KALLATTIIN, Balaa kirkira lafaa Kolombiyaan hanga ammaatti yoo xiqqaate 132 du'an

Balaa kirkira lafaa hamaa waggoota dhihoo as Kolombiyaatti mudateen hanga ammaatti yoo xiqqaate namoonni 132 du'an, 480 kan caalan miidhaman.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Iraan "namoota ajjeefteefi miidhaa qaamaa irraan geessef" beenyaa irraa barbaanna - Tiraamp

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Bloomberg via Getty Images

    Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp US Iraanirraa beenyaa akka barbaaddu ifa godhe.

    Tiraamp kana kan beeksise Iraan haleellaa irratti gaggeeffameef US beenyaa akka kaffaltu irra deddeebin gaafachuu hordofeeti.

    Tiraamp ergaa fuula miidiyaa Truth irratti maxxanseen, Iraan namoota ajjeefteefi madeessiteef beenyaa kaffaluu qabdi jedhe.

    Gaazaafi Libaanos dabalatee "du'aafi madoo" biyyoota garaa garaa keessattu mudateef Iraan itti gaafatamtuu gochuun, beenyaa baasuu akka qabduufi marii kana booda Tehiraan waliin godhamurratti akka haal-dureetti akka dhiyaatu namoota US bakka bu'anii mariyatan ajajuus ibse.

    Iraan Ulaa Hormuuz banuuf US guutuu qabdi jettee haal-dureewwan kaa'uunshee ni yaadatama. Tiraamp ammoo deebii gaafii Iraan kanaaf kenneen, inumaayyuu isheetu beenyaa baasuu qaba jedhe.

    "Boombii karaa irratti awwaalamuufi walitti bu'iinsa hedduun [qondaalonni Iraan] namoota ajjeesaniif Iraan beenyaa akka kaffaltun gaafadha," jechuun mormii ji'ootan dura Iraan keessatti gaggeeffame qofaa mootummaan biyyattii namoota 52,000 ajjeesuu hime Tiraamp.

    US fi Israa'el waliin ta'uun Iraanirratti duula waraanaa osoo hin banin dura Iraanitti mormii uummataa dhoheen namoonni nagaan kumaan lakkaa'aman du'uutu gabaafame.

    Biyyoonni lixaa lakkoofsa namoota du'anii lakkoofsa wal-fakkaatu dhiyeessuu baatan illee, namoonni heddu humnoota nageenyaa Iraaniin ajjeefamuusaanirratti waliigaku.

    Iraan garuu namoonni nagaan ajjeefamuu hin haalle; garuummoo lakkoofsi mootummoonnifi miidiyaaleen biyyoota Lixaa dhiyeessan dhugaarraa kan fagaate ta'uu ibsiti.

  2. Keeniyaan Shaampiyoonaa Atileetiksii 2029 qopheessuuf iyyatte

    Atileet Feez Kipiyeegoon

    Madda suuraa, Getty Images

    Biyyi atileetiksiin dorgomtuu cimtuu Itoophiyaa taate Keeniyaan Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa bara 2029 qopheessuuf ifatti iyyata galfatte.

    Keeniyaan iyyatashee kanatti ni milkoofti taanaan, biyya Afrikaa jalqabaa Shaampiyoonaa Atileetiksii qopheessitu taati.

    Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 2029 qopheessuuf biyyoota akka UK, Xaaliyaanii, Jarmanii fa'aarraa morkiin cimaan Naayiroobii ni mudata jedhamee eegama.

    Atileetiksiin Addunyaa bara 2029 eenyu shaampiyoonaa atileetiksii akka qopheessu ji'a ittaanu ni murteessa jedhamee eegama.

    Atileetiksiin Keeniyaa ibsa baaseen, qophicha gara Afrikaatti fiduuf ifatti xalayaa galchuu beeksise.

    "Mootummaanis iyyata kana milkeessuuf wantoota barbaachisan kanneen akka bu'uuraalee ammaayyaa, nageenya eegsisuufi kkf gochuun akka deeggaru kutannoo cimaa agarsiisera," jedhe Atileetiksiin Keemniyaa ibsa baaseen.

    Isteediyeemiin Kasaraanii magaalaa Naayiroobii keessatti argamuufi namoota 48,000 qabachuu danda'u shaampiyoonicha qopheessuuf ishee gargaara jedhame.

    Fiigicha fageenya dheerafi giddu galeessaan Keeniyaafi Itoophiyaan Afrikaa keessaa biyyoota beekamoofi maqaa gaarii qabaniidha.

  3. Pirezidantiin Sooriyaa aangoorraa kaafame Bashaar al-Asaad murtee du'aan adabame

    Bashaar al-Asaad

    Madda suuraa, Getty Images

    Manni murtii Sooriyaa Pirezidantii duraanii humnaan aangoorraa kaafamuun biyyaa ari'ame Bashaar al-Asaad bakka inni hin jirretti du'a itti murteesse.

