Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Tiraamp waliigaluu yoo dhabde Iraan 'halkan tokkoon' balleessuuf dhaadatan

Pirezidantiin US Donaald Tiraamp Iraan Ulaa Hormuuz cufte akka bantu yeroo kaa'aniif dura waliigalteerra yoo gahuu baatte ''halkan tokkoon'' balleessuuf dhaadatan.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Baabura akka hin yaabbanne jechuun Israa'el ummata Iraan akeekkachiifte

    Humni Ittisaa Israa'el (IDF) har'a [Bitooteessa 07] uummanni Iraan akka baabura hin yaabbanne akeekkachiise.

    Maxxansa waraanichaa miidiyaa hawaasaa afaan Faarsiin irratti baherratti, "nageenya keessaniif" hanga sa'aatii Iraan 21:00tti "baabura fayyadamuu fi baaburaan imaluurraa of qusadhaa" jechuun akeekkachiisa uummata Iraan.

    Dabaluun, "baaburarraa fi naannoo sarara baaburaatti argamuun lubbuu keessan balaarra buusa"

    Pirezdaant Donaald Tiraamp bu'uuraalee misoomaa Iraan haleeluf dhaadachuu hordofeeti kun kan dhagahame.

    Sirni Iraan ulaa Hormuz hanga guyyaa Kibxataa 20:00tti (01:00 Roobii akka sa'aatii Biriitishitti) hin banu taanan balaan akka isaan qunnamu hime.

    Odeessa waytaawaa galgala dabarseen, waraanni Israa'el haleellaa "bu'uuraalee sirnichaan wal qabatanTehraan keessaarratti" raawwatu xumuruu, miseensota Hizboolaa fixuu hime.

    Waraanichi misaa'eloota Iraanirraa Israa'elitti dhukaafamanii qolachuus hime.

  2. Dhimmoota ijoo Tiraamp Waayit Haawusitti dubbatan:

    Pirezidant Tiraamp ibsa miidiyaaleef Waayit Haawusitti kennaniin ''halkan tokkoon'' Iraan balleessuuf isa dhaadataniin ala dhimmoota biroos kaasaniiru.

    • Yeroon Iraaniif qaban (Kibxata) xumuramuu dura waliigalteen isaaniif ''fudhatama qabu'' jiraachuu qaba, waliigalteen kunis ''boba'aan bilisaan akka daddarbu'' dabalata jedhan.
    • Takkaa erga yeroon qabaniif darbeetii Iraan ''Bara Dhakaa Daabbootti'' deebisna jedhanii kan akeekkachiisan. ''Riqicha homaatu hin qabaatan,'' jedhan. ''Buufatawwan annisaa hin qabaatan.''
    • ''Biyyi guutuu halkan tokkoon baduu dandeessi - halkan sunimmoo boru halkan ta'uu mala,'' jechuun dubbatan.
    • Hoggantoonni Iraan ''gaarii'' ta'an ''qajeelummaan'' mari'ataa akka jiran ibsanis itti bahi marii kanaa hin beekamu.
    • Dhiibbaa waraanni US bu'uraalee misoomaarratti xiyyeeffatuu isaa yeroo gaafataman, Tiraamp lammiileen Iraan ''bilisummaa isaanii argachuuf dararamuu filatu'' jedhan.
  3. 'Iraan yeroo kennameefitti waliigalteerra hin geessu taanan halkan tokkotti balleessina' - Tiraamp

    Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp Iraan yeroo kennameef keessatti waliigalteerra hin geessu taanan, "halkan tokkotti balleessina" jechuun itti dhaadate.

    Iraan Ulaa Hormuuz akka bantuuf waliigalteerra akka geessuuf yeroo Tiraamp kenne sa'aatii 48 ta'uu gabaafamaa ture. Yeroon Tiraamp kenne kun har'a xumurama.

    Traamp halkan edaa Waayit Haawus miidiyaaleef ibsa kenneen, gaggeessitoonni Iraan "haala gaariin" mariyataa jiru; garuu dhumasaa waan ta'u akka hin beekne dubbate.

    Gama biraan, ammoo Iraan yaada dhukaasa dhaabuu dhiyaateef kuffisteetti. Iraan waraana dhaabuu malee dhukaasa dhaabuu akka hin barbaanne beeksiste.

    Waraana dhaabuu qofa osoo hin taane qoqqobbiin waggootaaf irra tures akka irraa ka'u barbaaddi Iraan.

    Tiraamp Waayit Haawusitti yeroo ibsa kenne walitti qabaan ajajoota humna waraanaa Jeneraal Daan Keen fi Ministiirri Ittisaa US Piit Heegset waliin turan.

    Tiraamp Iraan Ulaa Hormuuz akka bantuuf yeroo garaa garaatti akeekkachiisa kennaa ture. Kan ammaa kana garuu arrabsoo safuu cabse fayyadamuun akeekkachiise.

  4. Ashamaa!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo guyyaa Kibxataa eegale.

    Waraana Giddugala Bahaatti adeemaa jiruun yeroon Tiraamp Iraaniif qaban dhumataa jira. Maaltu itti aana?

    Jala jalaan isin biraan geenya.

    Asumaan WhatsApp, marsaritii, Facebook fi YouTube keenya mil'adhaa.

    Lafa nagaa oolaa!