Iraan "namoota ajjeefteefi miidhaa qaamaa irraan geessef" beenyaa irraa barbaanna - Tiraamp

Madda suuraa, Bloomberg via Getty Images
Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp US Iraanirraa beenyaa akka barbaaddu ifa godhe.
Tiraamp kana kan beeksise Iraan haleellaa irratti gaggeeffameef US beenyaa akka kaffaltu irra deddeebin gaafachuu hordofeeti.
Tiraamp ergaa fuula miidiyaa Truth irratti maxxanseen, Iraan namoota ajjeefteefi madeessiteef beenyaa kaffaluu qabdi jedhe.
Gaazaafi Libaanos dabalatee "du'aafi madoo" biyyoota garaa garaa keessattu mudateef Iraan itti gaafatamtuu gochuun, beenyaa baasuu akka qabduufi marii kana booda Tehiraan waliin godhamurratti akka haal-dureetti akka dhiyaatu namoota US bakka bu'anii mariyatan ajajuus ibse.
Iraan Ulaa Hormuuz banuuf US guutuu qabdi jettee haal-dureewwan kaa'uunshee ni yaadatama. Tiraamp ammoo deebii gaafii Iraan kanaaf kenneen, inumaayyuu isheetu beenyaa baasuu qaba jedhe.
"Boombii karaa irratti awwaalamuufi walitti bu'iinsa hedduun [qondaalonni Iraan] namoota ajjeesaniif Iraan beenyaa akka kaffaltun gaafadha," jechuun mormii ji'ootan dura Iraan keessatti gaggeeffame qofaa mootummaan biyyattii namoota 52,000 ajjeesuu hime Tiraamp.
US fi Israa'el waliin ta'uun Iraanirratti duula waraanaa osoo hin banin dura Iraanitti mormii uummataa dhoheen namoonni nagaan kumaan lakkaa'aman du'uutu gabaafame.
Biyyoonni lixaa lakkoofsa namoota du'anii lakkoofsa wal-fakkaatu dhiyeessuu baatan illee, namoonni heddu humnoota nageenyaa Iraaniin ajjeefamuusaanirratti waliigaku.
Iraan garuu namoonni nagaan ajjeefamuu hin haalle; garuummoo lakkoofsi mootummoonnifi miidiyaaleen biyyoota Lixaa dhiyeessan dhugaarraa kan fagaate ta'uu ibsiti.