    Al-Asaad erga Muddee 2024 aangoorraa kaafamee booda maatiisaa qabatee gara Moskootti baqate.

    Manni murtii durbii Asaad akkasumas bulchiinsa kibba Siiriyaa bulchiinsa Deraa jedhamutti dursaa nageenyaa fi siyaasaa kan ture Atef Najib irrattis du'a murteesseera.

    Namni kun garuu akka Asaad bakka inni hin jirretti osoo hin taane mana murtiitti dhihaachuun murteen isaa dubbifameef.

    Bulchiinsi Asaad waggoota kurna shaniif aangoorra ture erga diigamee booda mootummaa ce'umsaa aangoo qabate aanga'oota bulchiinsa kana waliin hidhata qaban seeratti dhiheessaa jira.

    Isaan keessaa Najib adda durummaan dhihaata.

    Mootummaan Sooriyaa ammaa Asaadiin Moskoo keessaa qabee dhiheessuunsaa ammatti ifa miti.

    Bakka inni hin jirretti murteen wayita Asaad irratti darbu kun kan jalqabaa miti.

    Muddee darbes manni murtii Sooriyaa ajaja hidhaa irratti dabarsee ture.

    Asaad wayita humni waraanaa Ahmad al-Shaaraan durfamu duula guyyaa 11 booda mootummaa isaa kuffisuun aangoo qabatu gara Raashiyaatti baqate.

    Al-Shaaraan amma pirezidantii Sooriyaati.

  4. Yukireen buufata qulqulleessa boba'aa Raashiyaa guddicha fagaatu haleele jette

    -

    Madda suuraa, Shutterstock

    Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaa Mooskoorratti Waxabajjii 18 raawwatame hordofee aara mul'ate

    Yukireen buufata qulqulleessa boba'aa Raashiyaa guddicha adda waraanaa irraa 1500km fagaatu haleele jette.

    Hogganaan waliigalaa humnoota waraanaa Yukireen buufata qulqulleessa boba'aa Orsknefteorgsintez kan kutaa bulchiinsa Oriinbarg magaalaa Oriisk keessatti argamu haleelle jedhan.

    Iddoon kun adda waraanaa irraa 1,500 fagaatee akka argamu Yukireen beeksifte.

    Buufatni qulqulleessa boba'aa kun "buufata guddicha" biyyattii yoo ta'u, "damee boba'aa fi inarjii Raashiyaa keessatti dhaabbata ijoo dha" jedhu.

    "Abiddi itti qabachuun dhagahameera, hammi mancaatii isa mudatee hagam akka ta'u garuu hin baramne" jedhe hogganni waliigalaa humnoota Yukreen.

    Pirezdantiin Yukreen Volodimir Zeleniskii haleellaan buufata anniisaa irrratti godhame galii kuusaa boba'aa iraa Mooskoon argattu daangessuun "faayidaa waraanaaf akka hin oolle danquudha"jedhan.

    Haleellaawwan jajjaboo dhiyeenya Yukireen Raashiyaarratti traawwatte:

    • Hagayya 06: Yukireen buufataalee qulqulleessa boba'aa Raashiyaa lama haleelte
    • Hgayya 03: Dirooniidhaan man kuusaa daldala oonlaayinii beekamaa Raashiyaa haleelte
    • Hagayya 02: Buufataalee qulqulleessa boba'aa guguddoo fi buufata qilleensaa kutaa Saratov jiru haleelte.
    • Adoolessa 04 : Yukreen terminaala bobaa'aa Seent. Piitarsbarg haleelte.
  5. Infaantiinoo aangoorraa kaasuun dogoggora hamaadha- Tiraamp

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp Muddee 2025 Badhaasa Nagaa FIFA argateera

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezidant Doonaald Tiraamp qondaala FIFA aangoorraa kaasuun dogoggora hamaa ta'a jedhe.

    Pirezidantiin FIFA Jiyaanii Infaantiinoo wixinee karoora haaraa abbootiin qabeenyaa dhuunfaa akka Waancaa Addunyaa fudhachuun qopheessan eeyyamu dhiheessuu hordofee dhiibbaa guddaa keessa galeera.

    Tiraamp qondaala FIFA kana tumsuun ibsa kan kenne erga UEFA, CONCACAF, AFC karoora kana qeequun himannaa dhiheessaniiti.

    Jaarmiyaaleen kubbaa miillaa kunneen Infaantiinoon ''gowwoomsaa raawwachuun'' amanamummaa jaarmiyaa kana keessa jiru balaarra buuseera jechuun himatan.

    Tiraamp erga Infaantiinoon Adoolessa 28 karoora haaraa kana ibsee yeroo jalqabaaf dhimma kanarratti yaada kenne.

