Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Komishinarri duraanii To'annoo Balaa Tasaa Mitikkuu Kaasaa hidhaa waggaa 13n adabaman

Komishinira To'annoo Balaa Tasaa Itoophiyaa kan turan Mitikkuu Kaasaa yakka malaammaltummaa cimaa ittiin himatamaniin balleessaa ta'uunsaanii mirkanaa'uun hidhaan waggaa 13 itti murtaa'e.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Karoorri Tiraamp waa'ee muddama Itoophiyaa fi Ertiraa maal jedha?

    Dokimantiin fuula 33 qabu Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa baase kun dhaadannoo Tiraamp 'Dursa ameerikaaf' ykn 'America First' jedhu bu'uura godhachuun kallattii ittiin dhaadannoo kana milkeessuun qopha'e.

    Hariiroon Ameerikaan Afrikaa waliin taasiftu tarsiimoo nageenya biyyaalessaa biyyattii karaa eegsisuun akka ta'u ibseera.

  2. Karoorri marii nagaa Gaazaa lammaffaan dhihootti eegala, garuu qormaata qaba- Neetaaniyaahuu

    Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu karoorri marii nagaa Gaazaa jaarsummaa US'n gaggeeffamaa jiru marsaa lammaffaan dhihootti ni eegalama jedhe.

    Garuu ammallee dhimmoonni furamuu qaban jiraachuu eere.

    Karoorri Tiraamp boqonnaan lammataa loltoonni Israa'el Gaazaa keessaa akka ba'anii fi bulchiinsi ce'umsaa akka hundaa'u akkasumas qaamni nageenyaa idiladdunyaa akka bobba'u eera.

    Hamaas ammoo hidhannoo hiikkata, Gaazaa deebisanii ijaaruun ni eegalama.

    Hidhannoo hiikkachuu ilaalchisee gaaffiin Hamaas akkuma jirutti ta'ee, qondaalli garee kanaa tokko meeshaalee waraanaa garecha harkatti hafan ''dabarsanii kennuuf ykn ol kaa'uuf'' yaada akka qaban ibseera.

    US fi qaamoleen jaarsummaan gidduu jiran kaan gareen lamaanuu marii marsaa lammataa milkeessuu akka qaban dhiibbaa uumaa jiru.

    Gaazaa keessatti dhukaasa dhaabuun erga waliigalamee ji'a lama guuteera, garuu ammallee qaamoleen lameen waliigaltee kana sarbuu irratti wal himachuu cimsanii itti fufaniiru.

    Loltoonni Israa'el ammallee kutaa Gaazaa walakkaa ol to'atanii jiru.

    Hamaas ammoo kutaalee hafan keessatti cimsee of ijaaraa jira.

    Neetaaniyaahuun akkaataa mariin marsaa lammaffaa itti milkaa'uu danda'u irratti Tiraamp waliin dhuma ji'aa kanaatti walarguun akka dubbatan gaazexeessitootatti himaniiru.

  3. Kirkira lafaa maagnitiyuudii 7.5 Jaappaanitti mudateen namoonni miidhaman

    Kirkira lafaa kaaba-baha Jaappaanitti Wiixata galgala mudateen namoonni 30 tahan yoo madaa'an kumaatamaan kan lakkaa'aman ammoo qe'ee isaanii gadhiisanii bahaniiru.

    Dhaabbanni Metiroolojii Jaappaan kirkirri lafaa kuni bulchiinsa Amoorii jedhamutti mudachuu himuun, sunaamii hordofsiisa jedhamee sodaatamee akka tures himeera.

    Baaburri geejiba uummataa hojii kan addaan kute yoo tahu, manneen ibsaan jalaa bades kumaatamaan lakkaa'amu.

    Guyyoota muraasa keessattis kirkirri lafaa kan ammaarra jabaatu akka dhufuu malu akeekkachiisuun, hawaasni of eeggannoodhaan akka socho'u miidiyaaleen beeksisaniiru.

    Lammiilee kirkira lafaan miidhamaniif yeroo ergaa dabarsan MM Jaappaan Sanaayi Taakaayichii: ''Yeroo hunda qophii balaa kirkira lafaa taasisaa, mana keessaa minjaalaafi barcuma hin sochoone qabaadhaa, yoo sochii dhageessan bahuuf qophaa'aa' jedhan.

    Jiraattoonni 90,000 tahan mana isaaniirraa akka bahan ajajamuu Rooyitars gabaaseera.

  4. Sudaanitti haleellaan magaalota, iddoowwan gabaa fi manneen barnootaa irratti raawwate namoota dhibbaan lakkaa'aman galaafate

    Waraana waliinii Sudaan keessatti haleellaa qilleensarraan raawwatuun manneen jireenyaa, iddoowwan gabaa, manneen barnootaa fi iddoowwan baqattoonni qubsiifaman hedduu manca'uu fi kanaanis lammiileen nagaa 1,700 caalaan ajjeefamuu qorannoon mul'iseera.

    Jaarmiyaan qorannoo bal'aa gaggeesse kun Sudan Witness Project jedhama. Ergan waraanni Sudaan Ebla 2023 eegalee haleellaa qilleensarraan raawwateen badii qaqqabe ifoomse.

    Gabaasi kun humni qilleensaa itti gaafatamummaa fi of eeggannoo tokko malee boombii dhukaasuun uummata nagaa gaaga'uu akeeke.

    Bu'aan qorannoo kanaa waraanni Sudaan akka fedhetti oppireeshinii gaggeessuuf humnaa fi dandeettii qabaachaa akka turee fi humni addaa- RSF ammoo humna qilleensaa akka hin qabne akeekus, garuu lameenuutti balleessaa mureera.

    RSF lixa Sudaan, Daarfuur keessatti uummata nagaa jumlaan fixuun sadarkaa addunyaatti himatameera.

    Akka qorannoo kanaatti Ebla 2023 hanga Adoolessa 2025tti Sudaan keessatti haleellaan qilleensaa 384 raawwateera.

    Kanaanis lammiileen nagaa 1,700 yoo ajjeefaman, 1,200 kan ta'an ammoo madaa'aniiru.

    Haleellaawwan kanneen keessaa 135 manneen jireenyaa irratti kan xiyyeeffataniidha, manneen fi bu'uuraaleen misoomaa boombiidhaan barbadaa'aniiru.

    Boombiin 35 giddugala gabaa fi bu'uuraalee misoomaa gabaa mancaasaniiru. Haleellaawwan 19 ammoo giddugala eegumsa fayyaa hedduurratti raawwataman.

  5. Akkam bultan?

    Tamsaasa kallattii eegalleerra. Haleellaa Sudaan keessatti hammaate, dhimma Gaazaa fi waraana Yukireen akkasumas odeeffannoo addunyaa irratti mudatan karaa kanaan ni argattu.

    Bakka nagaa oolaa!