Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

'Nuti waraana hin eegalle garuu ni xumurra' - Ministira Waraanaa US

Ministirri Ittisaa Ameerikaa haleellaa Iraan irratti ajaja Donaald Tiraampin godhamaa jiru, Isa hamaa, wal xaxaa fi seenaa keessatti oppireeshinii qilleensaa addaa qiyyaafannoo isaa rukute jedhan.

Guduunfaa

  • Israa'el humni lafoo daangaa Libaanos dabalataan akka qabatu beeksifte
  • Tarkaanfii Neetaaniyaahuu lubbuu Ameerikaanotaa gaaga'aa jira- Taker Karlisan
  • Faransaayi lakkoofsa boombii nikularaa qabdu akka dabaltu ibsite
  • Ameerikaan ''kanaan booda haleellaa hamaan'' Iraan irratti akka raawwatu akeekkachiiste
  • Buufanni waraanaa US Bahreen jiru guutummaan manca'e- miidiyaalee Iraan
  • Faransaayi lakkoofsa boombii nikularaa qabdu akka dabaltu ibsite
  • Libaanos gara waldhabdee babal'achaa jirutti seenaa jirti
  • Haleellaa Israa'el Libaanositti gaggeessiteen namoonni 50 ol ajjeefaman
  • Israa'el jiraattonni gandoota Libaanos 50 olii akka bahan itti himte
  • Ummati Beerut jiraatan sagalee dho'insaatti hirribaa ka'an
  • Israa'el fi Iraan erga Ayatolaa Kameenii ajjeefamee akka haaraatti wal haleelaa jiru
  • Tiraamp haleellaan Iraan waan itti fufuuf 'duuti US kana caalaa ta'uu mala' jedhe
  • Odeessaalee nuti qixeessine dabalataan argachuuf marsariitii, YouTube, WhatsApp fi Facebook keenya seenaa!
  • Tiraamp Gaggeessaan Waliigalaa Iraan, Ayaatolaa Alii Kameenii, ajjeefamuu bwayita beeksisetti

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Daawwadhaa: Beerut keessatti dhohinsa dhagaameefi aara mul'atu

  2. Waraanni Israa'el haleellaan Libaanos 'guyyoota hedduuf' akka itti fufu ibse

    Waraanni Israa’el “duulli haleellaa” Hizbollaah irratti bane guyyoota hedduuf turuu akka malu Hogganaan Olaanaa Humna Waraanaa Israa'el Eyal Zamir mirkaneessan

    ''Hizbullaah irratti duula haleellaa jalqabneerra. Ittisa qofa irratti osoo hin taane amma gara haleellaa raawwachuutti deemna,'' jedha.

    "Lola guyyoota hedduudhaaf qophaa'uu qabna. Qophii ittisaa cimaa fi qophii haleellaa itti fufiinsa qabu, fudhachu nu barbaachisa."

    Odeeffannoo dabalataaf:

  3. Libaanos gara waldhabdee babal'achaa jirutti seenaa jirti

    Waraana Baha Giddu Galeessaa keessatti guddachaa jiru keessatti ifatti addi waraanaa haaraan eegaleera.

    Kaleessa galgala gareen Hizboollaah humni guddaa Shi'aa hidhatee jiruu fi teessoo isaa Libaanos keessa godhate magaalaa Israa’el Hayfaatti misaa’ela dhukaasera.

    Gareen Hizbullaah loltoota mallaqaa fi meeshaa waraaanan Iraanin deeggaramaniidha.

    Israa'el haleellaa qilleensaa bal'aa ta'een deebii kennitetti. Humni qilleensaa Israa'el iddoowwaan buufata Hizbullaah naannoo magaalaa Beerut kibbaatti argamu akkasumas naannoowwan buufata xiyyaaraa magaalattiitti dhihoo ta’an irratti xiyyeeffataniiru.

    Kibba Libaanonitt Israa'el namoonni gandoota 50 ol keessa jiraatan mana isaanii akka gadhiisanii akka baqatan ajajjetti. Naannolee akeekkachisa kennite sanattillee haleellaa qilleensaa raawwatteetti.

    Haleellaa Israa'el Beerut keessatti gaggeessite namoonni akka baqatan gochaa jira.

  4. Aarri Embaasii US Kuweet jiru keessa yoo bahu mul'ate

    Embaasii US Kuweet jiru keessaa ykn bakka sanatti dhiyootii yeroo bahu mul'achuu maddawwan oduu AFP fi Roohitas gabaasan.

    Namoonni abidda dhaamsaniifi ambulaansiiwwan naannoo sanatti argamuus Roohitars himeera.

    Odeeffannoo ballinaa hordofnee isin biraan geenya.

    Nu hordofaa

  5. Haleellaa Israa'el Libaanositti gaggeessiteen namoonni 31 ajjeefaman

    Haleellaa Israa'el Beerut fi kibba Libaanositti gaggeessiteen namoonni 31 ajjeefamanii 149 madaa'aniiru, akka ministeera fayyaa Libaanisitti.

    Lakkoofsi namoota du'anii kun gabaasa jalqaba bahedha, jedha ibsi bahw.