    ''FIFAn sababa kamiinuu Jiyaanii Infaantiinoo bakka buusuuf kana yaadu ta'e dogoggora hamaa hojjechaa jira,'' jechuun miidiyaa hawaasummaasaarratti barreesse.

    ''Inni nama dandeettii addaa qabu. Waancaa Addunyaa akkaan milkaa'aa ta'e nama hoogganeedha. Inni deemnaan jaarmiyaan kun hin milkaa'u ykn bu'a qabeessa hin ta'u.''

    Infaantiinoo fi Tiraamp michummaa jabaa qabu, keessattuu erga qophiin Waancaa Addunyaa eegalamee as taateewwan adda addaarratti waliin mul'ataa turan.

    Muddee darbe Infaantiinoon Badhaasa Nagaa FIFA Tiraampiif kenneera.

  6. Kaanaadaatti daa'imti qabattoo hidhachuu diduu hordofee balalliin haqame

    Xiyyaara Kanaadaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Kaanaadaatti daa'imti qabattoo hidhachuu diduu hordofee balalliin haqamuun imala xiyyaaraa daa'immanii wajjin walqabsiisee falmii naamusaa fi nageenya imalaa kaaseera.

    Balalliin Daandii Qilleensaa Poortar, Hagayya 06 Viktooriyaa irraa ka'ee Toroontoo qubachuuf qophaa'e "sababa daa'imti lafaa dhufti dhaabbachuun qabattoo yeroo imalaa hidhachuu diddeef" gara tarminaalaatti deebi'e jedhe.

    Taateen kun halkan walakkaa keessa mudate. Balalliin kun haqamuun guyyaa itti aanuf galmeen irra deeboiin raawwatame.

    Taateen kun haalli akkasii wayita mudatuu irratti akkaataa daa'immaniif tajaajilli kennamu qabuufi daandiiwwan qilleensaa haala akkasii furmaata laachuun danda'amurratti yaadonni garaagaraa akka ka'an godheera.

    "Yaaliin maatiin daa'imichaa fi hojjettootni xiyyaaraatiin haala kana sirreessuuf taasisan hin milkoofne," jedhe Daandiin Qilleensaa Porter.

    "Xayyaarichi haala nageenyummaa hin qabne kanaan ka'uu waan hin dandeenyef, hojjettoonni gara buufataatti (terminal) deebi'anii imaltoonni lamaan (daa'imichaa fi maatii) akka bu'an gochuu murteessan," jechuun ibsan.

    Ogeettiin nageenya aviyeeshinii daa'immanii Liyaa Tuusoo BBCtti akka himtetti, hojjettoonni Porter balallicha dhaabuuf murteessuun isaanii nageenya imaltoota xayyaarichaa fi kan daa'imichaa eeguufi.

    "Daa'imman qabattoo hin hidhanne furguggifamanii namatti bu'uu danda'u," jette Tuusoon. Kunis akkuma meeshaalee utuu hin hidhamin kaa'amanii, yeroo xayyaarri qilleensa keessatti socho'u, keessattuu yeroo ka'uufi qubatu imaltootan wal kiphuu danda'u.

  7. Tiraamp, Iraan maatii miidhamtootaafi biyyoota Baha Jiddugaleessaaf beenyaa kaffaluu qabdi jedhe

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Donaald Tirakp

    Tehraan haaldureewwan waliigaltee gaafannaan Tiraamp, Iraan maatii miidhamtootaafi biyyoota Baha Jiddugaleessaaf beenyaa kaffaluu qabdi jedhe. Beenyaan mancaatii waraanaa kun kaffalamu malees Ulaa Hormuuz hin bannu jedheera.

    "Marii Iraan ilaalchisee, miidhaa fi du'a lammiilee Libaanos, Siriyaa, Yaman, fi Gaazaa irra ga'eef Iraan itti gaafatamuu qabdi!" jechuunTiraamp dubbate

    Iraan waliin gartokkeedhaan mari'achaa akka jiran miidiyaa Axios jedhamutti hime. Dhiibbaa diinagdee Iraanirratti akka dabalus akeekeera.

    Kun kanaan osoo jiruu gareen hidhattootaa Huutii Yaman Iraan deggartu Dilbata magaalaa buufata doonii mootummaa jala jiru Mochaa jedhamu sa'aatii 24 keessatti si'a lama haleelan.

    Haleellawwan akkanaa walitti bu'iinsa kana gara ulaa tarsiimawaa Galaana Diimaatti babal'isuufi kan hedame.

    "Ulaa Hormuuz 100%, to'anneerra" jedhe Tiraamp, Iraan garuu ulaawwan galaanaa jeequu dandeessi jedhe. Garuu mallaqa hin qaban kasaaraniiru jedhe.

    Humni galaanaa US dooniiwwan Iraanitti karaac cufeera, "sibiilan cufe" dogoggora tokkollee akka hin raawwannnetti cufe jedhe. Haalli Ulaa Hormuuz xiqqoo wal xaxaa dha jedhe.

    "Takka takka, fanjii harcaasu, nuti immoo ni funaanna"jedhan pirezdantichi.

  8. Balaa kirkira lafaa hamaa Kolombiyaa mudateen hanga ammaatti yoo xiqqaate namoonni 132 ta'an du'aniiru

    Balaa kirkira lafaa Kolombiyaa

    Madda suuraa, EPA

    Balaa kirkira lafaa Reektar Iskeelii 7.4 Kolombiyaatti mudateen hanga ammaatti yoo xiqqaate namoonni 132 ta'a yoo du'an, 500nitti kan siqan miidhamaniiru.

    Ragaan Tajaajila Ji'oolojikaalaa biyyattii kirkirri lafaa kun kirkira lafaa isa hamaa waggoota 10 as mudatee hin beekne ta'uu mul'ise.

    Lakkoofsi namoota balaa kanaan du'anii kanarra dabaluu danda'a jedhameera.

    Kirkirri kun hanga Veenzuweelaa, Ikuwaadoor fi Paanaamaatti dhagahameera.

    Pirezdantiin biyyattii Daani'eel Nobo'aa Aziin barbaachi fi baraarsi namootaa akka raawwatamu waamicha godhan.

    Naatoo fi gadda maatii miidhamtootaa fi qabanis ibsan karaa fuula X isaanii ibsan.

  9. Pirezdant Tiraamp ajaja haaraa gosoota talaallii daa’immanii hir’isu mallatteesse

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp baay'ina talaallii daa'immanii hir'suuuf ajaja haaraa mallattesse

    Pirezdantiin US Donaald Tiraamp ajaja haaraa baay’ina gosoota talaallii daa’immanii hir’su mallatteessan, talaalliiwwan mamps, gifiraa fi rubeellaa ykn gifira Jarman (MMR) jedhamuun beekamau amma adda addatti kennaman gorse.

    "Waggoota kurnanootaan dura, daa'imman talaallii har'a barbaachisuu gadi fudhatu ture" jedhe Tiraamp. Wayita sanatti, namootni baay'ee fayyaa qabu, dhugumattimmoo ootizimiiniis akka har'a baay'ate kana hin turre."

    Pirezdantichi talaallii MMR jedhamurraa durumaa amantaa hin qaban, qorannooowwan baay'een garuu ootizimii fi talaallii wanti walitti fidu akka hin jirre mirkaneessan.

    Ajajni pirezdant Tiraamp kun talaalliiwwan ijoollee 18 irraa gara 11'tti akka gadi bu'an qajeelcha. Talaalliiwwan 18 asiin dura ijoolleef kennaman kan yaada dhiyeessa Akkaadamii Ogeeyyii Fayyaa Daa'immanii (American Academy of Pediatrics (AAP)) ture.

    Ajajani Tiraamp kun akka gorsaatti kan dhiyaatu malee akka dirqiitti kan dhufe miti, maaliif jennaan, talaalliiwwan kunneen sadarkaa bulchiinsa naannoleetti mana barnootaa seenuufuu akka haal dureetti dhiyaatu. Mootummaa federaalaa osoo hin taane.

    Waajjira isaa keessaa haasawa Wixata godheen Tiraamp, bulchiinsi koo "talaalliiwwan gulantaa warqee ijoollummaa murteessoo 11 kan dhibeewwan hamoofi balaafamoof kennamaniif beekkamtii kenna" jedhe.

    Talaalliiwwan madinummaa daa'immaniif kennaman yaada dhiyeessses : dhibeewwan gifiraa, mamps,rubeellaa,difteetiyaa, teetaanasii, partasiis, pooliyoo, Haymofilas infuleenzaa B, dhibee nimokokal, hiyuumaan paappiloomaa vaayiras (HPV) vaariseelaa ykn utaalloo ti.

    "Hir'isaa jirra," jedhe Tiraamp. Talaallii hir'isuu qofa miti, hakiimotaanis sirriitti hordoffiin isiniif godhama jedhe.

    Pirezdantiin Akkaadamii Ogeeyyii Fayyaa Daa'immanii (AAP) ture ajajni Tiraamp balaafamaadha, "talaallii gulantaa warqee saayinsaawaa" miti jedhan.

  10. Yooyyaa!

    Tamsaasa kallattii eegalleerra. Balaa kirkira lafaa hamaa Kolombiyaa mudateen namoonni dhibbaan lakkaa'aman du'aniiru. Kanaa fi dhimmoota addunyaarratti mudatan odeeffannee isin biraan geenya.

    Nu hordofaa!

    Tamsaasa kallattii duraan turerraa odeeffannoo argachuuf link kana banadhaa!