US qondaala waraanaa Iraan haleellaa saayibarii ajaju bakka jiru nama natti himeef badhaasa dolaara miliyeena 10 nan kenna jette

Ameerikaan qondaala waraanaa Iraan damee haleellaa saayibarii hogganu bakka inni jiru nama odeeffannoo naa kenneef badhaasa dolaara miliyeena 10 qopheessuu ibsite.
Eegdota Warraaqsa Islaamaa Iraan keessatti hogganaa olaanaa damee saayibarii kan ta'an Amiir Yaariyaab Ameerikaan addumatti kan barbaaddu ta'us, qondaalota waraanaa Iraan biroos bakka jiran nama odeeffannoo kenneef badhaasa qopheessuu US duraanuu ibsiteetti.
"Karaa mootummoota birootiin buufataalee misoomaa Amerikaa irratti kanneen haleellaa saayibarii gaggeessan adda baasuuf kan gargaaru ykn dandeessisu odeeffannoo namni kenne badhaasa hanga dolaara miliyeena 10 ni argata," jette US.
Addumatti qondaalli Iraan US irratti xiyyeeffatte kun, Amiir Yaariyaab, Eegdota Warraaqsa Islaamaa Iraan (IRGC) jalatti kan hogganamu ajaja damee saayibariifi elektirooniksiitti itti aanaa itti gaafatamaadha.
Namni kun haleellawwan saayibarii Awurooppaa, Ameerikaafi Baha Giddugalaa keessatti waraana, imala galaanaraa, telekominikeeshiniifi dameewwan faayinaansii irratti Iraan gaggeessitu kan qindeessaa ture ta'uutu ibsame.





