mariin kun akkuma karoorfame akka raawwatamuuf jiru mirkaneessu.

    Miidiyaan Iraan Tasnim news agency, kan Eegdota Warraaqsa Islaamaatti dhiyoo ta'e, kaleessa akka gabaasetti Libaanos keessaa dhukaasi waan hin dhaabbatiniif mariin kun tursiifamuu gabaase.

    Itti aanaan ministeera dhimma alaa Iraan, Sa'iid Kaatibzaadeh, waan jira BBC Today'tti dubbateera.

    Tooftaa marii balaafamaa ta'uu mala garuu Iraan filannoo qormaataan guutametu ishee eeggata- michuu ishee jabduudhaan wal dhabuu, ykn dippilomasii murteessaa balaarra buusuu?

    Akkuma mariin dhukaasa dhaabuu haala muddaa fi daqiiqaa dhumaarratti murtoo argate, mariin nagaa kunis akkasuma fakkaata.

  11. Eegumsi cimeera, karaan cuccufame: Marii nagaa US fi Iraaniif Paakistaan qophiitti jirti

    Paakistaan marii nagaa Iraanii fi US qopheessaa jirtuuf qophaawaaa jirti. Jila gareewwan Iraanii fi US marii sanbattan kanaa simachuuf shir jechaa jirti.

    Biyyattiin jaarsummaan biyyoota lamaan walitti fiduu keessatti qooda ijoo bahatte. Torbaan lamaaf dhukaasa dhaabuuf waliigalaniiru biyyoonni lamaan.

    Suuraawwan bahan akka agarsiisanitti magaalaa guddoo biyyattii Islaamaabaad kan teessoo waajjiraalee mootummaa fi maandhee imbasiiwwanii taate keessatti eegumsa jabaateera. Daandiiwwan cuccufamanii jiraachuu gabaasaan BBC kan Paakistaan gabaaseera.

    Oduu kana waliin walqabatan biroof:

  12. Israa'el fi Hezboollaan wal haleelaa bulan, Tiraamp Ulaa Hormuuz irratti Iraan qeeqaa jira

    Israa’el meeshaa Hezboollaan ittiin rookkeetti dhukaasu rukkutuu yoo ibsitu, gareen hidhataa Libaanos keessa maadhefate kun ammoo deebii isaa Israa’el keessatti bakka baayyeerratti xiyyeeffachuun haleellaa gaggeesseera.

    Waraanna Israa’el fi Hezboollaa akkuma itti fufee jiruun, Libaanos dhukaasa dhaabuu Ameerikaa fi Iraan gidduutti irra ga’amee ammallee amansiisaa hin ta’iin jiru keessatti hiree qabaachuun qaba jechuun falmaa jirti. Kun ammoo marii nagaa Ameerikaa fi Iraan gidduutti dhume-torbee kana beellamame dursee muddamni akka hammaatu godheera.

    Kamisa, ministirri muummee Israa’el Benjaamiin Netaaniyaahuu, Israa’el “Hizboollaa humnaan haleeluu” itti fufti jechuun “Libaanos keessatti dhukaasa dhaabuun akka hin jirre” dubbate.

    Kun osoo kanaan jiruu, Pirezidant Doonaald Tiraamp akkaataa Iraan Ulaa Hormuuz itti qabataa jiru sirrii miti jechuun qeeqaa jira. Ulaa Hormuuz banaa gochuun ammoo dhimmoota ijoo waliigaltee dhukaasa dhaabuu keessaa isa ijoodha.

    Tiraamp fuula miidiyaa hawaasaa isaa Truth Social irratti wal walitti aansuun, Iraan ula abishaaii kana sirreessitee gaggeessuurratti “ hojii baayyee dadhabaa” jirti jechuun karaa boba’aan addunyaa %20 ta’u keessa darbu kana keessa “dooniiwwan darban akka hin kaffalchiifneef” akeekkachiiseera.

    Odeeffannoo biroo kana waliin walqabatan: