KALLATTIIN, US bakka lafa jalaa gabbisa nikularaa Iraan itti argamu ni to'atti- Doonaald Tiraamp

US ulaa lafa jalaa Iraan gabbisa nikularaa itti gaggeessitu kan gaarren jalatti argamu akka to'achuu maltu Doonaald Tiraamp dubbate.

Guduunfaa

US bakka lafa jalaa gabbisa nikularaa Iraan itti argamu ni to'atti jedhe Doonaald Tiraamp

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tiraamp waraanni Iraan itti fufuu kongireesiitti hime

    Donaaldi Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Pireezidantiin Ameerikaa Donaaldi Tiraamp waraanni Iraan waliin jalqabe Adoolessa 7, 2026 irraa qabee itti fufuu xalayaadhaan kongireesii beeksiseera

    Akka xalayaa kanaatti kongireesiin haleellaa kanaaf hamma eeyyama kennuufitti guyyaa 60 fudhata.

    Pireezidantichi haleellaa haaraa baayyee raawwatullee, buufata dooniirratti dhorkaa kaa'us waliigalteen dhukaasa dhaabuu ammallee waraana kana dhaabuuf carraa akka qabu himeera.

    Mootummaan Warraaqsa Islaamaa Iraan buufataalee waraanaa Ameerikaa Yoordaanoos, Baahireenfi Kuweet keessa jiran haleeleera.

    Dilbata darbe Ulaa Hormuuz irratti muddamni jabaachuu hordofee waraanni Ameerikaa Iraan irratti haleellaa marsaa haaraa banuu beeksiseera.

    Pireezidantichi xalayaasaa irratti ''Nageenya Ameerikaa fi lammiileeshee tiksuufi fedhii imaammata dhimma alaa eeguuf tarkaanfiin waraanaa akka fudhatamu ajajeera,'' jedhe.

  2. Ulaan Hormuz gonkumaa ‘weerara’ Ameerikaatiin hin banamu' - Iraan

    Ulaa Hormuuz

    Madda suuraa, AP

    Ibsa waa'ee suuraa, Ulaa Hormuuz

    Muddamni naannawa Ulaa Hormuz irratti jiru ammas cimee itti fufeera.

    Ulaa kana keessaa qabeenyi boba'aa addunyaa baay'een waan darbuuf, nageenyi isaa biyyoota hedduuf murteessaadha.

    Dubbi-himaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Iraan, Birgaadeer Jeneraal Mohammad Akraminia "Ameerikaan waraanaa fi doorsisaan gonkumaa Ulaa Hormuz banuu hin dandeessu" jedhu.

    Filannoo tokkichii ulaan kun ittiin banamuu danda'u mirga mootummaa fi uummata Iraan kabajuu qofaanii jechuun ibsan.

    Itti dabaluun humnoonni waraanaa Iran ulaa Hormuz irratti ejjennoo qabatan kanarraa taakkuu tokkollee akka duubatti hin deebine dubbate.

    Akkasumas, "Dhiiga wareegamtootaa, keessumaa hogganaa mootummaa Islaamaa ajjeefameef haaloo baafachuun dirqama keenya" jedhan.

    Traamp gama isaan haleellaa Iraan hordofee Ameerikaan Ulaa Hormuuz cufuu beeksisan.US ulaa kana humnaan ni to'atti jechuunis dubbatan.

    Lolli Ameerikaafi Iraan deebi'ee hammaannaan gatiin boba'aa akkaan dabaleera.

    Gama biraatiin, Chaayinaan, Ameerikaa fi Iraan walitti bu'iinsa isaanii akka xiqqeessanii fi nageenyi geejjibaa Ulaa Hormuz keessaa saffisaan akka deebi'u waamicha dhiheessite.

    Dubbi-himaan Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa LIin Jiyaan, nageenyi daandii bishaanii kanaa fedhii waliinii hawaasa addunyaa ta'uu ibse.

    Chaayinaan dhiphina kana tasgabbeessuuf hojii ishee itti fufuu akka jirtus beeksifte.