    Waan ta'aa jiru kallattiin isin biraan geenya, nu hordofaa.

  6. Dohaa, Baahireen fi Dubaay keessatti dhohinsi dhaga'ame

    Magaalaa guddoo Qaataar Dohaa keessatti dhohinsi dhaga'amuu Roohitarsii fi Ajaans Firaans Pirees (AFP) nama ijaan arge waabeffachuun gabaasaa jiru.

    Akkasumas dhohinsi jabaan Baahireen fi Dubaay keessattis dhaga'amaa jira.

    Dhimma kanarratti waan itti aanee ta'u ballinaan isin biraamn geenya.

  7. Israa'el jiraattonni gandoota Libaanos 50 olii akka bahan itti himte

    IIsraa'el haleellaa gaggeessuuf akka jirtu akeekkachiisuun, jiraattoonni gandootaafi magaalotaa Libaanos 50 ol ta'an akka gadhiisanii bahaniif itti himte.

    Namoonni bakkeewwan adda ba;an kanneen keessa jiraatan yoo xiqqaate bakka sanarraa meetira 1,000 fagaatanii bakka banaa ta'e turuu qabu.

    "Nageenya keessaniif jecha hatattamaan mana keessa gadhiisatanii ba'uun ganda sanarraa yoo xiqqaate meetira 1,000 fagaattanii bakka banaa ta'e turuu qabdu," jedha akeekkachiisni darbe.

    "Namni kamiyyu miseensa Hezboollaatti, dhaabbileen garee kanaatti ykn qabeenya waraanaa isaatti dhiyoo jiru lubbuu isaa balaaf saaxila."

    Gandoonni akka keessaa baqatan tarreeffame: Saarifaa, Maaroob, Selaa (tiir) Debaal, Baafilyeeh, Arizoon, Qilaayleeh, Al-Shahaabiyaa (Tayir Zibnaa), Dardgahyaa, Baastiyaat, Arab Saliim, Hawush al-Raafqaa, Yanmaar (Weest Beekaa) Maaydoon, Dalafii, Ayin Qaanaa, Kiniisee, Mansurii Maajdaal Zoon, Maazaraat Buyyoot, al-Sayaad, Jabaal al-Buutum, Zibqiin, Al-Samaayaa, Ayitiit, Qaanaa, Al=Bayadaan, Diyeer Aames, Ayitaa al-Jabal, Haniinee, Hariis, Hadaataa, Mahruunaa, Beeyit, Yaater, Shaaqraa, Huulaa, Barachiit, Burk al=Shamaalii, Maarakeh, Siddiiqne, Al-Majadeel, Wadii Jiloo, diroos (Baalbeek) fi Ma'iis al-Jabal.

  8. Waraana US-Israa'el Iraan waliin guyyaa sadaffaaf itti jiran irratti waan beeknu

    Waraanni US-Israa'el Iraan waliin itti jiram amma guyyaa sadaffaa yoo ta'u, hundi isaanii haleellaa gurguddaa walirratti fudhachaa jiru.

    Taateen ijoo waraana kanaa hanga ammaa jiru:

    • Doonaald Tiraamp "oppereeshiniin waraanaa" Iraan irratti "hanga kaayyoon keenya hundi galma ga'utti" itti fufa jechuun ergaa karaa viidiyootiin dabarse.
    • Ajajaan waraanaa US Giddugaleessaa loltoonni Ameerikaa sadii haleellaa Iraan gaggeessiteen ajjeefamuu fi kan biroo shan gudda amadaa'uu hordofee ibsa kenneen duuti US "kana caaluu mala" jechuun dabalee dubbate Tiraamp.
    • Wixata har'aa ganama ammoo Gareen Iraaniin deeggaramu Libaanos keessa jiru Hezboollaan misaa'elaa fi diroonii itti dhukaafnaan Israa'el deebii kennuuf garee kanarratti xiyyeeffachuun Libaanos keessatti haleellaa gaggeessuu jalqabdeetti.
    • Aanga'oonni Iraan akka jedhanitti, haleellaa mana-barumsaa ijoollee durbaarratti banameen yoo xiqqaate namoonni 153 ajjeefamaniiru; pirzidantiin Iraan Masud Pezeshkiyaan gocha kana "gocha gara jabinaa hamaa" jedheera.
    • Akka tajaajila ambulaansii Israa'el jedhetti haleellaa Iraan Israa'el Beeyit Shemesh keessatti gaggeessiteen yoo xiqqaate namoonni sagal ajjeefamaniiru. Kun erga waraanni kun jalqabee haleellaa Israa'el irratti gaggeeffame lubbuu baayyee galaafatedha.
    • Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) erga Sambataa as haleellaa haaloo bahuu Iraan fudhatteen namoonni sadii ajjeefamuu ibseera. Baahiran fi Iraaq magaalaa Erbil, akkasumas Yordaanos keessatti ammoo dhohinsawwan dhaga'amaniiru.
    • Waraana kana hordee ammoo gatiin boba'aa addunyaa akkaan dabaleera.
    • Ministrri Muumee UK Kiir Istaarmer US buufatwwan waraanaa Biriitish irraa kaatee tarkaanfii ofirraa ittisuu akka fudhattuuf akka hayyaman hime, garuu "tarkaanfii waraanaa amma itti jiramu kanatti hin makaman".
  9. Ummati Beerut jiraatan sagalee dho'insaatti hirribaa ka'an

    Magaalaa guddoo Libaanos, Beerut keessatti namoonni yeroo hirribaa ka'an sagalee dhohinsaa walirraa hin cinnetu isaan mudate.

