Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Misaa'elaafi diroonii Iraan itti dhukaafte Turkii, Kataar fi UAE'n qolatan

Iraan hogganaa haaraa jalatti misaa'elaa dhukaasuu itti fufteetti. Turkii, Kataar fi UAE'n misaa'elaafi diroonii waraanaa itti dhukaafame qolachuu beeksisaniiru.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Chaayinaan waraana Iraan jaarsummaan goolabuuf ergamaashee Sa'úd Arabiyaatti ergite

    Baha Giddugalaatti ergamaa addaa Chaayinaa kan ta'an Chaayi Juun waraana US-Israa'eliifi Iraan jaarsummaan xumuruu kaayyeffachuun gara Saawduii Arabiyaa imaluu gabaafame.

    Chaayinaan michuu Saawdii Arabiyaati kan jedhan qondaalli kun Riyaad waliin ta'uun naannoo galoo galaanaatti nagaafi tasgabbii deebisuuf cimanii akka tattaafatan dubbatan.

    Chaayi Riyaaditti Ministira Haajaa Alaa Saawdii Faayisaal biin Farhaan Al Saa'uud akkasumas Barreessaa Olaanaa Mana Maree Waldeeggarsa Galoo galaanaa(Gulf Cooperation Council (GCC) Jaaseem al-Budaawii waliin mariyataniiru.

    Chaayi marii mootii Fayisaal waliin godhaniin waraana naannichatti adeemaa jiruun yaaddahuu ibsaniiru.

    ''Birmadummaan, tasgabbiifi tokkummaan daangaa biyyoota galoo galaanaa sarbamuu hin qabu'' jechuunis dubbataniiru. Haleellaa namoota nagaarratti xiyyeeffatefi iddoowwan sochii waraanaaf hin oollerratti haleellaa raawwatus balaaleffataniiru.

    Chaayi waamicha Chaayinaa ''oppireeshiniin waraanaa atattamaan haadhaabatu'' jedhu dhageessisaniiru.

  2. Daawwadhaa: Deeggartoonni mootummaa Iraan yeroo hogganaan waliigalaa haaraa muudame labsametti gammachuu ibsatan

  3. Iraan gaggeessaa haaraa jalatti misaa’ela jalqabaa Israa’elitti dhukaaste

    Iraan gaggeessaa waliigalaa haaraa muudatte, Mojtaabaa Kameenii, jalatti yeroo jalqabaaf misaa’eloota wal walirratti Israa’elitti dhukaasuu miidiyaan mootummaa IRIB chaanaalii Telegraamii isaarratti baase.

    Maxxansi kun suura misaa’ela fuguggifamee dhaadannoo “Tajaajila keetiin, Sayyid Mojtaabaa,” jedhu qabateera.

  4. Tiraamp waraana Iraan xumuruuf Netaaniyaahuu waliin murteessina jedhe

    Pireezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp waraanni Iraan yeroo itti xumuramu irratti murtee kan dabarsan Minisitra Muummee Israa'el Benjamiin Netaaniyaahuu waliin ta'uun akka ta'e beeksise.

    Akka barruun Times of Israel gabaasetti, dhimma waraanicha xumuruurratti ''mariyachaa jirra'' jedheera. ''Yeroo isa sirriitti murticha nan dabarsa'' jechuus gabaaseera.

    Gaaffii waraanni US Iraaniin haleeluu yoo dhaabe Israa'el kophaashee waraanicha itti fuftii jedhamee kan gaafatamee Tiraamp, hireen kun akka hin uumamne beeksise. ''Kana gochuun barbaachisaa natti hin fakkaatu'' jedhe.

    Mojtaabaa Kaameenii hooggana Olaanaa Iraan ta'uun muudamuu ilaalchisee gaaffii dhiyaateef kallattiin deebii kennuurraa of qusateera. ''Wanta ta'u mee hin ilaalla'' jedhe.

    Tiraamp amma dura Mojtaabaan akka filatmu kan hin barbaanne ta'uu ifatti beeksisee ture. ''Ilmi Kaameenii anaf fudhatama hin qabu'' jedhe ture.

  5. Haleellaa Diroonii Iraan Baahireen irratti raawwatteen 32 madaahan

    Biyyoota Galoo galaanaa akka Baahireeniifi Kuweet keessatti sagaleen dhuka'aa dhagaahamuu miidiyaan Iraan gabaasuu hordofee haleellaa diroonii Baahireenitti raawwateen namootni 32 miidhamuun ibsame.

    Haleellaan kanaan kanneen miidhaman martuu lammiilee Baahireen ta'uufi isaan keessaa xiqqaan daa'ima ji'a lamaa ta'uun himameera.

    Haleellaan Iraan kun dhiyeenya magaalaa guddoo biyyattiitti raawwatame. Warreen miidhaman keessaa daa'imman waldhaansa baqaqsanii waldhaanuu fedhan jiru.

    Miidiyaan Iraan IRIB akka gabaasetti haleella kana dursee Baahireen keessatti sagaleen akeekkachiiftuu dhagaahamee ture.

    Akkuma kanaa magaalaa guddoo Kataar Dohaa keessatti sagaleen dhuka'aa hedduun dhagaahamuu gabaasaan AFP naannichaa ibseera. Humni ittisaa Kataar humnoonnisaa misaayeloota ganama bariidhaan itti dhukaafaman qolachuu gabasaeera.

  6. US hojjetoonni Imbaasiishee Sa'ud Arabiyaa jiran akka bahan ajajje

    Biyyoonni Baha Giddugaleessaa haleellaa diroonii Iraan irraa dhufuun itti fufuun argaa jiranitti, Ministeerri Dhimma Alaa US hojjettoonni mootummaa US fi maatiin hojjetoota mootummaa US hojii murteessaa ta’erra warra jiranirra akan hafe yaaddoo nageenyaa eeruun akka ba’aniif ajajeera.

    Kana malees, ministeerri dhimma alaa Ameerika akun lammileen biyyattii gara Sa’u Arabiyaa deemuu fedhan akka irra deebiyanii yaadaniif irra deebiin waamicha dhiyeesseera.

    “Sodaa dirooniifi misaa’elaa Iraan fedhiiwwan Ameerikaarratti xiyyeeffatan, walitti bu’iinsa hidhannoon gaggeeffamu, shororkeessumaa, akkasumas baha dhorkuufi fayyadama miidiyaa hawaasaa ilaalchisuun seeronni naannoo jiru” waan ta’eef imala gara Sa’ud Arabiyaatti taasisan akka irra deebiyanii yaadaniif gaafateera ministeerichi.