  3. Ulaa Hormuuz irratti lolli hammaannaan gatiin boba'aa akkaan dabale

    Harka boba'aa waraabaa jiru

    Madda suuraa, Getty Images

    Lolli Ameerikaafi Iraan deebi'ee hammaannaan gatiin boba'aa akkaan dabale.

    Eeshiyaatti gatiin boba'aa daballii kan agarsiise yoo tahu gatiin boba'aa jikitaa harka 1.9 dabalee barmeelaan doolaara 84.87 gurguramaa jira.

    Gabaa Ameerikaa irratti ammoo harka 2 dablee barmeelaan doolaara 79.75 gurguramaa jira.

    Lolli kuni hammaatee itti fufuusaan gaafa Wiixataa gatiin boba'aa jikitaa harka 3'n kan dabale yoo tahu kunis torbee sadii keessatti isa guddaa tahuun galmaa'eera.

    Waraana kanaan daldaaltonni deebii kennaniin gatiin gabaa jumlaa yeroo dhihootiin asitti ititaa hin jiru.

    Ameerikaafi Israa'el Guraandhala darbe Iraan irratti haleellaa raawwachuun booda Iraan Ulaa Hormuuz cufteetti.

    Boba'aa fi gaasii uumamaa addunyaa harka 20 ulaa kana keessa darba.

    Gatiin boba'aa deebi'ee qaala'us kan isa ji'a Bitootessaarra turerraa garuu gad-aanaa dha.

    Bitootessa darbe gatiin boba'aa jikita tokkoo doolaara 120 ture.

  4. Gamtaan Awurooppaa daldala warqee Sudaan irratti dhorkaa kaa'e

    Warqee

    Madda suuraa, Reuters

    Manni Maree Gamtaa Awurooppaa daldala warqee waraana biyyattii deeggaraa jira jedherratti dhorkaa haaraa kaa'eera.

    Dhorkaan kuni ''bituu, alaa galchuu ykn warqee Sudaan keessa jiru daddabarsuu'' fa'a kan dabalatu dha.

    Gamtaan Awurooppaa miyoota warqee baasuuf gargaaran ''meerkuriifi siyaanaayid gurguruun, dhiyeessuun ykn daddabarsuun, '' dhorkamuu beeksiseera.

    Humni Addaa Sudaan RSF iddoowwan warqeen itti bahu muraasa akka to'atu fi gara UAE akka ergu ni himama.

    Humni Waraanaa Sudaan UAE'n humna addaa kana deeggaruufi haleellaa diroonii raawwachuun himata.

    UAE'n garuu himannaa kana ni waakkatti.

    Sudaan biyyoota Afrikaa warqee gurguran keessaa tokko dha.

  5. Tiraamp Biyyoota Galoo Galaanaa Doolaara biiliyoona heddu gaafachuun falmii kaase

    Pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraampi dhaaltuu gonfoo Sa’udii Mohaammad bin Salmaan

    Madda suuraa, AFP

    Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraampi dhaaltuu gonfoo Sa’udii Mohaammad bin Salmaan

    Haleellaa Ameerikaan tibbana Iraan irratti raawwatteef deebii kennuuf Iraan buufata waraanaa Ameerikaa biyyoota Galoo Galaanaa keessa jiran irratti xiyyeeffachuu eegalteetti.

    Waa’ee kanaa kan dubbatan Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp Waayit Haawusitti miidiyaaleef haasawa taasisaniin, Ameerikaan nageenya biyyoota kanneenii eegsisuu itti fufti, garuu tajaajila sanaaf kaffaltii kaffaluun dirqama ta’uu ibsan.

    "Guyyaa nuti isaan haleelle baatii tokko keessatti silaa Iraan meeshaa niwukilaraa hidhatti ture. Osoo Iraan meeshaa niwukilaraa qabaatanii Israa'el kana booda jiraachuu dhiisuu dandeessi, Israa'eel qofa utuu hin taane tarii Bahi Giddu Galeessaa illee nagaa hin ta'u ture."jedhan TIraamp

    Tiraamp gaazexeessitootaaf haasawa taasisaniin, Ameerikaan naannicha eeguuf maallaqa guddaa baasaa turtee fi michoonni ishee baasii kana keessaa muraasa akka baadhatan yeroon isaa amma jedhan.