    Sagaleen dhohinsaa osoo walirraa hin citiin dhaga'amaa ture ammoo Israa'eliti Hezboollaa irratti haleellaa gaggeessuu jalqabe.

    Gareen Iraaniin deeggaramu., Hezboolaan rookkeettii kaaba Israa'elitti dhukaaseera.

    Hezboollaan ibsa baaseen, ajjeefamuu Gaggeessaa Waliigalaa Iraan Ayaatolaa Alii Kameeniif tarkaanfii haaloo bahuu fudhachuu beeksiseera. Gareen kun tarkaanfii fudhate kana "mirga sirrii ofirraa ittisuuti" jedhe.

    Fuula ittisa misaa'elaa kaaba Israa'elitti rookketiifi diroonii dhukaasuus dabalee ibse gareen kun.

    Humni waraanaa Israa'el ammoo deebii kennuuf haleellaa akka jalqabe ibseera.

    Humni waraanaa Israa'el itti dabaluun "murtee Hezboollaan duula kanatti makamuu dura dhaabbachuun akka inni ummata sivilii kaaba Israa'elirraan miidhaa geessisuuf biyyattiif yaaddoo ta'u hin hayyamnu jechuun akka dura dhaabbatu' hime.

    Bara 2024 keessa jaarsummmaa Ameerikaatiin Israa'el fi Libaanos waraana waggaa tokkoo ol Hezboollaa waliin ture dhaabuuf waliigalanii ture. Yeroo sanatti garee Iraaniin deeggaramu kanarratti haleellaa cimaa gaggeessuun miidhaa jabaa irraan geessee turte.

    Ergasii ammoo gareen lamaan waliigaltee dhukaasa dhaabuu cabsiteetta jechuun wal himatu.

    Odeeffannoo dabalataa dhimma kanarratti:

  10. Hezboollaah misaa'elaafi diroonii Israa'elitti dhukaasuu hime

    Gareen Iraaniin deeggaramu Libaanos keessa jiru, Hezboolaan misaa'elaa fi diroonii gara Israa'elitti dhukaasuu hime.

    Humni waraanaa Israa'el ammoo dhukaasa Hezboollaatiif Libaanos keessatti bakkeewwan adda addaarratti xiyyeeffachuun haleellaa gaggeessaa jira.

    Akka humni waraanaa Israa'el jedhetti, dhukaasni Hezboollaah lafa duwwaarratti kufe.

    Gareen siyaasaa Musliima Shihaafi waraanaa ta'e, Hezboollaan, Iraan irraa deeggarsa guddaa kan qabu yoo ta'u, mirga jiraachuu Israa'el morma.

    Oduu dabalataaf:

  11. Haleellaa Iraan irratti baname hordofee gafiin boba'aa baayyee dabale

    Gatiin boba'aa addunyaa haleellaa US fi Israa'el Iraan irratti banamee booda biyyattiinis tarkaanfii haaloo ba'uu fudhachuutti seentee baayyee dabaluun gabaafame.

    Gatiin jikita boba'aafi boba'aan salphaan %10 dabaleera.

  12. Tiraamp haleellaan Iraan waan itti fufuuf 'duuti US kana caalaa ta'uu mala' jedhe

    Wayita oppereeshiniin Iraan keessatti gaggeeffamutti sochiin waraanaa naaannicha keessatti waan itti fufuuf hanga "kaayyoon hunduu" milkaa'utti duuti US "kana caaluu mala" jedhe Tiraamp.

    Sambata erga Israa'el fi Ameerikaan Iraan irratti haleellaa bananirraa kaasee loltoonni Ameerikaa dirqamaaf bobba'anii turan sadii ajjeefamuu ajajaan waraanaa giddugaleessaa (Sentikoom) beeksiseera.

    Tiraampiif ammoo duuti Ameerikaa tokkoyyu biyya keessatti gaaffii kaasu ni qabaata jedha gabaasaan keenya Beernd Debusaan.

  13. YOOYYAA!

    Akkam jirtu hordoftoota BBC Afaan Oromoo?

    Toora tamsaasa kallattii ittiin odeeffannoo wayitaawa isin biraan geenyu jalqabneerra. Israa'el fi Iraan erga Ayatolaa Kameenii ajjeefamee akka haaraatti wal haleelaa jiru,

    Tiraamp haleellaan Iraan waan itti fufuuf 'duuti US kana caalaa ta'uu mala',

    Odeessaalee nuti qixeessine dabalataan argachuuf marsariitii, YouTube, WhatsApp fi Facebook keenya seenaa