    Tiraamp gaazexeessitootaatti akka dubbatnitti Ameerikaan naannicha eeguuf maallaqa guddaa baasaa turtee.

    Haa ta'uu malee Michootni Ameerikaa yeroon itti baasii US baaftu keessaa muraasa isaa itti qooddachuun kanfalan amma jedhan.

    "Kutaa addunyaa baayyee badhaadhaa ta'e waan eegnuuf kaffaltiin akka naaf kaffalamu barbaada. Maallaqa guddaa baasna, kanaaf biyyoonni nuti eegnu eegumsa sanaaf kaffaltii nuuf kaffaluu qabu."

    Tiraamp Sa’uudii Arabiyaa, Yunaayitid Arab Emireet, Kuwaatar, Baahireen fi Kuweet biyyoota eegumsa Ameerikaa naannoo Galoo Galaanaa irraa fayyadamoo ta’an keessaa muraasaa jechuun eeran

    "Halkan kana haleellaa guddaa biraa ni raawwanna. Waliigaltee gochuu barbaadu... Waggoota 47f mari'achaa turre, garuu namni waraanaan isaan haleelee hin beeku. Baayyee cimsinee isaan haleelaa jirra."

    Gama biraatiin Doonaald Tiraamp Ameerikaan buufata doonii Iraan irratti uggura akka kaa’u beeksisaniiru. Akkasumas dooniiwwan fe’umsaa ulaa Hormuz keessa darban hunda irratti taarifa %20 akka kaa’amu beeksiseera.

  6. US ulaa lafa jalaa Iraan yuraaniyeemii itti gabbistu to'achuu akka dandeesu Tiraamp dubbate

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezidaant Doonaald Tiraamp U.S bakka Iraan sagantaa gabbisa yuraaniyeemii itti gaggeessituufi ulaa lafa jalaa gaarren jalatti argamu to'achuu akka dandeessu ibse.

    Tiraamp kan kana dubbate sagantaa raadiyoo Hugh ​Hewitt Show jedhamurratti Wiixata dhiyaachuun yoo ta'u, haleellaan Iraanirratti gaggeeffamu akka itti fufus dubbate.

    "Gaara Pickaxe [ulaa lafa jalaa wal-xaxaa gaarren jalatti argamuufi Iraan gabbisa Yuraaniyeemiif itti fayyadamtu] ni to'anna. Iraanonni akka qophaa'an itti himu," jedhe Tiraamp.

    "Gaara Pickaxe ilaalaa jirra. Ammatti waanti haaran achitti gaggeeffamaa jiru hin jiru. Sagantaa gabbisa nikularasaanii irratti baay'edhuma hojjataa hin jiran. Gaafa isaan waa hojjachuu dhageenye hunda ni haleella.

    "Waa'ee kanaa dubbachuu hin barbaadan. Garuu yeroo dhiyootti qabachuu dandeenya," jechuun dubbate Tiraamp.

    Gaarri Pickaxe naannoo wiirtuu gabbisa nikularaa Nataanzitti dhiyoo kan jiru yoo ta'u, haleellaa US ji'ootan dura gaggeessiteen heddu miidhamee ture.

    Bakki kun ulaa lafa jalaa baay'ee gadi fagoofi boombii US ulaa lafa jalaa ittiin mancaastun illee kan hin mancaane akka ta'e himu xinxaaltonni.

  7. Ashamaa!

    Tamasaasi kallattii keenya har'aa eegalleera!

    Pirezidaant Doonaald Tiraamp irra deebiin Iraanitti dhaadachuu itti fufeera. USfi Iraan haleellaa walirratti gaggeessuu itti fufaniiru.

    Inumaayyuu bakka Iraan gabbisa nikuaraa itti gaggeessitu "seennee to'anna" jechuun dubbate Tiraamp.

    Iraan maal gochuu dandeessi?

    Odessawwan biyya keessafi idiladdunyaa jala buunee isin biraan gahuu itti fufna.

    Dhiyaadhaa!